Miidiyaan hawaasaa Itoophiyaa keessaatti walitti bu'iinsa hammeessaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Ji’oota muraasa dura viidiyoon naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti waraabamee miidiyaa hawaasaa gubbaatti baay'inaan qoodame namoota hedduu rifaasiseera.
Viidiyoo kana irratti namni lubbuun jiru namootaan marfamee ibidda qabatee jirutti yeroo darbamuufi jechoonni gocha kana jajjabeessan yeroo dubataman ni mul’ata.
Viidiyoon kun miidiyaalee hawaasaa garaagaraa gubbaatti erga naanna’ee booda hedduun gocha kana balaaleffatanii, mootummaan kanneen gochicha raawwatan irratti tarkaanfii akka fudhatu gaafataa turan.
Faallaan ammoo kanneen ''saba koorratti'' raawwate jedhan miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun tarkaanfiin haaloo bahuu akka fudhatamu gaafachaa turan.
Gareen kan biraan ammoo ajjeechaa sukkaneessaa sana dinqisiifachuun qama ''diina'' jedhan irratti tarkaanfiin walfakkaatu akka fudhatamu gaafataa turan.
Haleellaa tibba kana Godina Wallaga Lixaatti ganda Tolee keessatti hidhattoota WBO’n raawwatame jedhamee fi lubbuu namoota dhibbaan lakkaawwamanii galaafateen walqabatees miidiyaaleen hawaasaa yaada walqooduun walirratti ka’uu labsan keessummeesseera.
Gaheen miidiyaaleen hawaasaa gama jibbaafi walitti bu’iinsa labsuurratti bahaa jiran kun nageenyaaf qofa osoo hin taane miidhaan isaa xiinsammuu irrattisi.
Jiraataan magaalaa Finfinnee Wandimmeenah Ingidaa Feesbuuk fayyadamuu ergan dhaabee ji’a lama ta’eera jechuun BBC’tti hime.
''Yeroon galu barreeffamniifi suuraan argu waayee ajjeechaati. Dabalataan miidhamtoota irratti barreeffamoonni qoosan ni gadhiifamu. Kun sammuu na jeequu eegale'' jechuun sababa miidiyaa hawaasaa kana irraa of fageesseef dubbata.
Kanaafis ''deebi’ee feesbuuk kaniin fayyadamu natti hin fakkaatu'' jedha.
BBC’n qabiyyeewwan miidiyaalee hawaasaa akka Feesbuuk, Tiwiitarfi Telegiraam jiran walitti bu’iinsa kakaasuufi suuraafi viidiyoolee sukkaneessoon akka irratti qoodamaa jiran hubateera.
Suuraafi viidiyooleen kunniin warreen gocha sana raawwataniin yookaan ammoo kanneen naannoo sana turaniin kan waraabamanii fi kaafaman akka ta’anis hubachuun ni danda’ama.
Mootummaan Itoophiyaa qabiiyyeewwan miidiyaalee hawaasaan tamsa’an kan isa yaaddessu ta’uu dubbata. Garuu ammoo, miidiyaalee hawaasaan qabiyyeewwan oduu sobaafi walitti bu’iinsaa jajjabeessan to’achuurratti wanti hojjetame gahaa mitis jedhamee qeeqama.

Madda suuraa, Getty Images
'Gaaffii kenyaa ta'uu kan qabu ajjeechaan hunda keenyaa haa dhaabatu kan jedhu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dura taa'aa itti aanaan Kongireesii Federaalawaa Oromoo Obbo Jawaar Mohammad kan hidhaa waggaa tokkoofi walakkaa booda amma biyyoota alaa keessatti hawaasa Oromoofi saba kaan waliin mari'achaa jirus miidiyaaleen hawaasaa walfixiinsa labsuurraa akka of qusachuu qaban dhaame.
''Ajjeechaan Oromoo haadhaabbatu, ajjeechaan Amaaraa haadhaabbatu, ajjeechaan Tigree haa dhaabbatu kan jedhamu dubbii baratameedha. Eyyeen haa dhaabbatu garuu ajjeefamuun Oromoo dhaabbatee kan Amaaraa itti fufuu hin qabu, kan Amaaraa dhaabbatee kan Tigiree itti fufuu hin qabu,'' jedhe.
Itti dabaluunis ''Gaaffii keenyaa ta'uu kan qabu ajjeechaan hunda keenyaa haa dhaabbatu kan jedhu'' jedha Obbo Jawaar.
''Waggoota afran darban haalli biyyi itti adeemaa turte kaayyoon isaa maaluu haa ta'u, Itoophiyaa kan diige, kan dadhabsiise, saboota gidduu komiin uummattoota gidduu jiru gara diinummaatti akka ce'u kan godhe humna mootummaan haleellaawwan to'achuuf qabu kan laaffiseedha.''
''Oromoon du'aa jira yoo ta'e, Amaarri du'aa jira yoo ta'e, Tigireen du'aa jira yoo ta'e, Gumuuz du'aa jira yoo ta'e, eenyutu nu ajjeesaa jira? Wal ajjeessaa jirra jechuudha. Kana amanuu qabna'' jedha Jawaar.
