Piriimer Liigii bara kanaan eenyutu mirgaan gala, warra kamtu ammoo sadarkaa 1-4 qabachuun xumura?

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Kilabootaa
Piriimer Liigii Ingiliiz kan bara kanaa (2022-23) kilaba kamtu mo’ata jettu?
Kilaboota warra kamitu ammoo sadarkaa 1 hanga 4 keessa galuun xumura?
Dorgommii Piriimer Liigii bara darbeetiin Maachester Siitiin mo’ateera. Liiverpuul, Chelsiifi Tootenhaam ammoo duraafi duubaan 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa ta’uun xumuran.
Arsenaal 5ffaa ta’ee kan xumure yoo ta’u, Maanchester Yunaayitid ammoo 6ffaa ta’uun xumurame.
Kan bara kan maal ta’uuf deema?
Namoonni kubbaa miilaa beeku jedhaman 22 TV fi raadiyoo keessa hojjetan tilmaama ogummaafi qorannoo isaanii irratti hundaa’e kennaniiru.
Isin kan ogeessoti kun tilmaaman dubbistanii kan keessan kaa’uu dandeessu.
Shaampiyoonaa bara darbee kan ta’e Maanchester Siitiin si’a sadiitiif walitti aansuun mo’achuudhaaf ammuma irraan hojjechaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan garee kanaa Peep Gaardiyoolaan kana milkeessuudhaaf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa waan jiru fakkaata.
Kanaan duras kilaboota gurguddoo akka Isipeen keessaa Baarseloonaa (2008-11), jarmanitti ammoo Baayiren Muniik (2013-16) walin milkeessee beeka Gaardiyoolaan.
Kan baranaa kana hoo walitti aansuudhaan akka hin mo’anne kilaba kamitu jala dhaabbbataa?
Bara dabe keessa Liiverpuul morkataa cimaa Maanchester Siitii walin kokkee walqabaa turedha. Maanchester Siitiin qabxii waliigalaa 93 tokkoffaan yoo xummuru Liiverpuul ammoo 92 guurrachuun qabxii tokko qofaan caalamuun ture kan lamaffaan xumure.
Kilaboonni biroon shaampiyoonaa bara dabree kan ta'e Man Siitii harkattri qabachuu danda'u jedhaman akka Maanchester Yunaayitid, Chelsii, Tootenhaam fi Arsenaal bara kana wan haaraa fidu ta'aa?
Maanchester Yunaayitdiif leenjisaa haaraa Eriik ten Haag jalatti dubbiin waan haaraa ta'uu danda'a.
Bara darbe 6ffaa ta'uudhaan kan xumure Maanchester Yunaayitid Siitiif yaaddoo ta'uu yaa turuu sadarkaa 1-4 keessa bahuuniyyu gaaffiidha kan jedhan jiru, erga bara 2013 shaampiyoonaa ta'ee milkaa'inni akka jalaa fagaatte kaasuun.
Cheelsin bra dorgommii 2021-22 keessa gara caalu raafama keessa darbe. Bara kanoo maal fiduuf deema?
Warri Tootenhaam dhuma tolanii sadarkaa afraffaa qabachuun xumuran. Bara kana Maanchester Siitiin akka shaampiyoonaa ta'uun atiriikii hojjetu taa'anii ilaaluuree?
Arsenaal kan carraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessa galuullee erga bara 2016 as itti milkaa'uu dadhabe Maanchester Siitii dura dhaabbachuu danda'aa?
Ogeessonni 22 TV fi raadiyoo keessaa filataman garee afran jalqabaa ta'u jedhan tilmaamaniiru. Tilmaama isaaniifis ibsa kennaniiru.
Tilmaamni kenname kun haala cimina kilaboonni yeroo ammaa irra jiran, milkaa'ina isaan yeroo darbe agarsiisaa dhufan, akkasumas jijjiirraa taphattootaa yeroon isaa dhumachuuf torban sadii hafes ilaalcha keessa galcheera.
Tilmaama eenyu mo'ata jedhuuf namoota 22 kanaan kennnameen kilboota lama qofatu filatame- Maanchester Siitiifi Liiverpuul. Ogeessota 22 kanneen keessaa 13 Maanchester Siitiitu mo'ata yoo jedhan kanneen hafan 9 ammoo Liiverpuul ta'a jedhan.
Tilmaama namoota 22 kana irratti hundaa'uun sadarkaan waliigalaa yoo bahutti: 1. Maanchester Siitii, 2. Liiverpuul, 3. Tootenhaam, 4. Chelsii, 5. Arsenaal, 6. Maanchester Yunaayitid agarsiisa.
Akka tilmaama isaanii kanatti, sadarkaa bara darbee waliin yoo ilaalamu Tootenhaam fi Chelsiitu qofatu bakka wal jijjiire malee kaan walfakkaata.
Bara darbe 4ffaa bahee kan xumure Tootenhaam bara kana ammoo bakka Chelsii bara darbee fudhachuun 3ffaa ta'ee xumuraadha.
Taphoonni Piriimer Liigii bara kanaa sababa Waancaa Addunyaa Kaataaritti Sadaasa 21 irraa hanga Mudde 18 gaggeeffauun taphoota marsaa 16 booda addaan citee Mudde 26 deebiyee jalqaba.
Kun ammoo taphattoota garee biyya isaaniif taphatan miidhuufi dadhabsiisuullee waan danda'uuf Piriimer Liigii kana adda taasisa.












