Waa'ee namoota mana hidhaa taa'anii pirezidaantummaaf dorgoman meeqa beektuu?

Seenaa siyaasa Ameeriikaa keessatti pirezidantiin duraaniis ta'e kan aangoorra jiru himatame yoo yakkaan itti murtaa'u Doonaald Tiraamp kan jalqabaati.
Tiraamp mana murtii Maangaataanitti dhiyaachuun himannaawwan 34n Kamiisa Caamsaa 29, 2024 balleessaa irratti argamulleen hidhamu dhiisuu akka danda'an dubattu ekspartoonni.
Tiraamp murticha oliyyachuun isaanii hin oolu. Ol iyyannoon isaanii ilaalamu kan danda'u ammoo filannoo biyyaaleessaa Sadaasa dhufuu gaggeeffamuun booda ta'u mala.
Kanaafuu addabbiin, dhorkaa ykn hordoffiin isaan mudachu danda'a.
Haata'u malee, dubbiin cimee Tiraampi hidhaa bu'anis, kaadhidhamaa ta'un itti fufan danda'u ta'a. (Kana malees, mana hidhaa taa'anii Ameerikaa dursu danda'u.)
Namni yakka cimaan itti murtaa'e attamiin filannoof dorgomaa?
Ameerikaatti ulaagaaleen seeraa kaadhimamaan pirezidantii erga bara 1789 bara Joorji Waashingitan itti aangoo pirezidantii jalqabaa itti ta'anii kaasee hin jijjiramne.
Yunvarsitii Kooleejji Of Landaniitti pirofesarri Seenaa Ameerikaa, Iwaan Morgaan akka jedhaniitti, seerri kaadhimamaan Ameerikaa keessatti kan dahalate ta'u labsa.
Gaaffiin eddoo dhalootaa pirezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Omaabaa irratti ka'ee kan tures kanumaafiidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees kaadhimamaan umuriinsaa waggaa 35 ol akka ta'u eeggama. Akka seerichaatti kaadhimamtoonni Ameerikaa keessa kan waggaa 14f jiraatan ta'u qabu.
Seerichi kan hin fudhanne namoota ''Ameerikaa irratti okkora kakaasan'' akka ta'e dubbatu pirofesarri kun.
Haata'u malee, keewwanni kun Tiraamp irratti akka hin hojjanneef murteen manni murtii olaanaa dabarse akka dhorku kaasu.
Namoonni yakkaan balleessoo jedhaman pirezidaantummaaf dorgomu hin jiran seerri jedhu hin jiru.
''Ameerikaan kan umamte waraaqsaan. Bulchiinsa Ingiliizi jala turte. Seerichi namoonni sirna mootii mormuudhaan mana hidhaa seenan pirezidaantummaaf akka hin dorgomne taasisa ture,'' jedhu hayyuun seeraa kun.
Ameerikaan yeroo hundeeffamtutti humdeessitoonni biyyattii heera mootummaa 1787 kan baasan Ingilizootaan hidhamuutti dhiyaatanii kan ture yoo ta'u, garuu tokkoonsaaniiyyuu hin hidhamne.
''Osoo waraaqsi milkaa'u baatee, sirna mootii mormuudhaan yakkamtoota jedhamu ture,'' jedhu.
Kana hubannoo keessa galchuudhaan namoonni pirezidantii ta'udhaaf dorgoman, keewwanni yakkaan baleessitoota ta'u hin qaban jedhu kan itti hin makamneef.
Seerri mana hihdaa taa'anis pirezidantii ta'uf yaalan dhokus hin jiru.
Yuujeen Vee Deebs

Hidhaarra osoo jiruu dursaa ta'uuf dorgomiidhaan kan beekamu Yuujeen Vee Deebs'dha. Kunis kan ta'e bara 1920 keessa ture.
Yuujeen jalqaba kan hidhame bara 1894 akka ture dubbatu pirofessarri kun.
Kan hidhamanis qondaala gamtaa daldala ta'uun dhaabbata baaburaa irratti himannaa dhiyeessuun osoo falmanuu ture. Poostaa danquudhaan balleessaan irratti argamuun itti murtaa'e.
Erga baatii jahaaf hidhameen booda ilaalchi siyaasarratti qabu jijjirame.
''Jalqaba jaarraa 20 keessa, Ameerikaatti miseensa paartii Sooshaalisitii beekamaa ta'an. Bara 1904, 1908, 1912 fi 1920 keessa pirezidaantummaaf dorgoman,'' jedhu Pirofessar Morgaan.
Deebis ammoo Paartii Dimokiraasii Soshaalistiif bara 1900 keessa ammoo dorgoman.
''Bara 1912 keessa ammoo dimokiraatichi Wuudroowu Wiilsan fi Riipablikaan irraa Wiiliyaam Haawaardi Taafti, akkasumas pirezidantiin riipablikaanootaa duraanii Teewoodor Ruziveelti dorgoman illeen, Yuujeen caalaa fudhatama argatan.''
Sagalee waliigalaa keessaa %6 ykn gara sagalee miiliyoona tokkoo argachuun, ''kunis Ameerikaa keessatti kaadhimamaa Paartii Soshaalistiin sagalee isa olaanaa ture'' jedhan pro. Iwaan.
Kanaanis Yuujeen sagalee bara 1912tti irra caalu argatan. bara 1920tti sagaleen argatan 914,191 yoo ta'u, bara 1912tti ammoo, 901,551 argatan.
Kanaanis kan booda parsantii 3 caalmaa kan qabu yoo ta'u, kunis sababii dubartoonni sagalee akka kennaniif itti hayyame tureefiidha.
Innis hidhaa waggaa sadiin booda mana hidhaatii gadhiifaman. Boodas rakkoo fayyaa mudateen bara 1926 du'aan boqatan.
Du'a isaatiin booda garuu paartiin soshaalisitii Ameerikaa keessatti gahee cimaa hin qabaanne.
Liindar Laaruush

