Piriimer Liigii 2022-23 torban jalqabaan eenyufaatu milkaa'e?

Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz bara 2022-23 Jimaata Arsenaaliifi Kiristaal Palaasiin jalqabame Sanbataafi Dilbata kilaboonni 20n hunduu morkataniiru.
Kilaboota yeroo baayyee tarree duraarra jiran keessaa Arsenaal, Tootenhaam, Maanchester Siitiifi Chelsiin mo'achuun jalqaban.
Maanchester Yunaayitid yoo mo'amu, Liiverpuul ammoo qabxii gateera.
Maanchester Siitii
Tapha Piriimer Liigii bara 2022-23 torban jalqabaan Erliing Haalaand tapha jalqabaa Maanchester Siitiif taphateen goolii lama lakkoofsiseera.
Taphataan lammii Noorwey umuriin isaa waggaa 22 ta’e kun Maanchester Siitiin akka shaampiyoonummaa isaa eeggatu gargaaruu qofa osoo hin taane, Piriimer Liigii keessatti taphataa bara kana iji irra jiru ta’a jedhamaa jira.
Tapha Maanchester Siitiin - West Haam Yunaayitid waliin taphateen Haalaand, waanuma jijjiirraa ganna kanaan yeroo Boorusiyaa Doortimund irraa dhufe Peep Gaardiyoolaan irraan eega jedhee ture hojjetee agarsiise.
Maanchester Siitiin West Haam Yunaayitidiin qe'eetti dhaqeefii taphaan caalaa mo'ate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namuu akka Maanchester Siitiin mo'atu ni eega garuu akka kana warra West Haam Yuunaayitid qalbii bitaafi mirga wallaalchisanii hanga kubbaa miillaan dharra'anitti geessisu hin jedhamne.
Maanchester Yunaayitid
Tapha Piriimer Liigii torban jalqabaa biraatiin kan Maanchester Yunaayitidiifi Biraayitan gidduutti gaggeeffame akka hedduun eegan hin taane.
Biraayitan gara dirree Maanchester Yunaaayitid deemuun 2-1n injifatee deebiyeera. Kun ammoo leenjisaa Maachester Yunaayitid haaraa Eriik Teen Hag akka caalaa birratu taasiseera.
Taphataan warra Biraaytan Paaskaal Giroos jedhamu gooliiwwan lama gareen isaa ittiin mo'ate boqonnaa dura ture kan lakkoofsise.
Boqonnaa booda Kiristaano Roonaaldoon seenuun Maanchester Yunaayitidiifi xiqqoo si'oomsee ture. Garuu goolii taphataan Biraayitan Maak Alister of irratti lakkoofsiseen ala carraa hin arganne.
Egereen isaa maal ta'a jedhamee hedduu eegamaa kan ture Ronaaldoon eeggataa ta'ee daqiiqaa 53ffaa irratti seenus jijjiirama onnachiisu hin agarsiisiin bahe.
"Tapha kana mo'amuun sirrii hin turre," jedhe leenjisaan Maanchester Yunaayitd Teen Hag.
Chelsii
Chelsiin Everten waliin kan taphate yoo ta'u, goolii rukuttaa penaaliitiin argateen 1-0 mo'ateera.
Dirree warra Everten kanaan dura hedduu qaana'an irratti mo'atanii galuun Chelsii ciminatti akka jiran agarsiiseera. Kun ammoo leenjisaa isaanii Toomaas Tuchel akka gammadan taasiseera.
Leenjisaan kun waqtii jijjiirraa taphattootaa Gannaa kanaan taphattoota akka Raahem Isterliing fi Marc Cucurella gara Chelsiitti fideera.
Chelsiin taphattoota ciccimoo guutuu kan qabu ta'ullee, haala amma jiru kanaan garuu kilaboota ciccimoo akka Liiverpuuliifi Maanchester Yunaayitid dura dhaabbachuuf isa hafa jedhu warri kubbaa miilaa xiinxalan.
Liiverpuul
Dorgommii Piriimer Liigii darbeen qabxii tokkoon caalamee waancaa kan dhabe Liiverpuul tapha liigichaa kan bara 2022-23 jalqabaatiin qabxii gate.
