Naannoon Benshaangul Gumuuz afaan barnootaa naannichaa Amaariffa akka ta'u murteesse

Barattuu daree keessatti qormaata fudhataa jirtu

Madda suuraa, Benishangul Gumuz Education Bureau

Mootummaan Nannoo Benshaanguul Gumuuz afaan barnootaa naannichaa Amaariffa akka ta'u akkasumas afaan dhalootaa torba ammoo akka barnoota tokkootti akka kennamu murteesse.

Murteen naannichaa kun "murtee yerooti" kan jedhame yoo ta'u, bara kana oolmaa daa'immaniifi kutaa tokko irratti hojiirra akka oolu Biiroon Barnootaa Naannoo Benshaangul Gumuuz beeksise.

Sabaafi sab-lammiiwwan afaan garaa garaa dubbatan naannicha keessatti kan argaman yoo ta'u, bara 2001 irraa kaasee naannichi afaan dhalootan barnoota kennuu akka eegale ibse.

Naannichatti afaanonni akka Beenshaanguliffa, Shinaashaa, Maa'oo fa'aa afaan barnootaa ta'uun kan tajaajilaa turan yoo ta'u, afaanonni akka Afaan Oromoo, Koomoo, Amaariffaa fa'aa afaan akka afaan dhalootatti barnoonni ittiin kennamaa ture.

Barattoonni naannichaa kutaa tokkoo kaasuun barnoota herreegaafi saayinsii afaanota kanaan kan baratan yoo ta'u, kutaa torba gaafa gahan afaan barnootaa Ingiliffa ta'a.

Biiroon Barnootaa Naannoo Beenshaangul Gumuuz xalayaa aanoleef barreessen bara 2018 irraa kaasee adeemsi baruufi barsiisuu kana dura ture jijjiiramuu agarsiisa.

Xalayaan itti gaafatamaa biirichaan barraa'e akka agarsiisutti, adeemsi baruufi barsiisuu waggoota 17 ture Fulbaana darberraa kaasee kaabinee mootummaa naannichaan jijjiirameera.

Adeemsa kana dura tureen sirni barnootaa afaan dhalootaan kennamaa ture bu'aa barbaadamu argamisiisuu akka hin dandeenye kan ibsu xalayaan biiroon naannichaa barreesse, "lakkoofsi barsiisotaa gahaafi galteewwan gahaan hin jiran turan, rakkooleen biroos jiru" jedha.

Itti gaafatamaa Biiroo Barnootaa Naannoo Benshaangul Gumuuz kan ta'an Dr. Tamasgeen, "Barsiisonni gahaan jiran, inumaayyuu hin jiran jechuun ni danda'ama. Kanneen jiranis, gahuumsi isaanii gadi bu'aadha," jechuun barnoota afaan dhalootaan kennamaa ture jijjiiruuf sababa akka ta'e kaasu.

Itti gaafatamaa Biiroo Barnoota Naannoo Benshaangul Gumuuz

Madda suuraa, Benishangul Gumuz Region Communication

Afaannonni kanaan dura akka afaan dhalootatti barnoonni ittiin kennamaa ture amma bakka tokkottti kan kennamuuu ta'uu kan himan qondaalli naannichaa, barnoota akka herreega, saayinsiifi gosa barnootaa birootiin barsiisonni afaan dhalootan eebbifaman argachuun rakkisaa ta'uu ibsu.

Itti gaafatamaan biiroo barnoota naannichaa Dr. Tamasgeen akka jedhanitti, rakkoo baruufi barsiisuu naannicha mudate furuuf qorannoon bara 2017 gaggeeffamee kaabinee mootummaa Naannoo Beenshaangul Gumuuziif dhiyaachuu ibsu.

"Dandeettiin naannichaa hanga cimuufi rakkooleen jiran adeemsa keessa hanga furmanitti afaan baruufi barsiisuu barnoota sadarkaa tokkoffaa naannichaa Amaariffa akka ta'u [kaabineen] murteesse," jechuun afaan barnootaa naannichaa jijjiiramuu ibsu.

Dabaluunis, "afaanonni akka afaan dhalootatti [ittiin barnoonni kennamaa ture] akka gosa barnooata tokko qofaatti akka itti fufu kaabineen murteesse," jechuun ibsu.