'Simannaa gootaa naaf tolchan, baay'een gammade'- Daawwaa Hoxxeessaa

Madda suuraa, Bule Hora, West Guji/Communication
Gumaachaafi fakkeenyummaa taphattootni Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Daawwaa Hoxxeessaafi Habtaamuu Taaddasaa taasisaniif aangawoonni badhaasa kennan.
Sagantaan beekamtiifii badhaasaa ispoorteessitoota kubbaa miilaa dhalattoota Godina Gujii Lixaa ta’aniif qophaa'e kaan jajjabeessuf kaayyeffate.
Daawwaaf magaalaa Bule Horaa keessatti lafa kaaremeetira 500 fi warqee giraama 20 yemmuu badhaafamu Haabtaamuu immoo lafa Kaaremeetira 500 fi warqee giraama 12 badhaafame.
“Kanaan dura bifa kanaan badhaafamee hinbeeku. Akkanattis simatamee hinbeeku. Gujii keessattis wanti kun yeroo jalqabaatifi. Anillee miira gaariitu natti dhagahame” jechuun Daawwaan BBC'tti hime.
Godina Gujii Lixaa Magaalaa Qarcaatti kan dhalatee guddate Daawwaan garee biyyaalessaa Itoophiyaaf jifataa ta'un taphatuutti jira.
Waancaa Afrikaarratti waggaa darbe yeroo jalqabaaf hirmaatee galchi galcheera. Galchii takkitti Itoophiyaan waancaa CHAN 2022 akka hirmaattu taasises torban lama dura Ruwaandaa irratti lakkoofsise.
Gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023'f waggaa dheeraa booda Itoophiyaan Waxabajjii keessa Masrii morkattee 2fi 0'n yoo injifattu tokko taphataa Adaamaa Daawwaatu lakkoofsise.
Yeroo ammaa kilaba Baahirdaarif kan taphataa jiru Habtaamuunis kanneen badhaafaman keessaati.
Isaan alatti taphattoota kubbaa miilaa biroof Wiixata kaleessaa magaalaa Bule Horaatti sirni beekamtiifi badhaasaa adeemsifameera.
“Adaamaarraa ka’ee gara Godina Gujii Lixaa yemmuu dhufu hawaasni godinichaa qabeenya qabuun, konkolaataa qabuun, bajaajii qabu hunda qabatee gara isaaniitti deemuun simatee gara magaalichaatti fudhateera” jedhan aangawaan godinichaa.
Akka itti gaafatamtuu Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Gujii Lixaa Aadde Kibbee Nuguseetti badhaasi kuni kaan ni kakaasa.
Gaafa Wiixataa isporteessitootni hawaasa waliin ta'un taphattoota lamaan ''qabachuun magaalicha naannessuun gara iddoo sagantaa geessan” jedhan.
Daawwaa Hoxxeessaa gama isaatiin “osoon Bule Horaa hinseeniin kara gidduurra dhufanii na simatan.
''Simannaa gootaa naaf tolchan. Simannaan kun akka Gujiittis akka Oromoottis waan guddaadha. Anillee baay’ee gammadeera” jechuun hime.
Sagantaan kun Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Gujii Lixaa fi Waajjira Bulchiinsaa godinichaan kan qophaa’e ta’uu Aadde Kibbee himaniiru.
Taphattoota lamaan ala taphattootni kubbaa miilaa torba kan godina Gujii Lixaa keessaa bahanii kilaboota garagaraa kan akka Magaala Naqamtee, Arsii Negeellee, Magaala Finfinneefii kunneen biroof taphatan immoo tokkon tokkoon isaanii qarshii kuma 10 badhaafamuu Aadde Kibbeen BBC'tti himan.
Dorgommii kubbaa miilaa Liigii Biyaalessaa irratti kan hirmaachaa jiru garee kubbaa miilaa magaala Bule Horaafis kennaan kubbaa 10 bifa onnachiiftuun kennamuu himan.

Madda suuraa, Bule Hora, West Guji/Communications
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirni beekamtiifii badhaasaa ispoorteessitoota kubbaa miilaa dhalattoota godina Gujii Lixaa ta’aniif adeemsifame hawaas godinichaa biratti miira gaarii uumuu qondaalli godinaa kuni himu.
“Sirni kun ummata keessatti, dargaggota keessatti, hawaasa bal’aa keessatti miira guddaa uumee jira” jedhan.
Sirni badhaasaafii beekamtii ispoorteessitoota kubbaa miilaaf qofa osoo hintaanee dameelee ispoortii kan birootiinis akka itti fufu ta’u dubbatan.
“Isporteessitootni duubaan bahuu jiran mataa isaaniitiin ‘edaa akkasitti nama qabna’ jechuun onnatanii fulduraaf cimanii akka itti deeman kan kakkaasudha” jedhan.
“Kennaan lafaa Daawwaa fi Haabtaamuuf kennine itti fufa malee dhaabbataa miti. Dargaggeessi keenya kana qabatee cimee itti deemuu qaba waan ta’eef” jechuunis himan.
Daawwaa Hoxxeessaa gama isaatiin “ummatni ‘siwaliin jirra, sicinaa dhaabbanna’ jechuun isaanii anaafis gara fulduraaf waan guddaadha” jechuunis ummata Godina Gujii Lixaa galateeffate.
Daawwaan bara 2014 keessa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaaf taphachuun taphoota sadi irratti galchiiwwan sadii lakkoofsiseera.












