Arsenaal fi Chelsii tapha michummaa taasisan irra aanan

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan erga kilabni isaa tapha michummaa Everton wajjiin taasisan 2fi 0n injifatan booda taphataa haaraa mallatteessan, Gaabri'el Yesuus, akkaan jajan.
Taphataan £45m itti baasanii bitan kun barri taphaa adoo hin jalqabamin dura gahumsa dansaa agarsiisaa kan jiru oggaa tahu, tapha biyya Ameerikaa, Baaltimooritti taasifame irratti daqiiqaa 33 irratti goolii galche.
Taphataan lammii Biraazil kun torbanoota darbanittis kilaba Nuremberg irratti galchii lama kan lakkoofsise oggaa tahu, galchii lammeessoo kilabichaaf Bukaayoo Saakaaf kubbaa mijeessee dabarseera.
''Haala hin eegamne uuma, [ati otoo hin beekin] yeroo hunda dudduuba kee jira,'' jedhe Arteettaa.
''[Morkattootaaf] sodaa uuma, kanadha kan barbaadaa turre. Bakka hundaaf tola, tahus garuu iddoon akka inni taphatuu barbaadnu [lakkoofsa sagal] irratti.''
Arsenaal magaalaa Orlaandotti torban dhufu keessa, Orlaandoo Siitii fi Cheelsii wajjin ni taphata.
Cheelsiin gamasaaniitiin yeroosaanii barri taphaaa jalqabamuun dura jiru, moo'ichaan eegalaniiru. Tapha kilaba biyya Meeksikoo Kilab Ameerikaa jedhamu wajjin Laas Veegaasitti taphatan 2fi 1n irra aananiiru.
Chelsiin daqiiqaa 55tti dursa kan qabatan oggaa tahu, goolii jalqabaa kan lakkoofsise Timo Werner ture.
Kilab Ameerikaahaala adda taheen walqixa tahe. Kunis wayita Riis Jeems karra eegaa isaaf gara duubaa dabarsuuf yaaliin taasise, galchii ofitti naqe.
Boodarra garuu taphni obba'uuf daqiiqaan torba wayita hafutti Mason Mount goolii bareedaa fageenyarraa galche.
Chelsiin guyyaa Roobii Kaarolaayinaa Kaabaatti Kilaba Charlotte wajjin kan taphatu ennaa tahu, Sambata ammoo Arsenaal wajjin falmu.
Magaalaa Hiwustanitti ammoo shaampiyoonaan baranaa Maanchistar Siitiin Kilab Ameerikaa wajjin taphatu.
Taphattootaafi leenjistoota haaraa makaman, uffata haaraa - deeggartoonni kubbaa miilaa waqtiin taphaa inni ijoo otoo hin eegalamin dura, sagantaa kanaan walargu.
Weerarri koronaavaayiras seenuun, uggurri kaa'ame erga kahee booda taphni bara taphaan dura taasifamu (pre-season) 2019n booda yeroo duraatiif taphachaa jiru.












