Haalaand ganamumaan galchii sagal, mucuca Liiverpuuliifi injifannoo Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images
Erling Haalaand erga Maanchister Siitii galees gahumsa isaa itti fufuun rikardii Piriimer Liigii Ingiliz ammumaan cabsuuf waan aggaamu fakkaata.
Haalaand tapha Maanchester Siitiin duubaa ka’ee Kiristaal Paalaas mo’ate irratti galchii sadii lakkoofsise, guyyaa shan booda ammoo Nootiingihaam Foorest irratti gooliwwaan sadii biraa dabale.
Taphataan ganna 22 kun taphataa jalqabaa taphoota Piriimer Liigii shan irratti galchii sagal lakkoofsise taheera.
Ji’a hagayyaa keessa qofa taphataa jalqabaa galchii sagal lakkoofsises taheera.
Diyoon Dabiliin Maanchetser Siitiin adunyaa irraa taphataa sarara duraa dorgomaa hin qabne qaba jedhe.
‘’Piriimer Liigii keessa yoo ture rikardiin hundinuu ni caba,’’ jedhe.
Haaland waancaafi rikardii haaraa barbaada- Gaardiyoolaa
Taphataan lammii Noorwey kun dorgommii Piriimer Liigii keessatti taphataa torbaffaa walitti aansuun haatirikii [galchii sadii] lakkoofsise tahe.
Haarii Keen qofatu yeroo tokko caalaa haala akkasin lakkoofsise.
Haalaand Maanchester Siitiif haatirikii galchuun kan beekaman Kaarlos Teeveziifi Raahem Isterliingi waliin wal qixa taheera.
Serjiyoo Aguweeroo qofatu isaan caalaa lakkoofsise. Aguweeroon si’a afur Maanchester Siitiif haatirikii lakkoofsise.
Gaardiyoolaan akka Serjiyoo Aguweeroo nama addaa Maanchester Siitii keessatti jaalatamu tahuu baatus dandeettii akka isaa san qaba jedhan.
Akka dhunfaatti qabxii galmeessuun garuu waancaa hin mo’attu taanaan akka taphataa duraanii Maanchester Siitii san tahuun hin danda’amu jedhan.
‘’Serjiyoo Aguweeroo Siitii keessatti seena qabeessa. Namni tokkoyyuu onneen deeggartoota Maanchester Siitii keessaa isa baasuu hin danda’u.
Galchii seena qabeettii waancaa ittiin injifatan lakkoofsisuun addatti yaadatama.’’
Haaland haala kanaan yoo itti fufe rikardii galchii Piriimer Liigii Alan Shiireriin qabame cabsuu danda’a.
Imala Arsenaal dinqisiisaafi injifannoo Liiverpuul
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal barana %100 haala gaariin jalqabe. Gareen Istiifen Jeerard taphoota shan keessaa afur irratti mo’aman.
Arsenaal galchii Gabri’el Jesusii fi Martineelii lakkoofsisaniin Aston Viilaa mo’atan.
Gabri’el Jesus galchii sadaffaa Arsenaaliif lakkoofsisuu isaati.
Arsenaal erga dorgommii bara 2004-05 as yeroo jalqabaaf taphoota jalqabaa shanan walitti aansuun mo’ate.
Bara sana sadarkaa lammaffaa tahuun Liigicha xumuran.
Liiverpuul sekondii dhumaa irratti galchii Faabiyoo Karvaalihoo lakkoofsiseen Niwkastil mo’atan.
Taphataan Niwkastil paawondii miliyoona 60 Riyaal Soosedad irraa mallatesisan, Aleeksaander Ayizaaq galchii jalqabaa isaa lakkoofsise.
Liiverpuul qabxii sadii guutuu argachuuf hanga daqiiqaa dabalataa shan dhumanii daiiqaa 98 gahutti eege. Ol adeemaa Poorchugaal bara kana kilabichatti makame Karvaalihootu galchii injifannoo lakkoofsise.
Kilooppi ''galchii bara baraan yaadannudha'' jechuun ibsan.
Tootenahaam darbii Landaniin West Haam waliin morkii cimaa taasisuun qixa 1 fi 1’n xumuran.












