Yoon dulloomes waanan hojjadhu nan beeka- Joo Baayiden

Pirezidaantin US Joo Baayidan 'dullumarraa kan ka'e Tiraamp waliin falmuu hin dandeenye' komiin jedhu irratti ka'eef deebii kennaniin filannoo Sadaasa dhufu gaggeeffamu inuman mo'adha jedhan.
Tiraamp wajjin TV irratti falmii gaggeessaniin dullumarraa kan ka'e, sirnaan falmii hin gaggeessine kan jedhu miseensota paartiisaanii Dimokiraatota biraayyuu komiin ka'aa ture.
Joo Baayidan ergasii deeggartootasaanif haasaa taasisaniin "dulloomuun koo dhugaadha, garuu hojii koo bareecheen beeka" jedhan.
"Dargaggeessa akkan hin taane beeka," jechuun deeggartoota isaanitti dubbatan.
"Akka durii akka garaa koo hin deemu, akka durii falmiis hin gaggeessu. Garuu waanan beekuu qabu nan beeka. Akkatti dhugaa dubbatan nan beeka, hojii kana akka itti hojjatanis nan beeka," jechuun miira aaritiin dubbatan.
Manguddoo ganna 81 kan ta'an Baayidan marsaa ittaanu biyyattii bulchuuf ammayyuu keessi koo jabaadha jedhan.
Bifuma wal-fakkaatuun Donaald Tiraampis deeggartootasaanii walitti qabuun duula gaggeessaa turan.
Falmii Baayidan wajjin CNN irratti gaggeessan ilaalchisee "mo'icha guddaa" arganne jechuun deeggartootasaanitti himan.
"Rakkoon Joo Baayidan umuriisaa miti, dandeettidhuma hin qabu," jedhan Tiraamp. Joo Baayidan waggaadhuma afuriin Tiraamp caalu. Tiraamp amma ganna 78 guutaniiru.
Dimokiraatonni filannoo dhufurratti bakka Baayidan nama biraa buusu oduu jedhu akka hin ammannes dubbatan Tiraamp.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waa'ee umurii Joo Baayidan irratti gaffin ka'u kun jalqabaa ta'uu baatus, falmii Doonal Tiraamp waliin gaggeessan irratti xiyyeeffannoo dhabuu, sagalee irra deddeebin cirachuun fa'aa dimokiraatota biratti naasuu guddaa uumee ture.
Dubbii himtuu mana maree dimokiraatotaa duraanii kan turte Naansii Peloosii, "gama gahuumsan baay'edhuma nama hin gammachiisu" jechuun falmii Baayidan gaggeessan ibsan.
Daayireektara komunikeeshinii duraanii kan turan Keet Bedingfild ammoo gahuumsa Baayidan falmii irratti agarsiisan "qaanessaadha" jechuun ibsan.
Kanneen maallaqaan paartii Dimokiraatota deeggaran hedduun filannoo dhufuuf bakka Joo Baayidan namni biraa barbaadamuu qaba jechaa jiru. Joo Baayidan wal-tajjii irraa dhaabatanirratti kufuu malee homtuu hin hafne jedhan.
Gaafa Jimaataa boordin editooriyaalii Niwu Yoork Taayims Baayidan filannoo dhufu keessaa akka bahaniif waamicha dhiyeesse.
"Baayidan dorgommii kana itti fufuu akka hin dandeenye paartin Dimokiraatotaa amanuu qaba, bakkasaa bu'uu kan danda'u nama biraa filachuuf adeemsa jalqabuus qaba."
Namoonni akka pirezidaantii duraanii Baarak Obaamaa fa'aa ammoo gahuumsa Baayidan irraa shakkii hin qabnu jechuun duula Baayidan gaggeessaa jiran deeggaru.
Baarak Obaamaa fuula X gubbaatti akkana jechuun barreessan: "Filannoon kun filannoo nama lammiileef falmuufi kan dhuunfaa isaaf falmu gidduutti kan gaggeeffamuudha," jechuun Tiraamp nama fayidaa dhuunfaaf falmu akka ta'etti ibsan.
Baayidan filannoo dhufurratti akka hin hirmaaanne gaaffin jedhu ka'aa turus Baayidaniifi jaallan isaanii duula gaggeessuu eegalaniiru.
"Pirezidaant Baayidan nama Doonald Tiraamp mo'achuu danda'eedha. Ammas ni mo'ata. Kuni ammoo duula filannoo tokko qofaan waan ta'u miti," jechuun dubbate gorsaan duula filannoo Baayidan.












