Liiverpuul 14 galchuu danda'a ture, Haalaandi haatirikii, imala Arsenaal %100- Priimer Liigii Ingilizii

Madda suuraa, Getty Images
Injifannoo Liiverpuul kaleessa Barnimaz irratti galmeesse 9 fi 0 dura qabxii akka kanaa yeroo sadii qofa galmaa’ee beeka.
Maanchister Yuunaayitid Ispichii fi Saawuzhampitan irratti galchii wal fakkaataa 9 fi 0 galmeessee ture.
Kan biraan ammo Leester Siitiin Saawuzhampitan irratti kan lakkoofsise ture.
Taphataan Liiverpuul Roobertoo Firmiinoon taphoota 20 darban taphate irratto galchii homaa hin lakkoofsifne ture.
Tapha Barnimaz waliin godhan irratti galchii lama lakkoofsisuun sadii ammoo mijeessee kenne.
Firmiinoon galchii lakkoofsisuun rikardii gaarii qabaachuu baatus taphattootni kaan isa waliin taphachuu jaalatu. Sababni isaa ammo ofittummaa waan hin qabneef kubba mijeessee waan kennuuf jedhe taphataan duraanii Cheelsii Paat Neevin.
Paat ‘’Liiverpuul galchii 12,13,14 galchuu danda’u ture. Waan hundinuu haala gaariin jalqabee deemaafii ture. Barnimaw guyyaan akkasii seenaa keessatti akka irra deebiin isaan hin mudanne hojjetu jedheen abdadha’’ jedhe.
Barnimaz irratti galchii hedduun akkasii yeroo lakkoofsifamu kun kan jalqabaati.
Iskoot Paarker, leenjisaan kilabichaa waan akka kana ana mudatee hin beeku. Nama dhukkubsa jedhe.
Dorgommiin bara kanaa jalqabee taphoota afur irratti galchii 16tu irratti lakkaa’ame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanchister Siitiin bara darbe Kiristaal Paalaasiin injifachuun itti cimee ture. Gareen Paatirk Viyeeraa tapha kaleessaa irrattis galchii lamaa fi 0’n dursa qabatee ture.
Boqoannaa booda Erliingi Haalaandi galchii sadii lakkoofsisuun, Bernaandoo Silvaa galchii tokko lakkoofsisanii 4 fi 2’n mo’atan.
Haalaandi paawondii miliyoona 51.5n Maan Siitii erga galee gahumsa isaa agarsiisaa jira.
Taphoota afur irratti galchii jaha lakkoofsisuu isaati. Daarwin Nuunez Liiverpuul yoo galu, Haalaandi waliin wal dorgomuun kilaba isaanii waancaaf dorgomaa taasisu jedhamaa ture.
Liiverpuul dorgommii kana irratti suuta jalqabe. Maan Siitiin qabxii 10’niin Arsenaalitti aanee lammaffaa irra jira.
Nuunez adabbii kaardii diimaan Liiverppuliif taphataa hin jiru. Haalaandi ammoo milkaa’aa jira.
Gama biraan Maanchister Yuunaayitid turban darbe Liiverpuuliin erga injifate kaleessas Saawuzhampitan mo’ate. Erik Ten Haag Roonaaldoo fi Haarii Maguweer taa’umsa jijjiirra irratti kaa’anii taphicha eegalan.
Chelsiin taphataa tokko kaardii diimaan dhabus galchii Raahem isterliinhi lamaan Leester Siitii mo'ateera.
Arsenaal Morkii waancaaf
Arsenaal bara 2003-2004 haala Kanaan jalqabuun waancaa injifatan. Bara 2004.05 ammoo haaluma Kanaan eegaluun lammaffaa tahuun xumuran.
Waa’ee waancaa injifachuu amma dubbachuuf ammayyuu jalqabbii irra tahus Arsenaal jalqabbii gaarii agarsiisaa jira.
Arteettaan ofumaanuu ammallee dorgommii waancaaf fagoo akka jiran himeera.
Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiif garuu ganamummaan waan imalaa jiran fakkaatu.
Injifannoon Fuulhaam irratti goonfatan leenjisaa Arsenaal tahee Arteettaaf tapha 100ffaa isaati.
Arsenaal keessatti ilaalchi taphattootni injifannoof qaban jijjiiramuu Arteettaan himeera.
- Arteettaan leenjisaa thee taphoota 50 jalqabaa irratti qabxii 75 argate. [ 21 mo’ate, 12 qixa bahe, 17 mo’ame]
- Taphoota 50 itti aanan irratti ammo qabxii 100 argate [ 32 mo’ate, 4 qixa bahe, 14 mo’ame]
- Leenjisaa Liiverpuul Kilooppi taphoota 100 jalqabaa irratti tapha tokko qofa Arteettaa caalaa mo’ate.
- Arteettaan taphoota 100 jalqabaa irratti Ole Guunar Soolshayer waliin taphoota wal qixa mo’achuun qabxii argateera. Garuu yeroo Maarushiyoo Poochetiinoon Tootenhaaam leenjisaa ture waliin yoo ilaalle Arteettaan tapha tokko isa caaluun mo’ateera.
- Taphoota 50 booda kanaa irratti Arteettaan Kilooppi, Soolshaayerii fi Poochetinoo caalaa qabxii argateera.
- Taphoota 51-100 jiran irratti Arteettaa caalaa kan mo’ate Gaardiyoolaa qofa yoo tahu, inniyyuu taphoota lama qofa.












