Haaland moo Halland? Deeggartoonni maqaa taphataa sirnaan akka qubeessan gaafataman

Madda suuraa, Getty Images
Maqaan tokko kan taphataa kilabii Maanchistar Siitii eega kilabicha seenee taphoota 15 keessatti galchiiwwan 22 galchedha.
Maqaan kan biraa garuu naannoo Siwiidin namoonni qarqara haroowwanitti bashannanidha.
Dogongora qubee muraasaan namoonni intarneetirraa waa’ee taphataa kanaa odeeffachuu barbaadan waan biratti bahaa jiru.
Halland maqaa naannoo Siwiidinidha. Maqaan taphataa lammii Noorwey garuu Haalandidha.
Hoogganaan boordii tuuristii Siwidiish Jiimi Saandberg xalayaa banaa barreessuun ummanni, gaazexeessitoonniifi jaallattoonni Kubbaa miilaa ergaa erguu dura qubee sirnaan akka qubeessan gaafatan.
'‘Nuti Halland dha. Innimmoo Haaland dha,’’ jechuun beekkamtiin taphatichaa dabaluun intarneeta gubbaa beekkamtii isaanii akka hube himan.
‘‘Yaaliin nuti Halland beeksisuuf taasisnu nu duraa badaa jira,'' jechuun dagatamuu akka malan yaaddoo isaanii ibsan.
''Naannoo bareedduu Siwiidin Halland keessa jiraannu yeroo barbaaddu wanti bakka hunda argattu Haaland dha,’’ jechuun waan intarneeta gubbaa isaan qunname BBC’tti himan.

Madda suuraa, Google
Erga inni Maanchistar Siitii dhufeefi galchii galchuu eegalee wanti kun mudatuu himan.
Inumaa Obbo Saandberg Haalandiif waamicha waan taasisaniif jechoonni lamaan caalaatti walitti dhihaachuu danda’u.
''As akka inni dhufu barbaanna,’’ jechuun himan. ''Lammiileen Norweey hedduu wagga waggaan nubira dhufu,’’ jedhan.
''Haaland, bona dhuftu Hallanditti wal haa agarru?’’