Tapha kana irratti Fuulhaam galchii Aleeksaander Miitirovichiin dursa qabatus, Daarwiin Nuunez boqonnaa booda wal qixxeese.
Taphicha irratti gareen Fuulhaam bara kana gara Piriimer Liigiitti guddate gahumsa gaarii agarsiisuun 2 fi 2 qixa xumurame.
Hanga boqannaatti Liiverpuul yaaliin gara galchiitti godhan baay'ee xiqqaadha.
Gareen Maarkoo Siilvaa, Fuulhaam tapha bareedaa dirree isaanii irratti agarsiisaniiru.Gama Liiverpuuliin Luwis Diyaaz yaaliin gara galchiitti taasise tokko dhaabbii karra Fuulhaam dhahuun deebe.
Boqonnaa booda Liiverpuul taphataa paawondii miliyoona 85niin mallatesise Daarwiin Nuunez galche.Nuunez sochii gaarii agarsiisuun galchii baay'ee bareedaa tahe lakkoofsisuun Liiverpuul wal qixxeesse.
Taphaan booda yaada kennaniin leenjisaan Liiverpuul Yaargan Kiloop, bakka keenyatti deebiyuudhaaf fooyya'insa jabaa gochuu nu barbaachisa jedhe.
Arsenaal
Dorgommii Priimer Liigii 2022/23 Jimaata jalqabeen Arsenaal 2 fi 0 Kiristaal Paalas mo'achuun milkiin jalqabe.
Galchii Piriimer Liigii jalqabaa bara kanaa kan lakkoofsise taphataa sarara duraa Arsenaal Gabri'el Maartineeliidha.
Galchii lammaffaa ammoo karra isaa irratti tahus taphataa sarara ittisaa Kiristaal Paalaas Guyii jedhamudha.
Maayil Arteetaan bara kana taphattoota haaraa shan mallatesisuun garee isaa cimseera.
Tapha kaleessaa irrattis gahumsi Gabri'el Yesuusii fi Oleksaader Ziincheenkoo taphattoota Maan Siitii irraa mallateessanii guddaa ture.
Tootenhaam
Piriimer Liigiin Ingliiz kan bara darbeetiin 4ffaa ta'uun kan xumure Tootenhaam tapha jalqabaa bara kanaatiinis injifannootiin jalqabeera.
Tootenhaam hanga daqiiqaa 12tti Saawuz-hampitaniin dursamus boodarra cimee argamuun 4-1n mo'ateera.
Gareen Antooniyoo Konteen leenjifamaa jiru kun goolii lakkoofsisuu qofa osoo hin taane taphaanillee hedduu caalanii turan.
Piriimer Liigii bara kanaa eenyutu mo'ata?
Bara kana hojjetoonni TV fi raadiyoo keessaa walitti babba'an 22 Piriimer Liigii eenyu akka mo'atuufi eenyu ammoo 1-4 akka bahu tilmaamaniiru.
Tilmaama namoota 22 kana irratti hundaa'uun sadarkaan waliigalaa yoo bahutti: 1. Maanchester Siitii, 2. Liiverpuul, 3. Tootenhaam, 4. Chelsii, 5. Arsenaal, 6. Maanchester Yunaayitid agarsiisa.
Akka tilmaama isaanii kanatti, sadarkaa bara darbee waliin yoo ilaalamu Tootenhaam fi Chelsii qofatu bakka wal jijjiire malee kaan walfakkaata.
Bara darbe 4ffaa bahee kan xumure Tootenhaam, bara kana ammoo bakka Chelsii bara darbee fudhachuun 3ffaa ta'ee xumuraadha.
Taphoonni Piriimer Liigii bara kanaa sababa Waancaa Addunyaa Kaataaritti Sadaasa 21 irraa hanga Mudde 18 gaggeeffauun taphoota marsaa 16 booda addaan citee Mudde 26 deebiyee jalqaba.
Kun ammoo taphattoota garee biyya isaaniif taphatan miidhuufi dadhabsiisuullee waan danda'uuf Piriimer Liigii kana adda taasisa.












