Fiilmin 'All or Nothing' jedhu Obaamayaang akkamiin Arsenaal akka gadhiise mul'ise?

Madda suuraa, Getty Images
Fiilmiin All or Nothing: Arsenal jedhuufi dhiyeenya jala jalaan gadhiifamaa jiru, waldhabdee leenjisaa Mikel Arteettaa fi dursaa garee kan ture Pierre-Emerick Aubameyang jidduu ture mul'ise.
Dokimantarii kanaan kutaaleen jalqabaa 1-3 jiran Hagayya 4 kan gadhiifamanii turan ennaa tahu, kutaaleen 4-6 jiran ammoo Hagayya 11 Amazon gubbaatti gadhiifamaniiru.
Dokimantariin kun Arteettaan maloota akkamii fayyadamuun taphattoota isaa akka kakaasu, akkasumas waa'ee taphattoota dargaggeessa tahan kanneen akka Bukaayoo Saakaa fi Emiil Ismiz Row hima.
Kutaaleen fiilmii kanaa 4-6 jiranii akkamiin Aubameyang kilabicha gadhiisee akka bahe kan agarsiisanidha.
Mudde keessa taphataan lammii Gaabon kun, leenjiif barfatee dhufuusaa hordofee aangoo dursaa garee qaburraa kaafame.
Taphataan ganna 33 kun ji'a ittaanutti kilabicha gadhiisuun bilisaan Baarseloonaa gale - kunis erga torbanootaaf kophaasaa leenji'aa ture boodadha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Kutaa 4ffaa All or Nothing irratti, Arteettaan erga murtee naamusaa kana fudhate booda waan jiru oggaa dubbatu agarra.
''Gaafa inni kontiraata isaa dheeressuuf waliigalu guddoo gammadeen ture,'' jedhe Mikeel.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Waliigaluun galma keenyee turre. Anarraa maal eeguu akka danda'uuf jecha, haala isaaf mijeesseen ture. Anis isarraa haala walfakkaataan fedha. Namni wantoota mariif hin dhiyaanne cabsa taanaan, haala rakkisaa taasisa.''
Viidiyoo kana keessa bakki Aubameyang waahilasaa taphataa biraa wajjiin dhimma ugguramuusaa ilaalchisuun wajjin haasawan jira - taphataan biraan kun garuu fuullisaa hin mul'atu.
''Irra deebiin akka isaanin dubbisu na gaafatan,'' jechuun mataasaa raasuun seeqe.
Arteettaanis tahe Aubameyang waan hin oolle kanarraa duubatti tarkaanfachuuf waan fedhii qaban hin fakkaatan ture - kun ammoo kan amma jalqabe hin turre.
Taatee biraatiin Arteettaan qondaala miidiyaa wajjin haasawa - akka waraabamu waan quba qabu hin fakkaatu.
Akkas jedhe Arteettaan: ''Kanaafidha waan hunda guyyaa fi sa'aatii wajjiin akkasumas waan haasofne, akkamiin akka raawwateefi maalif akka tahe kanin galmeesse. Gaaf tokko ni barbaadama taanaan...
''Dhimmoonni mudatan akkuma jiranitti tahee, yeroo hedduu barfateera. Maallaqni haga kana gahu sii kanfalama taanaan...''
Aubameyang dursaa garummaa isaarraa ittifamuun dura taphoota 163 taphachuun galchiiwwan 92 lakkoofsiseera. Inni ittifamee hanga gadhiisutti, Arsenaal goolii tokko duwwaan lakkoofsise.