Haalli biyya keessa jiru walwaraansa akka ta'e dubbatee, sabni hunduu akkuma miidhamaa haleellaawwan kanaa ta'e raawwataa halleellaa kanaatis jechuun ibse.
Warri biyyoota alaa jiran haala Itoophiyaan keessa jirtu tapha akka hin taane hubachuun ''maallaqa gama youtube'n argamuuf jecha saba kakaasuu dhaabuu qabu. Kan dhumaa jiru kan homaa keessaa hin qabne, dubartootaafi daa'immani'' jedhe.
''Obbolootni keenya miidiyaa hawaasaarra jirtan sabni keessan yeroo miidhamu balaaleffachuun waan tokko ta'ee haleellaa haaloo bahuuf kakaasuun sabaa ofii hamaa kanaa oliif saaxiluudha.''
Itti dabaluunis warri miidiyaa hawaasaarra jiru mirga saba isaaf yeroo falmu saba isa kaan osoo hin xiqqeessin mirga dhala namaa hundaaf akka dubbatu kadhateera.

Madda suuraa, Getty Images
'Itoophiyaaf yaaddoodha'-Mootummaa
Mootummaan Itoophiyaa odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaan qoodaman walitti bu'iinsa kutaalee adda addaa keessatti dhalatanii fi isa hordofees miidhaalee mudatan keessaa gahee qabuu jedha.
Daayireektarri Bulchiinsa neetwoorkii odeeffannoo biyyaalessaa Dr. Shumatee Gizaaw qabiyyeen miidiyaalee hawaasaa ''Itoophiyaaf yaaddoodha'' jedhanii, kanneen oduu dharaa fi dhaamsa jeequmsaa dhaaman adda baasuun seeratti dhiyeessaa akka jiran himaniiru.
Akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa kan sobaa waan baay'atuuf, qajeelfama miidiyaalee hawaasaa irratti hundaa'uun akkaawuntiiwwan akka cufaman ykn maxxansaalee qabiyyee hamaa qaban ''kubbaaniyyoota kana waliin ta'uun akka haqaman gochaa jirra'' jedhan.
''Miidiyaa hawaasaa irratti kanneen miindeeffaman (fakkeenyaaf akka Youtube) beelli Tigraay, dararaa Oromoo ykn ajjeefamuu Amaaraa irraa dhimma hin qaban. Caalattuu uummata walitti buusanii maallaqa kaffalamuuf yaaduu'' jedhu aanga'aan kun.
Dhaamsa hamaa fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa qolachuuf uummanni kaayyoo isaanii akka beekuufi hubannoorrattis hundaa'uun fayyadama isaa akka sirreessu hojjechaa jiraachuus dubbatan.
Miidiyaalee hawaasaa odeeffannoowwan sobaa, ummata walitti buusan, haasaa jibbinsaa, kabaja namaa mulqan fi burjaajii uuman ittisuuf bara darbe labsiin bahee hojiira oolaa akka jirus Dr. Shumatuun BBC'tti himaniiru.
Akka labsii bahe kanaatti namni haasaa jibbinsaa gama biroodkaastiin, maxxansaafi miidiyaa hawaasaan tamsaase, hanga hidhaa waggaa lamaafi adabbii birrii 100,000'n akka adabama.
Haasaa kanaan nama dhuunfaa ykn garee tokko irratti miidhaan gaheera yoo ta'e ammoo adabbiin kun hanga waggaa shanii gahuu danda'a.
Mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Amaaraa keessatti gaggeessuu eegaleen walqabatee yuutiyuubaroonni(gaazexessitootni) chaanaaliiwwan akka Chaanaal Nisir, Ashaaraa, Itiyoo Niqaat fi Gabayaanuu miidiyaa walumatti 11 ta'an to'atamaniii gariin boodarra mirga wabiin bahuun isaanii ni yaadatama.
Dr. Shumatuu namootni waltajjiiwwan akka feesbuuk, tiwiitar fi Youtube irratti oduu dharaafi, hokkora kakaasan raabsan akka seera biyyaatti akka adabamaniifi dhokatanii harka dukkanaa ta'anii warra hojjetan ammoo miidiyaaleen hawaasaa kun akka isaan cufu hojjechaa akka jiran dubbatan.
Miidiyaaleen hawaasaa akka feesbuuk, tiwiitariifi youtube fayyadamaan isaanii qajeelfama dhaabichaan bitamuu didee odeeffannoo walitti bu'iinsa kakaasu yeroo dhaabsisuufi tarkaanfii si'ataa irratti fudhachuu hanqatu mul'ateera jechuunis komataniiru.
Gaafatamummaa miidiyaa hawaasaa
Baayyinni uummata Itoophiyaa miiliyoona 120 akka ta'e tilamaamama. Kana keessaa dhibbeentaan 24 dargaggoo ganna 13-24 gidduu jiruudha.
