Halaand taphoota sadirratti goolii torba galchuun kophaasaa kilaboota hedduu caale

Erling Halaand

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erling Halaand taphoota Piriimer Liigii bara kanaa sadi irratti goolii torba galche

Akkaataan Erling Halaand itti goolii galchaa jiru, lakkoofsi isaa kun Peep Gaardiyoolaatti raajii ta'eera.

Leenjisaan Maanchistar Siitii kun lakkoofsi goolii Halaand waan qoosaa fakkaata jedhanii torbee tokko booda ammas raajii hojjete.

Gaafa inni West Ham irratti ammas goolii sadi galchu Gaardiyoolaan waan jedhu wallaale.

Walitti aansuun torbee lamaaf hatirikii hojjete. Tapha West Ham waliin taphatanirratti Siitiin goolii sadii fi tokkoon kan mo'ate yoo ta'u gama Siitiin gooliin sadanuu kan Halaand.

Gareen Peep Gaardiyoolaa baranas dorgommii Piriimer Liigii haala amansiisaa ta'een eegaleera.

Taphoota darban sadanirratti kilabiin sadarkaa jalqabaa irraa fudhachuu danda'e hin jiru.

Halaand hanga yoonaa goolii torba kan galche yoo ta'u, taphataa Piriimer Liigii goolii hedduu galcheera jedhamu goolii afuriin caala.

Halaandiif barri kun akka gaariitti eegaleef. Ingilaand keessatti maashina goolii jedhameera.

Taphataan kun jalqaba wayita gara Ingilaand imales goolii 36 galchuun seenaa hojjeteera. Akkaataa amma itti eegale kanaan bara kanammoo kan caalu hojjechuu danda'a.

Peep Gaardiyoolaan lakkoofsi goolii Halaand nama kofalchiisa jedhan, dhugumayyuu akkuma leenjisaan kun jedheedha.

Leenjisichi Halaand taphataa isaa waan ta'eef hin arbeessine.

Taphoota Piriimer Liigii bara kanaa hanga ammaatiin gooliiwwan torba lakkoofsiseera, lama hatirikiidha.

Kanaanis kophaasaa gooliidhaan taphattoota kaan qofa osoo hin taane kilaboota hedduu ni caala.

Taphoota sadirratti goolii kilaboonni akka Barnilee yookiin Sheefiild Yunaayitid bara dorgommii darbe guutuu galchuu hin dandeenye galcheera.

Halaand taphattoota kilaboota Piriimer Liigii 72 keessaa 51 caalaa goolii galcheera. Hedduunsaanii haala caalaa kanneen tapharratti hirmaataniidha.

Taphoota jalqabaa sadirratti hatirikii lama hojjechuudhaanis rikardii waggaa 30 cabseera.

Rikardiin kun taphataa Biraadfoord Siitii Pool Jewel jedhamuun bara dorgommii 1994-95 galmaa'ee ture.

Erling Halaand

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erling Halaand bara jalqabaa Maanchistar Siitii galetti goolii 36 galche
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan sarara fuulduraa goolii hedduu galchuun beekamu Halaand, bara kana gareen biyyasaa [Norway] dorgommii Euro 2024 irratti waan hin hirmaanneef dirree kubbaa miillaarraa fagaatee boqonnaarra ba'e.

Taphataan kun amma ammoo ittuu cimeera, akkaataan inni itti goolii lakkoofsisaa jiru waan ta'ee beeku miti.

''Har'a goolii sadi galcheera, kubbaa tokkollee osoo itti hin fayyadamne hafee hin beeku,'' jechuun jaje Gaardiyoolaan.

''Har'a haala addaan taphateera. Akka har'aatti yeroon inni taphate hin jiru. Taphasaa fi waan inni barbaadu wayita ilaaltu, nama sammuu qaroo ta'uusaa hubatta.''

Anniisaa cimaa, sochii qaamaa fooyya'aadhaan gara dirreetti deebi'e Halaand.

Halaand Maanchistar Siitii keessatti goolii galchu 100n ga'uuf deemaa jira.

Goolii sadan kaleessa West Ham irratti galcheen goolii hanga ammaatti galche 70n ga'ateera. Kunis taphoota 69 irratti.

Akkasumas goolii sadan kunneen dabalatee hanga ammaatti hatirikii 11 Siitii keessatti hojjeteera.

Hanga ammaatti taphoota Piriimer Liigii bara kanaan yoo ilaalle akkaataan Halaand goolii itti galchaa jiru tapha tokkotti 2.3 dha.

Haala kanaan kan tapha guutuu barichaa yoo tilmaamamu goolii 89 galchuu danda'a.

Kana Halaand mataansaa waan itti fufsiisuu danda'u miti. Garuu hagam goolii galchuurratti hamaa akka ta'e mul'isa.