Miindaa taphattoota kubbaa-miilaa Itoophiyaa leenjisaa hanga ejentiitti seeraan ala 'saamamu'

Yeroo jijjiirraa taphattootaa taphattoota 11 mallatteessuun ala taphattoota isaa ol ta’an kilaba biraarraa ofitti fiduun liigii Itoophiyaaf waan haaraa miti.
Taphataan waggaa darbe madda jabina kilaba isaa ta’e barana dursaa taphattoota kilaba morkataa isaa ta’ee as bahuunis waan barame.
Waggaa darbe kilabiin waancaa ol kaase yookiin lammaffaafi sadaffaa xumure taphattoota 8 ykn 9 mallatteessuu yookiin taphataa isaa ijoo kaaniitti dabarsuunis jira.
Kanaaf, sababi ijoo ammoo 'dumbulloodha'. Waggoota muraasa dura miindaan taphataa tokkoo kuma 50 yeroo seene qarshii baay’ee akka ta’etti fudhatamee ture.
Yeroo ammaa gatiin taphataa kubbaa miilaa tokkoo miiliyoona 7 gaheera. Kilaboonni miiliyoona 10 baasaniis jiru.
Mee kilaboonni Pirimiyeer Liigii qarshii hammanaa eessaa baasaniiti kanfalu? Qarshiin hammanaawoo kiisa taphattootaa seenaa?
'Waan dhageessu nama naasisa'
Bara jijjiirraa taphattootaa xumurametti kilaboonni taphattoota kilaboota biraa, kan liigii gad-aanurra jiraaniifi alarraayyu fidataniiru.
Kilaabiin Walqixxee fakkeenyaaf kilaboota kaan caalaa taphattoota 17 mallatteessise. Humni Ittisaa kan maqaa durii Machaalitti geeddaratemmoo taphattoota 16 mallatteessise.
Kilabiin taphattoota xiqqoo mallatteesse Q. Goorgisiidha. Taphattoota 3 mallatteessise.
Kilabiin tokko bara dorgommii tokko taphattoota hammanaa mallatteessise akkamiin kilabii wal utubu ijaaruun danda’ama kan jedhu gaaffiidha.
Mee jijjiirraa taphattootaafi miindaarratti haa fulleeffannu.
‘’Kanfaltiin dhageessu nama naasisa. Taphataan tokko waggaa lamaaf miiliyoona 10 akka kanfalameef dhagaheera,’’ jedha gaazexeessaan ispoortii Abirahaam T/Maariyaam.
Akkaataa jijjiirraan taphattoota raawwatuurratti iftoominni hin jiru jechuun dubbata.
Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa keessatti turtiin jijjiirraan taphattootaa inni xiqqaan wagga tokkodha, inni guddaan waggaa shanidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta’u malee, seerri taphataan tokko birrii hanganaa ol mallatteessuu hin danda’u yookiin miindaan isaa/ishee kanaa ol ykn gadi ta’u hin qabu jedhu hin jiru.
Kuni dhugaa addunyaan itti jirtudha. Haa ta’u malee, addunyaa kubbaan miilaa dagaage keessatti qajeelfamni ‘Financial Fair Play’ jedhu jira.
Qajeelfamni kuni kilaboonni baasiin isaanii galii isaanii akka hin caalle dhorka. Kunis, jeequmsa dinagdee keessa akka hin seenne taasisa.
Pirimiyeer Liigiin Itoophiyaa qajeelfama baasiifi galii kilabootaa itti to’atu qabaachuun isaa ifa miti.
Jijjiirraa taphattootaa ilaalchisuun yaada isaanii akka nuuf kennan kan gaafanne Hojii Gaggeessaan waldaa aksiyoona liigichaa Obbo Kiflee Sayifa ‘’kuni dhimma federeeshiniiti’’ jechuun deebii kennan.
Haa ta’u malee, Abirahaam Pirimiyeer liigichi qajeelfama galiifi baasii ittiin to’atu hinqabu jechuun ibsa.
Akka inni jedhutti, waggaa sadii dura seerri galiin taphataa tokko kuma shantama akka hin caalle bahee ture jechuun hima. Seerri suni jijjiirraa ‘’gara dhabe’’ furmaata itti tolchuuf qophaa’e.
Akka gaaazexeessaa kanaatti, qorannoo waggoota muraasa dura Komishiniin Ispoortii biyyattii gaggeesseen baasiin waggaa kilaboota Itoophiyaa biiliyoona 2 ni ta’a.
Gaaffiin ijoo kubbaan miilaa hamma baasi kana keessaa walakkaayyuu ni deebisaa kan jedhudha. ‘’Natti hin fakkaatu’’ jedha Abirahaam.
‘’Fakkeenyaaf bara darbe kilaaboota Pirimeer Liigii hirmaatan keessaa kilaboota sadii yookiin afurin ala kaffaltii miindaarratti rakkoo qabu ture,’’ jechuun ibsa.
Federeeshiniin kubbaa miilaa taphattootaafi kilaboota gidduu waldhibdeen gaafa dhalatu mariin furuu malee aangoo akka hin qabne dubbata.
Nami dhimma kana itti dhiheenyaan beeku biraas yaada kanaan waliigala.
