Qondaalli mootummaa malaammaltummaarratti duulaa ture yakka malaammaltummaan hidhame

Fu, bara 2018 asitti kan argame, malaammaltummaa fudhachuu isaa amanee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ministira haqaa Chaayinaa kan turee fi malaanmaltummaa balleessuuf duula hedduu kan gaggeessaa ture Fuu Chenguwaan matta'aa fudhachuun hidhame.

Fu baatii Adoolessaa keessa kennaa fi maallaqa faayidaa dhuunfaaf jecha Yuuwaan miiliyoona 117 (doolaara miiliyoona16.5) fudhachuu isaa amanee ture.

Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti manni murtii murtoo duʼaa isaanirratti dabarse salphisuun waggoota lamaan booda hidha umurii guutuutiin adabe.

Qondaalli kun hidhaadhaan kan adabame yeroo tarkaanfiin aangaa’oota irratti fudhatamaa jiru yoo ta’u, walgaʼii Paartii Kooministii Chaayinaa ji’a dhufu gaggeeffamu dursee kan raawwateedha.

Walga’iin Paartii Kooministii Chaayinaa waggaa shan keessatti si’a tokko kan gaggeeffamu yommuu ta’u yeroo kana pirezidaantiin biyyattii Shii Jiinpiingi si’a sadaffaadhaaf filatamuu fi aangoosaa jajjabeeffachuun ni eegama.

Hidhaan Fuu kan hogganoota poolisii duraani sadii hordofuun kan raawwatedha. Dhiironni arfan kunneen malaanmaltummaa qofa utuu hin ta’in, pirezidaant Shiitti amanamoo hin taane jechuun himataman.

Hundisaanii miseensota garee siyaasaa hogganaa nageenyaa kan ture Sun Liijuniin durfamuun malaanmaltummaa gaggeessaa turan ta’uun himataman.

Liinjun to’atame murtoosaa eeggachaa jira.

Hojiisaa poolisii ta’un kan eegale Fuun, bara 2018 hanga 2020 ministeera haqaa Chaayinaa ture.

Waggoota aangoorra ture qorannoo aanga’aa Chaayinaa keessatti aboo guddaa qabu Zhou Yongkang akka matta'aa fudhachuun hidhamu taasifte dabalatee qorannoo malaanmaltummaa hedduu durummaadhaan geggeessaa ture.

Onkoloolessa waggaa darbe, qaamni dhimma paartichaa to’atu, Fuun adaba fi seerawwan biyyatti cabse jechuun qorannoo irratti gaggeessuu beeksiste.

Gaafasuma aangoorra kaafame achiis Bitootessa bara kana Paartii Kooministii Chaayinaa keessas baafaman.

Ji’a tokkoon booda himata malaanmaltummaan to’atame.

Abbootiin alangaa akka himanitti, Fuun aangoosaatti fayyadamuun kontiraata daldalaa fi aangoo ofii isaa fi namoonni biroo akka argatan taasisuu himan.

Dimma mana murtiitti dhihaates akkasumas dhiibbaa geessisuuf yaalu ibsan.