Waancaa Addunyaa 2022 irratti arrabsoon 20,000 ol miidiyaa hawaasummaa irratti maxxaanfamaniiru - Fifa

Madda suuraa, FIFA
Yeroo Waancaan Addunyaa bara darbe gaggeefamaa turetti, miidiyaa hawaasummaa irratti arrabsoon taphattoota, lenjistootaa fi angaa’ota irratti xiyyeefatan 20,000 ta’an maxxanfamuu gabaasi Fifa eerera.
Softiweerii qabiyyeewwan sakatta'u Fifa fi gamtaa taphatootaa Fifpro’n kalqameen, maxxansawwan miidiyaa hawaasummaa miiliyoona 20 ilaalaman keessaa 286,895 ilaalcha uummataa irraa dhokfamaniiru.
Arrabsoon hedduun kan dhufe erga Ingilaand tapha nuusa-xumuraa irratti Harii keen rukkutaa adabbii galchuu dhabuun Firaansiin injifatamanii boodadha.
“Argannoo fi lakkoofsi gabaasa kana waan ajaa’ibsiisa miti, garuu kan hedduu nu yaaddeessanidha,” jedha pirezdaantiin Fifpro Deevid Agaanzoo.
“Kun qamoole tapha keenya waliin hariiroo qaban hundaaf agarsiisa cimaadha, akkaumas taphattoota keenya qoccollaa fi arrabsoon akkanaa hedduminaan irratti ga’aa jiruuf furmaatnii fi tarkaanfiin kana ittisuu akka fudhatamuuf karaa banuu mala.”
Gabaasi Dilbata gadhiifame kun akka eerutti, namootni 300 ol kan adda baafaman “tankaanfiin sirrii akka fudhatamuu danda’uuf,” eenyummaan isaanii angaa’otaaf ni qoodama.
Akkawuntiiwaan arrabsoo kunneen raabsan adda baafaman keessaa %38 keessa Awurooppaa irraa %36 ammoo Ameerikaa Kibbaa irraa ta’uu gabaasi kun eerera.
Bara darbe Fifa’n gamtaa taphattootaa Fifpro waliin ta’uun yeroo tapha idil addunyaatti taphattoota, lenjistootaa fi qondaaltota haleellaa miidiyaa hawaasummaa irratti ga’u irraa eeguuf karoora baase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirna tajaajila eegumsa miidiyaa hawaasummaa (SMPS) jedhamu, kan yaada (komentii) fi maxxansoota arrabsoo, loogii fi dorsiisa ta’an yeroo Waancaa Addunyaa Qataar irratti barreeffaman 19,636 adda baase.
Argannoon kun miidiyalee hawassummaa isaan ilaallatutti gabaafamuun, hedduun isaanii haqamaniiru.
Ergaawwan arrabsoo kunneen keessaa %13.4 korniyaa irratti kan hundaa’an, %12.6 ammoo jibba namoota saala walfakkataa jallatan irratti kan xiyyeeffatanii fi %10.7 ammoo jibba sanyummaa irratti kan xiyeeffatan turani.
“Dhaabbileen miidiyaa hawaasummaa arrabsoo fi doorsisa fuula isaani irratti barreeffammaniif deebiin kennaan yeroo dorgomichaatti guddachaa ture, ta’us qaawwaan akka jiru mul’iseera, keessuma kanneen Afaan Ingiliffaa hin taanen barreeffaman ilaalchise,” jedha gabaasi kun.
“Haleellaan jibba sanyummaa taphatoota irratti xiyyeefate guddaa dha, taphattoota 300 ol irratti xiyyeefateera, akkasumas taphattooti bebbeekamoon muraasi yeroo dorgommii kanaatti arrabsoo harka caaluuf saaxilamaniiru.
“Jibbi namoota saala wal fakkaataa jaallatan irra ga’uus guddaa ture, kanaratti deebiin miidiyalee sababa adda addummaa aadaan tarkanfiin fudhatamu danuu hin turre.”
Barreefamoota arrabsoo gabaafaman keessaa guddaa kan qabu Twiitara ture arrabsoo 13,105’n itti aanuun Inistagiraamii (5,370), Feesbuukii (979), YouTube (113) fi TikTok(69.)
Biyyaan yeroo ilaalamu biyyi arrabsoo guddaan irra ga’e Firaans, lammaffaa irratti Biraazil fi sadaffaan Ingilaand turani.
Waancaan Addunyaa Dubartootaa kan Hagayya 20 Awustiraaliyaa fi Niiw Ziiland keessatti gaggeeffamu, gargaarsa SMPS ni qabaata, akkasumas Fifan marsariitii namootni eenyuma isaanii utuu hin ibsin arrabsoo argan itti gabaasuu danda’an qaba.
“Fifa’n itti gaafatamumaa kubbaa miillaa kunuunsu qaba, keessumaa taphatootaa fi deeggartoota,” jedha pirezdaantiin Fifa Jiyaani Infaantiino.
“Ta’us, Fifan angaa’onn fi dhaabileen miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa isaanii ba’uun lola loogii akkanaa irratti taasifamu irratti akka hirmaatan ni eega.”















