Maan Yunaayitid dolaara mil. 100tti siquun Antoonii Ayaaksirraa fudhate

Mn Yuunaayitid Antoonii mallatesisuuf waliigale

Madda suuraa, Reuters

Maanchester Yuunaayitid maallaqa paawondii miliyoona 85tti [$100 mil] siqu baasuun Antoonii Ayaaksi irraa mallatteesisuuf waliigale.

Jalqaba kaffaaltii paawondii miliiyona 80 kaffaluun kan hafe miliyoona 4.25 tahu ammoo gahumsi taphatichaa ilaalamuun kan dabalamu taha.

Antooniin gara Maanchister Yuunaayitiditti imaluun sa’a 48 keessatti qorannoo medikaalaa isaa xumura jedhamee eegama.

Antooniin Pool Poogbaa fi Haarii Maguweeritti aanuun taphataa qaalii Yuunaayitid tahuu isaati.

Yuunaayitid Pool Poogbaa Juvantas irraa yeroo mallatteesise paawondii miliyoona 89.5 kaffale.

Antooniin lammii Biraazil yoo tahu erga bara 2020 Saa’oo Pooloo irraa Ayaaksi galee taphoota 82 irratti galchii 25 fi kubba galchii taate ammo 22 mijeessee kenneera.

Leenjisaa Yuunaayitid ammaa Erik Ten Haag jalatti kan leenji’aa ture Antooniin biyya isaa Biraaziliif bara 2021 keessa tapha jalqabaa taasisee taphoota sagal irratti galchii lama lakkoofsiseera.

Antooniin taphoota Shaampiyoonsi Liigii 11 irratti galchii torba keessaa qooda qaba. Seenaa Piriimer Liigii Ingiliz keessattis taphataa gatii qaaliin mallatteesse arfaffaa taha jechuudha.

Kunis Pool Poogbaa, Roomelu Lukaakuu yeroo Intermiilaan irraa Cheelsii galee fi Jaak Giriiliishitti aanuuni.

Yuunaayitid tapha Piriimer Liigiif Kamisa dhuftu gara Leester Siitii imala. Antooniin eeyyama hojii hagasitti waan hin xumurreef tapha kanaaf waan gahu miti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yuunaayitid bara kana taphataa shanaffaa mallattesisuu isaati. Kiristaan Eriksen, Melashiyaa, Maartinezii fi Kaasemiiroon kilabichatti makamaniiru. Ayaaksi irraa Antoonii fi Maartinez leenjisaa isaanii duraanii Eruk Ten Haag waliin Yuunaayitiditti makaman.

Roonaaldoon ergisaanis tahu kilabicha keessaa bahu mala jedhama. Miirri Roonaaldoo miira taphattoota kaanii kutaa uffannaatti jeeqaa akka jiru himama. Erik Ten Haag Roonaaldoo fi Haarii Maguweer taa’umsa jijjiirraa irra kaa’uun taphoota lamaan injifatan lamaan darban eegalan.

Antooniin miila bitaan taphata. Fuldura gama mirgaa irraan gara keessatti galuun taphachuun beekama.

Saffisa guddaa qaba. Kubba mijeessee kennuun beekama. Jabaatee hojjechuunis waan beekamuuf Erik Teen taphaticha haalaan barbaadan.

Erga Bireentifoordiin 4 fi 0’n mo’amanii Erik Ten haag taphattoota isaanii guyyaa boqonnaa haquun KM13.5 akka fiigan ajajan. Ofiis walumaan fiiguun adabicha fudhatan. Kun ammoo taphattootni garee faallaa taphattoota Yuunaayitid caalaa dirree keessatti bakka bal’aa waan haguuganii fi fiiganiif.

Antooniin haala Kanaan Erik Ten haag jalatti hojjechuun beekama.

Gaaffiin jiru dhufaatiin Antoonii haala taphaa [Lineup] Yuunaayitid akka jijjiramu godhamoo taphataan