Miseensi paarlaamaa maallaqa saree nyaate jedhamun himatame waakkate

Joorji Saantos

Madda suuraa, Getty Images

Miseensi paarlamaa paartii Rippaabilkaanota irraa ta’e tokko maallaqa miseensi waraanaa fi qama miidhamaan tokko yaalii saree isaatiif walitti qabate waliin dhahe jedhamun himatame waakkate.

Manguddoon kunis wallaansa saree isaa dhibee kaansariin yaalchisuuf jecha karaa GoFundMe’n maallaqa walitti qabun kan gabaafame.

Haata’u miseensi paartii Rippaabilikaanotaa himatames ‘‘Kun soba. Kun eenyu akka ta’es hin beeku,’’ jechuun deebise himatamaan, Joorji Saantos jedhamu wayita gabaasa gaafa Kibxata dhimmicharratti baheef deebii kennetti.

Miseensi Koongireensii Niiw Yoork kunis filannoo mo’atan jedhamuun dokimantii sobaan hirmaateera jedhamun akka aangoo gadhiisuuf yeroo baayyee itti duulamaa ture.

Haata’u malee falmii irratti ka’aa jiraatu, Joorji koreewwan lama keessatti akka tajaajiluuf ramadameera. Ga’eessi ganna 34 Saantos, Mana Maree keessatti gumii dhimma biizinesii xixiqaa, saayinsii fi hawaa keessatti akka hirmaataniif ramadamaniiru.

Koreen jalqabaa wantoota hojii biizinesii xixiqqaa miidhan kan ilaalu yoo tahu, kan lammataa ammo dhimmoota humna ittisaa irraa wallaba tahan kan akka qorannoo saayinsii fi misoomaa irratti xiyyeeffachuun to’annoo taasisa.

Saantos himata irratti dhiyaate kan haalee erga Koreen Naamusaa Mana Maree fi mootummaan federaalaa US dhimma kana qorachuuf akka tahe barameera.

Hoggantootni paartii naannolee, akkasumas waayillan isaa gariin erga inni filamuuf jecha waa’ee jireenya isaa fi hojii isaa sobaan himuu amanee akka hojii isaa gadhiisee bahuuf gaafataa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun ammo waa’ee amantaa isaa, waa’ee digirii qaba jedhee fi muuxannoo hojii hin qabne akka qabuutti himachuufaa dabalata.

Himanni booda kanaa ammo kan dhagahame manguddoo humna galaanarraa US amma soorama bahanii jiran magaalaa Niw Jersii jiran irraa dhufe.

Riichaardi Ooshtoof Patch.com miidiyaa jedhamutti akka himanitti, bara 2016 yeroo sareen isaanii Saaphiir jedhamu kaanserii garaa godhatu, deeggarsi doolaara 3,000 tajaajila baqaqsanii yaaluu sarichaaf akka walitti qabamuuf deeggarsa Saantos gaafatachuu himan.

Akka Obbo Ooshtoof jedhanitti ogeessa teeknikaa yaala bineeldotaatu Obbo Saantos waliin wal isaan qunnamsiise. Yeroo sana Saantoos maqaa Antoonii Devoolder jedhamuun beekama.

Yeroo sana ammo dhaabbata tola ooltummaa ‘Friends of Pets United’ jedhamu gaggeessaa ture. Kanaaf si gargaara jechuun akka wal isaan qunnamsiisan himan.

Obbo Saantoos yaala sarichaaf deeggarsa maallaqaa karaa GoFundMe banuun walitti qabaa turan.

Sana booda na jalaa baduun bilbilakoos ergaakoos hin deebisu ture jechuun himatan.

Hiriyaa Ooshtoof tokkoon yeroo gaafatamu mudamee maallaqa sana bineeldota biraa gargaaruuf oolchuuf yaadaan ture jechuun deebise.

Obbo Ooshtoof akka jedhanitti sarichi Saaphiir jedhamu bara 2017 du’uun waan ittiin isa awwaalanillee hin arganne jedhan.

Miseensonni Rippaabilkaanotaa soba Saantos ofiiyyuu amaneen akka hojicha irraa ka’uuf gaaffii dhiyaateef deebii hin laatne.

Keeviin Maakaartii kan Dubbii himaa Mana Maree US tahuuf marsaa 15ffaa irratti filannoo isaa irratti hundaa’aa turan, ‘’yeroo hundaayyuu gaafii muraasaa waa’ee Saantos irratti nan qaba garuu akka itti fufee hojjetuuf naneeyyamaaf’’ jedhan.

''Warri isa filate akka hojjetuuf isa filatan. Yoo rakkoo qabaate karaa Koree Naamusaa haa ilaalamu, karaa sana darbuu qaba,’’ jedhan.