Haaland Siitiif kontiraata waggaa 10 mallatteesse

Madda suuraa, Getty Images
Erliing Haaland Manchestar Siitii keessatti dulloomuuf waan murteesse fakkaata. Hanga bara 2034tti Siitii waliin turuuf waliigaltee mallatteesse.
Bara 2022 Dortimund irraa Siitiif kan mallatteesse lammiin Noweeyi kun taphoota 126 irratti galchii 111 Siitiif galcheera.
Haaland waliigaltee haaraa mallatteessen, waggoota 10 dhufaniif Siitii waliin akka turu mirkaneesse.
Waliigalteen inni mallatteesse kun bara 2034tti kan xumuramu yoo ta'u, yeroos inni ganna 34 guuta jechuudha.
Waliigalteen Haaland Siitif mallatteesse kun, seenaa Pirimerliigii keessatti waliigaltee waggaa dheeraadha jedhamee jira.
Haalanditti aanun waliigaltee waggaa dheeraa kan mallatteesse taphataa Cheelsif galchii omishaa jiru Kool Paalmari yoo ta'u, Paalmar waggaa 9 Cheelsii waliin turuuf mallatteesera.
"Kontiraataa koo haaraa mallatteessuf baay'ee gammadeer," kan jedhe Haaland " Manchestar Siitin kilaba addaatti, namoota ajaa'ibaafi deeggartoota dinqisiisoo ta'aniin kan guutameedha," jechuun Siitin bakka itti dandeettii ofii agarsiisuf haala mijataa namaa uumu ta'uu dubbate.
"Peep Gaardiyoolaa, garee isaa, warran waliin taphadhuufi kilabicha keessa kan jiraan hundu, waggoota darban keessa baay'ee waan na bira dhaabataniif garaa koorraan galateeffadha," jedheera.
Dayireektarri kubbaa miilaa Siitii Txiki Begiristain ammoo: "[Haaland] yeroo dheeraa turuuf mallatteesunsaa hangam akka isa barbaannufi innis hammam kilabicha akka jaalatu kan agarsiisudha," jedhan.
Haaland bara 2022-23 walumaa galatti galchiiwwan 52 Manchestar Siitif galcheera. Bara 2022 kilaba Jaraman kan ta'e Doortimund irraa gara Siitii kan dhufe Erliing Haaland waancaa Pirimerliigii lamaa, FA Cup tokko, Shaampiyoonsi Liigii tokkoofi Super Cup tokko Maan siitii wajjin fudhateera.
Abbaan Haaland taphataa sarara gidduu Maan Siitii ture. Ofii gaafa kubbaa fannisu, ilmasaa guddisee Siitiif kenne. Haaland bara kana si'a 28 siitif hiriiree galchiiwwan 21 lakkoofsiseera.
Maan Siitiin bara kana akka bara darbee milkaa'aa hin jiru. Pirimerliigii Ingiliz dursaa kan jiru Liivarpuul irraa qabxii 12n fagaatee jira.
Kontiraatasaa waggaa 10f Siitii waliin turuuf haaressuun isaa kan dhagahame, yeroo kilibachi murtee himannaa namuusaa irratti baname eeggataa jirutti
Namuusa tapha Pirimerliigii cabseera jechun himanni 115 Siitirratti kan dhiyaate yoo ta'u, yoo itti murtaa'e qabxiin heddu irraa cituu danda'a.












