Haleellaa rokkeetii konkolaataa deeggarsa fe'erratti raawwateen namoonni hedduun ajjeeffaman

Haleellaa konkolaataa Raashiyaa deeggarsa fe’ee deemaa ture irratti raawateen namootni 23 ajjeefaman.

Haleellichi kibba Yuukireen Zaaporiziyaa keessatti akka raawwate qondaalonni naannichaa himaniiru.

Namootni biroo 28 Jimaata har’aa ganama naannoo Zaaporiziyaa keessatti raawwateen miidhamaniiru. 

Miidhamtootni hundinuu namoota nagaati.

 Namootni miidhaman naannoo Raashiyaan qabameeru keessaa firoota isaanii baafachuuf akkasumas deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf imalaa turan.

Bulchaan naannichaa Raashiyaan muudde haleellichaaf Yuukireeniin himate.

 Haleellaan kun yerootti Putin Moskootti naannolee Yuukireen Zaaporiziyaa, Luhaaniski, Dooneski fi Keherson Raashiyaatti dabaluuf mallattoo isaanii kaa’uuf jedhanitti dhaqqabe.

Naannolee Bahaa fi Kibba Yuukiren ofitti dabaluuf Raashiyaan filannoo rifirendamii gaggeesera jette.

Uk fi biyyootni Lixaa gochaa Putin kana balaallefataniiru.

‘’Diinni naannoo qarqara magaalaatti haleellaa rokkeettii gaggeessan’’ jedhan bulchaan naannichaa Oleksaander Istaruuk.

‘’Uummanni firoota isaanii fi deeggarsa naannoo yeroof to’atame keessaa fudhachuuf hiriiranii eegaa jiru,’’ jedhan.

Istaruk itti dabaluun gareen hakiimotaa fi lubbuu baraartotaa bakkichatti argamuun hojjechaa jiru jedhan.

 Miiidyaan mootummaa Raashiyaan to’atamu aka gabaasetti, ‘’hidhattootni Yuukireen’’ haleellicha raawwatan.

Namootni 23 ajjeefamuus qondaalli Moskoon naannichatti muudde Vilaadmir Rogov himaniiru.

Raashiyaan Guraandhala 24 Yuukireen weerarte. Amma Moskoon naannoo Zaaporiziyaa to‘attee jirti. Buufanni niwukieraa guddichi adunyaa naannoo kanatti argama. Garuu magaalaa naannichaa hin qabanne.

Raashiyaan naannolee arfan Yuukireen ofitti dabaluuf sochii irra jirti. Garuu Ameerikaa dabalatee biyyootni Lixaa kaan tarkaanfii Putin kana hin fudhannu jedhan.

Pirezidaantiin US Joo baayiden biyyi isaanii beekamtii akka hin kennineef himaniiru.