Iccitiin milkaa'ina atileetota dubartootaa Itoophiyaa maali?

Lettesenbet Giidey, Gudaaf Tsaggaay, Warquhaa Geetaachoo fi Gooyitatoom Gabrasillaasee bitaa gara mirgaatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lettesenbet Giidey, Gudaaf Tsaggaay, Warquhaa Geetaachoo fi Gooyitatoom Gabrasillaasee bitaa gara mirgaatti

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti atileetiin yeroo jalqabaaf Itoophiyaa bakka bu'e Kabbadaa Baalchaa jedhama.

Atileet Kabbadaan bara 1983 shaampiyoona atileetiksii addunyaa Finlaand Helsiinkiitti qophaa'e irratti Maaraatooniin Itoophiyaaf akkasumas Afrikaaf meedaaliyaa jalqabaa argamsiise.

San booda dorgommii kanarratti Itoophiyaan meedaaliyaa kan argatte dorgommii bara 1993 Jarmaniin qopheessite irratti atileet Hayilee Gabrasillaaseedhaan ture.

Bara 1995 garuu seenaa haaraatu dalagame.

Atileet Daraartuu Tulluu atileetii dubartii shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti Itoophiyaa bakka buute jalqabaa taatee gara Siwiidin qajeelte.

Daraartuun dorgommii kanarrattis fiigicha meetira 10,000nin lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii argattee deebite.

Bara 1999 atileetonni dubartootaa faana Daraartuu dhahuun Geexee Waamii warqee, Quxiree Dullachaa fi Ayyalachi Warquu nahaasii fidanii deebi'an.

Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa 8ffaa Kaanadaa Eedimantanitti qophaa'erratti atileet Daraartuun warqee, Birhaanee Adaree meetii, Geexee Waamii fi Ayyalachi Warquu ammoo nahaasii argatan.

Bara 2003 shaampiyoona 9ffaa Firaans Paariisitti qophaa'e irratti Itoophiyaa bakka bu'uun atileetota garas imalan keessaa tokko shamarree ganna 18 Xirunesh Dibaabaa turte.

Fiigicha meetira 5000 irratti atileetiin Ispeen Maartaa Domingeez akka injifattu eegamaa turte. Yoo ishiin injifachuu dhabde Birhaanee Adaree ykn ammoo atileetiin Keeniyaa Adiit Masayaa tilmaama meedaaliyaa warqee injifachuu argatanii turan.

Garuu akka eegame hin taane, bilbilli yoo rukutamu Xirunesh Dibaabaa duubarraa ka'uun atileetota eegamaa turab bira kuttee tokkoffaa baate.

Itoophyaan dorgommii kanarratti addunyaarraa sadarkaa afraffaa qabachuun xumurte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa lama booda bara 2005 shaampiyoona 10ffaa Helsiinkiitti qophaa'e irratti ammoo waan addaatu ta'e.

Dorgommiiwwan meetira 5000 fi 10,000 irratti atileetonni dubartootaa tokko hanga sadii walitti aananii galuun moggaasa 'lolaa magariisa' jedhu addunyaan wal barsiisan.

Xirunesh Dibaabaa fageenya lamaaninu warqee injifattee Itoophiyaan Ameerikaa fi Raashiyaatti aantee sadarkaa lammataan akka xumurtu goote.

Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa irratti atileet Xirunesh Dibaabaa warqee shan injifachuun seenaa hojjetteetti.

Atileet Soofiyaa Asaffaa fiigicha gufachiisa meetira 3000 irratti atileetii yeroo jalqabaaf Itoophiyaaf meedaaliyaa argamsiiftedha.

Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa irratti gumaachi atileetota dubartootaa Itoophiyaa daran olaanaadha.

Shaampiyoonaa bara kana Origoonitti qophaa'e irrattis kan ta'e kanuma. Warqee afur Itoophiyaan argatte keessaa sadi dubartootatu fide.

Ofii iccitiin atileetonni dubartoota shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti milkaa'aniif maali?

"Kutannoo"

"Qabxiin bara kana galmeessifne nu barbaachisa ture" jetti gaazexeessituun isportii Haannaa Gabrasillaasee.

"Akkaataa uummanni atileetota isaa itti simate yoo agartu hiikkoon qabxii galmaa'ee salphaatti siif gala" jetti.