Madda suuraa, Getty Images
Namni siyaasaa gara biraa osoo mana hidhaa jiruu pirezidaantummaa Ameerikaatiif dorgoman, Liindan Laaruush turan.
''Akka dimikiraatootaatti akka paartii garee sadaffaattis duula na filadhaa gaggeessaniiru. Bara 1976 hanga bara 2008tti dorgomaniiru,'' jedhuu hayyuun seenaa kun.
Bara 1940 irratti siyaasa deeggartoota (Left) jedhamanii deeggaruu beekamu turan. Baroota 1970mota irratti gara warra deeggartoota -far into the right'tti jijjiraman.
''Haata'u malee garaagarummaa eenyummaa dimokiraatootaafi ripaablikaanotaa jidduu jiruus qeequmsaaf isaan saaxilee ture. Giiftii Elsaabeet isaan ajjeessuuf akka barbaaddu amanaa turan'' jedhu.
Nama ilaalcha adda ta'e qaban kan turan yoo ta'u, gibirri akka hiratuufi mootummaan ummata akka hin basaasneef yaada dhiyeessaa turan.
Bara 1989 keessaa itti xalayaa waliin dhahuudhaan itti murtaa'een hidhaa kan bu'an yoo ta'u, waggaa 15 hidhaan itti murtaa'e.
''Filannoo bara 1992 irratti Laaruush achitti argamuuf murteeffate. Kanaafu, innis Isteetiiwwan muraasa keessatti waan filatameef, sagalee waliigalaa keessaa sagalee namoota kuma 27 ykn parsantaa 0.1 qofa argate ture'' jedhu Prof. Morgaan.
Laaruush murteen isaa adda cituun bara 1994 keess hiidhaadhaa bahan. Baroota 1996, 2000, 2004 fo 2008 aangoodhaaf dorgomanii ture.
Maallaqa duula na filadhaatiif walitti qabachu danda'uufi duula gaggeessan illeen, Laaruush gonkumaa fudhatama olaanaa argachu akka hin dandeenye kaasu Morgaan. Laaruush bara 2019 keessa du'aan boqatan.
Jooseef Isimiiz

Madda suuraa, getty Images
Jooseef Isimiiz nama bara 1830 keessa mantaa 'Mormo' (Mormonism) hundeessaniidha.
Amantaan kunis Kaatoolikii, amantoota wangeelaa fi ortodokii waliin kan garaagarummaa ilaalchaa qabuudha.
Isimiiz haadha warraa tokkoon ol fuhuu kan beeksiisani ta'u kan himan Prof Morgaan, yaadni kunis lammiilee Ameerikaatiif kan haala salphaattu fudhatamu hin turre jedhu.
''Kan ilaalcha Ameerikaanotaan faallaa ta'edha jedhame fudhatame. Akka yakka olaanaatti fudhatame. Jooseef Isimiiz haadha warraa gara 20 ta'an akka qaban dubbatam,'' jedhu.
Kan dhalatan Maasaachuseersi keessatti yoo ta'u, sochii kan taasian ammoo Elnooy keessatti ture.
Bara 1840 keessa hordoftoonni Mormon magaalaa Naawuvoo jedhamu ofiisaaniif ijaaran. Bakka waaqeeffannaas qaba ture.
Jooseef isimiiz erga kantiibaa taasifamuun filatamanii boodamilishaa Mormon hundeessan.
''Marmonoota jidduutti adeemsa garaagarummaatu ture. Dhimmi haadholiin warraa kaan jalaa fudhatamuun isa tokko ture'' jedhu hayyuun kun.
Gaazexoota faallaa isaa ta'an akka balleessaniif ammoo milishoota Mormon ergaa ture. Himannaan kan irratti dhiyaates sababiidhuma kanaatiin ture.
Bara 1844tti filannoo pirezidaantummaarratti paartii riiformii bakka bu'un dorgoman.
Paartichis filanichaan sagalee argachuuf abdii godhatee ture. Namni hundi umaadha yaada jedhu akka babal'atuuf fedhee qabu turan.
Haata'u malee namoota garbummaa keessatti argaman gutummaan bilisa baasuudhaaf yaaduunsaanii fudhatama hin arganne.
Yeroo sanatti garbummaa falmuun waan salphaa hin turre. Namoonni garbummaa mormaniin lubbusaanii dhaban turan jedhu Prof Morgaan.
Jooseef Ismiizis dhukaasa osoo mana hidhaa jiranu itti dhokaafameen ajjeeffaman.
Reeffasaa irrattis rasaasni dabalataa akka dhukaafamu ajajamee ture. Paartiisaanii riiformiinis filannoo bara 1844 irratti kaadhimamaa gara biraa hin dhiyeessine.
Tarii pirezidantii Ameerikaa duraanii oonaald Tiraamp baleessaan irratti argamuun yakkamaa jedhamanii garuu nama pirezidaantummaaf dorgoman kan gara biraa ta'u danda'u.
Sirummaayyuu ummanni Ameerikaa qoqoddamees nama yakkaan balleessaan irratti argame Tiraamp filachu danda'u ta'a.












