Arsenaal 5 lakkoofsisee, Maan Yunaayitid ammoo cimina Raashford fi David de Hiyaan mirgaan galan

Madda suuraa, Getty Images
Tapha kilaboonni Piriimer Liigii gariin isaanii si'a 12ffaa, kaan ammoo 13ffaa taphatan kanaan Arsenaal 12 mo'atee, tokko walqixa bahee tokko ammoo mo'amee qabxii 31'n Liigicha dursaa jira.
Shaampiyoonaan bara darbee Maanchester Siitiin ammoo qabxii 29 lamaffaarra jira.
Taphoota 13 kan taphatan Tootenhaam fi Niiwukasil ammoo duraafi duubaan qabxii 26 fi 24n sadaffaafi afraffaa qabataniiru.
Sadarkaa ammaa kanaan Maanchester Yunaayitid 5ffaa, Chelsiin 6ffaa, Liiverpuul ammoo 9ffaa irratti argamu.
Piriimer Liigiin Ingiliiz guyyoota lamaan darban (Sanbataafi Dilbata) taphatame irratti wantoonni nama hawwatan mul'ataniiru.
Arsenaal
Arsenaal tapha Yurooppaa Liigii irratti Kamisa darbe PSVtiin mo'atamee ture. Kaleessa garuu Nootinghaam Forest irratti goolii 5 lakkoofsisuun gara mo'achuutti deebiyuu qofa osoo hin taane, gara Piriimer Liigii dursuutti debiyeera.
Taphataan lammii Biraazil Gabri'eel Maartineelii daqiiqaa 5ffaa irratti kan Bukaayoo Saakaa qixeessee ergeef mataan qajeelchee rukkutuun goolii miidhagaatiin jaqaban.
Taphataan dargaggeessi Ree'is Nelson kan Saakaa bakka bu'ee gale ammoo goolii lama itti dabaleera. Nelson goolii lamaanuu wal walirratti kan lakkoofsise yoo ta'u, erga Sadaasa 2020 as garee isaa kanaaf kan lakkoofse jalqaba ta'uu isaati.
Gooliiwwan Tomaas Paartee fi Maartiin Odegaard tokko tokko itti dabaluun goolii 5 itti roobsuun qabxii lamaan Maanchester Siitii caaluun dursaa jira.
Forest ammoo taphawwan saddet mo'amuun dhuma Liigichaa irratti argama.
Bukaayyoo Saakaa taphataa Reenaan Loodii irraa isa mudateen miidhamee hanga daqiiqaa 27tti si'a lama wallaansi taasifamuufillee oomaa wayyaa'uu waan hin dandeenyeef addaan kutee baheera.
Saakaan goolii Maartineliin daqiiqaa 5 irratti lakkoofsise sirriitti mijeessee kenneeraaf.
Miidhamuun Saakaa Ingilaad akka yaaddoo keessa galu ta'eera sababiin isaa ammoo dorgommiin Waancaa Addunyaa 2022 jalqabuuf torbeen sadii yeroo hafetti waan ta'eef.
Nootinghaam Forest boqonnaan booda walumaa galatti ni mudhuke.
Forest torban darbe Liiverpuuliin mo'atullee kaleessa garuu Arsenaaliif harka kenneera.
Maanchester Yunaayitid
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jalqaba tapha Piriimer Liigii bara kanaatiin dubbiin toora osoo hin galiiniif kan ture Maanchester Yunaayitid gahumsa isaatti deebiyaa jiraachuun isaa ifatti mul’ateera.
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaan Maanchistar Yunaayitid yeroo dheeraaf gatantaraa erga tureen booda dhumarratti ciminsa gaarii duraan ittiin beekamutti deebi'aa jira jechuun tapha kaleessa West Haam waliin taphateen dura yaada isaa kenneera.
“Maanchistar Yunaayitid gara sadarkaa olaanaatti dorgomaa ta'uuf karaa irra jira,” jedhe Peep Gaardiyoolaa.
Goolii Maaros Raashfoord lakkofosise Maanchester Yunaayitid West Haamiin 1-0n akka mo'atee ba'uuf gargaareera.
Gooliin Raashoord kun kan inni Maan Yunaayitidiif lakkoofsise 100ffaa ta'uu isaati.
Taphataan umuriin isaa waggaa 24 Ingilaandiif abdii ta'e kun boqonnaa ba'uudhaaf daqiiqaan torba yeroo hafutti kubbaa bareedduu Kiristiyaan Eriksan barreechee keneef mataan qixeessee manii keessa buuseera.
Sababa miidhama Antooniitiin Kiristaanoo Ronaaldoon kaleessa jalqabarraa kaasee hiriirus goolii lakkoofsisuutti hin milkoofne.
Keessumaa boqonnaa booda carraa goolii galchuu tokko maseenseera.
Warri West Haam hedduu Maanchester Yunaayitid sardaa turaniiru. Goolii galchuudhaaf irra deddeebiin yaalii jajjabaa taasisaniiru.
Garuu karra eegaan Maanchester Yunaayitid Daavid de Gea tasa kubbaan karra kiyya hin seentu jedheera. Kubbaa ciccimaa yaalame akka laastikaatti dhifamee qoalataa ooleera.
Daavid de Gea kaleessa Maanchester Yunaayitid akka mo'atee galuuf gahee addaa bahateera.
Leenjisaan garichaa Erik ten Hag "akka malee cimaadha" jechuun jajateera.
Karra eegaan lammii Ispeen kun gooliiwwan sadii ol taphattoota West Haam irraa itti falfalaman karaatti hambiseera.
Maanchester Siitii
Maanchester Siitiin Sanbata darbe Leester Siitii waliin taphatee goolii 1-0n moachuun hanga kaleessa Arsenaal gara dursaatti deebiyuutti Liigichaan dura taa'ee ture.
SGoolii tokkittii Siitiin Leesteriin ittiin mo'ate kan lakkoofsise, Keviin De Bruyne ture.
Taphataan Maanchester Siitii sarara duraa dirree seenee osoo goolii hin lakkoofsisiin hin baane barana qalbii hedduu hawwate |Erliing Halaand miidhamaan hin taphatiin hafeera.
Chelsii
Chelsiin amma taphoota 12 taphate keessaa sadiin mo'amee, sadii walqixa bahee, ja'a ammoo mo'achuun qabxii 21 qabatee sadarkaa 6ffaa irratti argama.
Sanbata darbe Biraayitan waliin taphatee goolii 4-1n mo'amuun isaa ammoo hedduu hamilee isa buusteetti.
Gooliin hedduun kun irratti lakkaa'amuu qofa osoo hin taane Chelsiin taphaanillee caalameera. Keessumaa Biraayiten yaalii goolii taasisaniin Chelsii caalaniiru.