Filannoo atileetotaa fi yeroo qophii gabaabaa ture waliin yoo madaalamu qabxiin argame kan hin eegamnedha jetti Haannaan.

Shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa darban waliinis yoo madaalamu qabxiin argame adda ta'uu himti.

"Heelsiinkii fi Paariis waltajjiiwwan qabxii gaarii itti galmeessinedha. Yaadannoo yeroo dhiyoo kan ta'ee fi qabxii gadi aanaa kan itti galmeessine ammoo Deeguudha. Kanneen waliin yoo madaalamu qabxiin baranaa addadha," jetti.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti warqee 33 dabalatee walumaagalatti meedaaliyaa 95 injifatte.

Qabxii kanaan seenaa dorgommichaa keessatti Itoophiyaan addunyaarraa jahaaffaa, Afrikaa irraa ammoo Keeniyaatti aanuun lammaffaarra jirti.

Meedaaliyaa 95 keessa 47 kan dubartootaa, 48 ammoo kan dhiirotaati.

Iccitiin kanaa "kutannoodha" jetti Haannaan.

Gahumsi atileetonni dubartootaa walitti fufiinsaan agarsiisan dhiirota biratti hin mul'atu jetti Haannaan.

Atileetonni dubartootaa Itoophiyaa olompiikii irrattis ta'e, shaampiyoonaa addunyaa irratti milkii argamu keessaa qooda fooyyee qabuu jetti.

"Atileetonni dubartootaa gorsa ni dhagahu, ni ajajamu, leenjii kennamuuf sirnaan raawwatu yaadonni jedhan jiru" kan jettu Haannaan iccitii milkaa'ina isaanii qixa sirriin hubachuuf garuu qorannoo feesisa jette.

Bulchiinsa Daraartuu

Waltajjii atileetiksii garaagaraa irratti maqaa biyyaa kan waamsifte Daraartuun pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa tahuun erga filamteen as jijjiirama fiddeetti yaadni jedhu dhagahamaa jira.

Haa tahu malee haalli hundi isheef afaa hin turre.

Erga federeeshinii kana hogganuu jalqabdeen as ala lama shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti, al tokko olompiikii irratti, yeroo kaan immoo dorgommii atileetiksii mana keessaa addunyaa irratti garee Itoophiyaa bakka bu’u hirmaachifteetti.

Shaampiyoonaa addunyaa bara 2019 Kuwaataar, Dohaatti qophaa’een Itoophiyaan warqeee lama, meetii shanii fi maaldaa tokkoon deebiteetti. Akka addunyaatti sadarkaa shanaffaa qabachuunis xumurteetti.

Kanaan booda dorgommii Olompiikii Tookiyoo bara 2022 irratti garee atileetiksii Itoophiyaa kana hogganuunis hirmaatte.

Waltajjii kanarrttis Itoophiyaan meedaaliyaa afur argachuun xumurte,kunis waltajjii olompikii Itoophiyaan hanga yoonaa irratti hirmaatte keessaa lakkoofsa meedaaliyaa isa xiqqaa dha.

Dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii mana keessaa Bitootessa keessa adeemsifameen Itoophiyaan warqee afur, meetii sadiifi maaldaa lama fiduun Ameerikaa dursuun sadarkaaa tokkoffaa irratti xumurteetti.

Hoggansa Daraartuu jalatti shaampiyoonaa atileetiksii addunyaaf gara Ameerikaa, Oriigan kan imale gareen Itoophiyaa warqee afur, meetii afur fi maaldaa lama guuruun addunyaarraa sadarkaa lammaffaa qabachuun xumuree jira.

Haannaan qabxii yeroo dhihoon as dhufaa jiruuf Daraartuun shoora guddaa akka qabdu dubbatti.

"Yeroo shaakkallii dorgomtoota dhuftee jajjabeessiti. Dubartii ijoollummaa keerraa qabdee dinqisiifattu dhihootti argachuuniyyuu waan guddaa dha. Miira akkashee goota tahuu, dorgomaa tahuurra darbee fakkeenya tahuu akka barbaaddu si godha."

"Atileetota dhiisii unuufiyyuu Daraartuu argachuun ‘kaka’umsi’ kennu adda dha," jetti.

