Poogbaan garee yakkaa qiindaa'een doorsifamaa akka jiru ibse

Madda suuraa, Getty Images
Pool Poogbaan garee yakkaa qindaa'ee kan dirqiin maallaqa gaafatuufi doorsisuuf saaxilamuu beeksise.
Taphataan sarara gidduu lammii Faransaayiifi dhiyoo kilaba taphataafi ture Juveentusitti kan deebi'e Poogbaan karaa garee abukaattota isaa ibsa Dilbata baaseen aanga'ootni dhimma isaa akka beekan godhamuu beeksise.
Ejensiin oduu Firaans AFP 'n maddeen isaa waabeffatee akka gabaasetti Poolisiin Xaaliyaan qorannoo jalqabeera.
Ibsa abbootii seeraa Poogbaa dura ammoo obboleessi isaa Maatiyaas dhoksaa Poogbaa ilaalchisee waan ifa baasu akka qabu viidiyoo miidiyaa hawaasa gubbaatti gadhiiseen waadaa galee ture.
Odeeffannoo guutuu kan hin laanne Maatiyaas Poogbaa dubbichi 'hamaa' ta'uu akka danda'u ibse.
Ibsi abbootiin seeraa Poogbaa baasan gareen yakkamtootaa qindaa'oon taphataan kun dirqiin maallaqa akka kennuuf gochuufi doorsisuu qofaan akka hin daangeffamne ibsa.
Qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu Xaliyaaniifi Faransaayitti ji'a tokko dura quba akka qabaatan godhamaaniiru jedhanii, qo'annoo gaggeefamaa jiru ilaalchisee yaadni dabalataa kennan akka hin jirre ibsan.
Bara 2018'tti biyya isaa Faransaay waliin Waancaa Addunyaa kan injifate Poogbaan, jijjiirraa tolaan bona kana Maanchistar Yunaayitiid irra gara Juveentusitti deebi'e.
Maatiyaas viidiyoo isaa keessatti ''aadunyaa guutuun, deeggartootni obboleessa koo, inumaa gareen Faransaayiifi Juveentus, miseensonni garee obboleessa koo fi ispoonsaroonni isaa wanta beekuu qabantu jira'' jedhe.
Dhoksaan ifa godhamu bakka bu'aa(agent) isaa Rafa'eel Pimentaas kan dabalatu ta'uu dubbate.














