Intalli pirezidantii duraanii qabeenya mil. $240 horachuun himame

Madda suuraa, Getty Images
Intalli jalqabaa pirezidantii duraanii Uzibeekistaan maallaqa karaa seeraan alaa argameen qabeenyaa dolaara miliyoona 240 baasu horachuu gabaasni tokko beeksise.
Intalli pirezidantii abbaa irree ture, Guulanaaraa Kaariimoovaa Landanii hanga Hoongo Koongootti haadha qabeenyaa ta’ushee dhaabbanni qorannoo Freedom For Eurasia jedhamu tokkotu beeksise.
Guulanaaraa maallaqa karaa malaammaltuummaa fi matta'aatiin argameen karaa dhaabbilee Yunaayitid Kingdamiitti argamaniitiin mana jireenyaafi jeettii bitattee jirti jedha gabaasichi.
Gabaasichi maallaqa karaa seeraan alaatiin argame seera qabeessa gochuun yakkamtoota fayyadaman dhaabbileen UK bu’aa irra oolchaa jiraachuusaanii saaxileera.
Gabaasichi Kaariimoovaan haala salphaatti UK’tti qabeenya horachuunshee ‘yaaddeessaadha’ jedheera.
Haata’u malee, dhaabbileen bakka ishee bu’uun hojjatan kunneenis ishee waliin hidhata haa qabaatanii ykn mallaqichi kan karaa seeraan alaa argame ta’usaa haa beekanii ykn haa dhiisanii wanti jedhame homtuu hin jiru.
Dhaabbileen tajaajilawwan kanneen UK keessatti kennan keessaa kan qorataman ykn himataman kamuu hin jiran.
Guulanaaraa Kaariimoovaa abbaa ishee Isilaam Kaariimoovaa bara 1989'tii hanga lubbuunsaanii itti darbe bara 2016'tti Uzibeekistaan bulchaa turan bakka bu’uu dandeessi jechuun tilmaamatu ture.
Isheenis hirmaannaa siyaasaa isheetiin biyya Ispeeniitti Ambaasaaddara ta’un hojjattee jirti.
Siyaasaan alatti ammo, waltajjii moggaasa "Googoosha" jedhamuun sirbituu muuziqaa turte. Akkasumas dhaabbata fayyaa baay'ee gatii jabaas hogganaa turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2014 irratti ammo ija ummataa jalaa badde.
Booda abbaan ishee osoo aangoorra jiranuu, yakka malaammaltummaatiin himatamtee hidhaa mana keessaan dabarsaa akka turte barameera.
Bara 2019'tti ammoo seera hidhaa mana keessaa cabsitee jirti jedhamuun mana hidhaa galtee turte.
Abbaan alangaa intalli pirezidantii duraanii miseensa garee yakkamaa qabeenya doolaara biiliyoona tokko UK, Raashiyaa fi Unaayitid Araab Imireettis dabalatee biyyoota 12'tti bulchuutii jedha.
‘‘Dhimmi Kaariimoovaa yeroo hundaa dhimma qorannoo matta’aa fi malaammaltummaa isa guddaa jedhaman keessaa tokko,’’ jedhu miseensi gara qorannoo kanaa Toom Meeyiine.
Dhaabbannii Freedom For Eurasia gabaasa isaa kanaan Kaariimoovaan maallaqa maddeen shakkisiisaa ta’an irraa argatteen, UK, Siwiizarlaand, Faransaay, UAE fi Hong Koong keessatti qabeenyaa 14 bitachuu ibseera.
Gabaasichi qabeenyaawwan xiyyeeffannaa isaa itti kenne keessaa manneen jireenyaa shan magaalaa Landaniitti argaman yoo ta’u, manneen kunneenis ammatti kan paawundii miiliyoona 50 ol baasanidha.
Manneen wallakkaansaanii waggootaan dura gurguramaniiru.
Gabaasni dhaabbata Freedom For Eurasia kunis namootaa fi dhaabbilee Kaariimoovaa fi waahillan ishee qabeenyicha sochoosuuf itti fayyadamaa turan eeraniiru.
Namoota kanneen keessaayis jaalalleen Kaariimoovaa, Ruustaam Maaduumaaroov galmeewwan seera qabeessoo ta’an tokko tokkorratti dhaala ykn bulchaa jedhamuun kan galmaa’ee yoo ta’u, gabaasichi garuu abbootiin qabeenyichaas ta’an bulchituun sirriin Kaariimoovaadha jedheera.












