Naajeeriyaatti lammiileen Chaayinaa matta'aa $ 250,000 kennuuf turan to'ataman

Madda suuraa, EFCC
Naayijeeriyaatti Ejensiin Farra Malaammaltummaa, Komishinii Qorannoo Yakka Dinagdeefi Faayinaansii jedhamuun waamamu, lammiilee Chaayinaa hogganaa isaa ol-aanaa tokkoof matta'aa Doolaara $250,000 kennuuf yaalan to'achuu beeksise.
Lammiileen Chaayinaa lama hogganaa Komishinii farra malaammaltummaa kanaaf matta'aa kennuuf qopheessaniiru.
Hogganaan ol-aanaan komishinichaas akka waan matta'aa isaaf qophaa'e fudhachuu dhaqee fakkeessuun yoo wajjira isaanii seenu maallaqa jedhame kana saamsuun yeroo kennaniif achuma waajjira isaanii keessatti to'ataman.
Matta'aan kennamuuf yaadame kun qorannoo malaammaltummaa Doolaara miliyoona hedduu dhaabbatni ijaarsaa Chaayinaa jarri keessa hojjetan ittiin shakkame gufachiisuuf jedhameeti.
Komishinichi akka jedhetti, malaammaltummaa $130m ijaarsa daandiifi pirojektota bishaaniin waliin wal qabachuun raawwataman jedhee shake qorachaa jira.
Dhaabbileen ijaarsaa Chaayinaa hedduun Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti ijaarsa daandii gurguddaa irratti bobba'uun hojjetu.