Akka jedhutti, yeroo kaffaltiin taphataa kuma 50 akka hin caalle jedhame sanattis taphattooti dabalataan kanfaltii fudhatan turani jechuun ibsu.
Akka namoonni itti dhiheenyaan beekan jedhanitti, kaffaltiin taphattoota liigii gad-aanurraa ol dhufaniif kanfalamu garuu xiqqaadha.
Hojii gaggeessaan kilabii haaraa ol guddate ta’an tokko BBC’n gaafatee ‘’dhugaadha’’ jedhaniiru.
‘’Kaffaltiin kaanii [taphattoota] guddachuun nu miidha. Taphataa kuma 300fi kuma 500 gaafate hundaaf kanfallee hin dandeenyu. Kaffaltiin kuni iccitii itti raawwatu qaba.
‘’Taphataan kanfaltii kana hunda argata jettee hin eegin,’’ jedhan.
Taphataan kanfaltii kana erga hin arganne eenyutu fayyadamaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
'Bitaa nu galeera'
Kana dura Buna Itoophiyaaf akkasumas garee biyyaalessaaf kan taphate Efireem Wandiwasan, yeroo ammaa pirezidantii I/aanaa waldaa taphattoota pirefeshinaalaa ta'un tajaajilaa jira.
''Kubbaan waan guddataa dhufeef hammi maallaqaas dabalaa jira,''.
Aangawoonni kilaboota muraasa, leenjistota muraasaafi namoota gidduu jiraniin taphattoonni qarshii isaaniif malu akka argataa hin jirre dubbata.
''Ragaa nuuf fidaa seeratti geessina gaafa jennu tole hin jedhani. Sodaattee akka taphattudha barbaadama.''
Akka Efreem jedhutti taphattoonni dhimmicha osoo saaxilani hojii isaanii dhabuu malu.
''Leenjisaa kilaba tokko waliin yoo waliigaluu baatte kilaba biraa akka hin seenne taasifamta,'' jechuun Ibsa.
''Taphattoonni galii isaaniif malu argachuu dhabuun Isaanii adda baasuun rakkisaa nutti ta'eera.''
Gaazexeessaa Abirahaamis dhimmi kuni akka jiruufi saaxiluus ragaa argachuun rakkisaa akka ta'u Ibsa. Taphattoonnis rakkoo keessa jiran ibsu malee saaxiluuf akka rakkatan hima.
Maddi biraa BBC'n gaafates kanuma mirkaneessa.
“Taaphataan tokko yoo kenne milkaa’af. Leenjisaadhaaf mindaa isaa kenneefii gala. Leenjisaa tokko wajjiin kilaba kan jijjiiran kanaafidha.
''Dandeettiin isaa gaarii ta’us baatu taphatichi bakka inni dhaqu wajjiin dhaqa. Leenjisaa, dura bu’aa garee … hunda wal gaheera.“

Ittaanaa pirezidaantii Waldaa Tapahattootaa kan ta’an Obbo Efreem kuni dhugaadhuma jedhu.
“Hanga kana leenjisaadhaaf hanga kana ammoo anaaf kennita jedhamee kaffaltiin duraa fa’aa taasifama. Haa ta’u garuu kallattiin osoo hin taane karaa bakka bu’ootaa taasifama“ jedha.
Federeeshinichi kana hambisuuf bakka buutota eeyyama qaban qofaaf qormaata kennee akka ture namni keessa beeku kun BBCtti himeera.
Kana bira darbees tokkoon tokkoo taphataa bakka bu’aa mataa isaa akka qabaatu qajeelfamas akka baase yaadata.
“Federeeshinichi seera baasuu irratti cimaadha. Garuu karaa ittiin to’atu hin qabu. Fakkeenyaf, yeroo jijjiirraa dhiyeenya gaggeeffame irratti qormaanni bakka bu’ootaa hin turre.”
Madda galii kilabootaa
Maddi qarshii kilaboota kana maalidha? Galii fi baasii isaanii eenyutu to’ata?
“Galii kee kan beektu waan tokko qabattee gabaa yoo baatedha bar,” jedha Abrahaam.
Abrahaamiifi namni maqaan isaa akka hin dhahamne nu gaafate kun akka jedhanitti ammatti kilaboonni Itoophiyaa galiin isaanii beekamaan DSTV irraa kan argamu qofaadha.
“Galiin DSTV irraa argamu miliyeena 9 irraa eegalee akkaataa sadarkaa isaanitti kan qoodamuudha.
‘’Kanarraa kan hafe gareewwan bulchiinsa magaala fi kanamaa dhiisii Qiddus Goorgisii fi Bunnaa fa’aayyuu bajanni isaanii hin beekamu,” jedhan Abrahamaa Taklamaariyam.
“Yeroo dhiyoo pirimerliigitti kan guddate Bulchiinsi Magaalaa Walqixxee hin danda’u jechuu isaatiin deeggarsi kan godhamuuf pirezidaatii kilabichaatini.”
Abirahaam akka jedhutti kilaboonni biulchiinsa magaalaa galii kan argatan galii jiraattota bulchiinsa magaalaa irra argamuudha.
Kilaaboonni mootummaa kanneen akka Itiyoo Elektirikii fi Madin bajanni isaanii kaazenaa mootummaa irraayi.