Dhiibbaa dandamachuu

Dorgommiin Oriigan kuni haala siyaasaa biyya keessa jiru kan agarsiise ture.

Dorgommii meetira kuma 5 irratti yeroo Gudaaf Tsaggaay mo’atte, deggartoota achi turan keessaa tokko alaabaa naannoo Tigraay qabachuun gara Tiraakii yeroo galu TV irratti kallattiin mul’atee ture.

Kana durammoo atileetonni waltajjii atileetiksii irratti ergaa siyaasa qabu dabarsan turan.

Warqee afur argame keessa sadansaa kan fidan dubartootaafi dhalattoota Naannoo Tigraayi dha.

Haala yeroo amma jiruunis atileetonni kunneen maatii isaanii waliin wal-hin agarre.

Atileetonni kunneen dhiibbaa kana hunda dandamatnii dorgommii kana mo’achuun waan dinqii dha jechuun miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turan.

Haannaanis kuni ajaa’ibuma jetti.

‘’Afaan Ingiliiziin jechamni tokko jira. ‘’What doesn’t kill you makes you stronger,’’ waanti si hin ajjeessne ittuu si jabeessa,’’ akka jechuuti.

‘’Haala siyaasaa jiruun jalqabarra atiletota kunneen waliin shaakallii gochuun ulfaataa tahee ture, kana malees carraa dorgommii irratti hirmaachuu dhabuu fa’irra gahanii turan, kanuma keessa dha kan qabxii fidan,’’

Haannaan ba’aan atileetonni kunneen baatan isa yaadamuuun oli dha jetti.

‘’Dhiibbaan ittuu akka jabaatan isaan taasiseera, kanaafi atileetonni sadeenuu yeroo mo’atan miirri gammachuufi gaddaa kan irraa mul’atu. Waan maatii isaaniirraa dhagahame yoo yaaddu garuu gammachuun kee hir’uu tahuu mala,’’

Atileetonni biyyatti yeroo deebi’an masaraa mootummaatti simannaan ho’aa taasifameerfaafi. Pireezidantiin biyyattii Saahileworq Zawudee irraas beekamtiifi badhaasa fudhataniiru.

Pireezidant Saahilworq,’’injifannoon kuni uummata gadde, jireenyi itti ulfaate, akka biyyaatti eessa jirra jedhuuf gammachuu fideera. Qofaan mo’adha qofa osoo hin taane hojii gareedhaan injifannoo warra kaaniif kanneen karaa banan agarree jirra, Lattasanbata barnoota guddaa nuu kennite,’’ jedhan.

Daraartuun,’’Naannoo Tigraay keessa ammallee atileetota qabna kanaaf iddoo jiranitti shaakallii akka jalqaban, yoo barbaachisaa tahemmoo akka dhufan, mootummaan atileetota kanaafimmo maatii isaanii akka argan tumsa akka godhu nan gaafadha,’’ jette.

Itoophiyaan atileetiksii shaampiyoonaa addunyaa irratti yeroo dhumaaf warqee kan argatte bara 2015, Beejingitti Maaree Dibaabaadhaani.

Shaampiyoonaa isa baranaan rekardii dorgommichaa cabsuun kan mo’atte Gooyititoom injifannoon booda miira wal-makaatu irraa mul’ata ture.

"Yeroon nyaadhu maatii koon yaada. Kuni immoo dhiibbaa sirraan gaha. Namni gaafa gammadu argeera, iddoo maatiin keenya jiran otoo deemnee gammachuun keenyas guutuu taha ture," jette Gooyititoom sagantaa badhaasaa masaraa mootummaan booda af-gaaffii BBC waliin taasifteen.

"Namni hundi nan mo’adha jedhee akka galu anis abdii dhuma kanaanin gale," jechuunis dubbatteetti.

"Morkattuu koo waliin saffisni ittti fiigaa turre kan meetira kuma 10 malee kan maaraatoonii hin fakkaatu. Sun qormaata ture," jetteetti.

"Qabxii baayyee dubartootaan dhufuun baayyee na gammachiise, garuu dhiirotis ciminaan hojjetanii turan, maaraatoonii irratti dhiiroti mo’achuun nus akka mo’annu hamilee nuu taheera," jechuun dubbatteett.