Akka ragaa marsariitiin Dataaripportaal jedhamu baaseetti, lammiileen Itoophiyaa biyya keessa jiraatan miiliyoona 30 ta'an intarneetatti fayyadamu. Lakkoofsi kunis waggaa waggaan dabala.
Lakkoofsi fayyadamtootaa kun bara 2022 keessa dhibbeentaa 25 akka dabalus tilmaameera.
Ragaaleen hedduun kan akeekan fayyadamaan Intarneetaa akkaan dabalaa jiru miidiyaalee hawaasaa itti fayyadamu keessa inni guddaan Feesbuukiidha.
Ragaaleen bara darbe keessa bahan fayyadamtoonni Feesbuuk Itoophiyaa keessa jiran miiliyoona 7 gahuu agarsiisu.
Dhaabbanni Feesbuuk amma maqaa isaa Meta'tti jijjiiree, waltajjiin kun Itoophiyaa keessatti ergaalee walitti bu'iinsa kakaasan to'achuu hin dandeenye jechuun komiin guddaan irratti ka'aa ture.
Meta'n Itoophiyaa biyyoota addunyaa walitti bu'iinsi keessatti yaaddessu keessaa tokko jechuun ramadus, balaa karaa waltajjii kanaan dhufu hanqisuuf gahaatti hin hojjenne jedhama.
Barruun 'Wall Street Journal' bara kana keessa maxxansa isaa waayee miidiyaa hawaasummaa Itoophiyaa haasa'u keessatti hidhattoonni viidiyoowwan sukkaneessoo dhorkaa malee feesbuuk gubbaatti gadhiisaa turan jedheera.
Dhaabbata Meta keessa hojjetaa kan turan Firaansiis Haawugin ''Feesbuukiin Itoophiyaa fi Miyaanmaar diigaa jira'' jechuun Seeneetii Ameerikaatti dhiyaatanii odeeffannoo miliqsanii turan.
Dhimmi kun dubbii miidiyaalee gurguddoo erga ta'ee booda, dhaabbatichi tarkaanfii fudhachuu eegaluu ibsee ture.
Fakkeenyaatti gabaasa Sadaasa darbe baaseen qabiyyeewwan kuma 92 Feesbuukii fi Instaagraam gubbaatti bahan irratti tarkaanfii fudhachuu ibseera.
Ebla darbes akkasuma fuulawwan ''Masrii irraa Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun hojjetu'' jedhe irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.
Ta'us ammallee tarkaanfiin fudhatamaa jiru gahaa miti. Ammallee fayyadamtootni hedduun qabiyyeewwan walitti bu'iinsa kakaasan dhorkaa malee maxxansu komiin jedhu ni dhagaahama.
Miidiyaaleen hawaasaa akkamiin tarkaanfii fudhatu?
Meta'n qabiyyeewwan waltajjii isaarratti gadhiifaman walitti bu'iinsa akka hin kakaasne, mirga dhuunfaa akka hin sarbineefi miidhaa kan hin qaqqabsiifne akka ta'an qajeelfama ittiin hordofu qaba.
Hordoffiifi tarkaanfii fudhachuufis dhaabbilee isa gargaaran qaba.
Teessoo isaa magaalaa Naayiroobii kan godhate dhaabbatni Meta waliin ta'uun qabiyyeewwan to'atu, Sama Source jedhamu, qabiyyeewwan Afaan Oromoo, Amaariffa, Tigriffaafi kaanis hordofee tarkaanfii fudhata.
Dhaabbata kana keessa kan hojjetan namni maqaan isaanii akka ifa hin godhamne gaafatan tokko, erga waraana Tigraay eegalee qabiyyeewwan jibbinsaafi walitti bu'iinsa kakaasan dabalaniiru jedhu.
''Qabiyyeewwan to'annu keessaa dhibbeentaan 80 kan ta'u haasaa jibbinsaafi kan walitti bu'iinsa kakaasu.''
Meta'n biyyoota addunyaa kaan keessattis qabiyyeewwan qajeelfama isaan ala ta'an kan to'atu ta'uus dameen Naayiroobii jiru qabiyyeewwan amma Itoophiyaa ilaalan Afaanota sadiin to'achuun humnaa ol ta'uu namni kun ibsaniiru.
Feesbuuk qabiyyeewwan irratti tarkaanfii kan fudhatu yoo qabiyyeen sun gabaasame (report) godhameedha.
Haala amma Itoophiyaa keessa jiruun qabiyyeewwan walitti bu'iinsaaf kakaasan gadhiisuun kan komatamu Feesbuuk qofa miti. Google jalatti kan bulu Youtube irratti komiin hedduun ni dhiyaata.
Lakkoofsi fayyadamaa waltajjii kanaa biyya keessaafi alatti saffisa guddaan dabalaa jira. Waltajjiin kunis walitti bu'insa kakaasuu keessatti qooda bahaa akka jiru BBC'n hordoffii taasiseen hubateera.
Dhimma kana ilaalchisee dameen Google Naayiroobii jiru deebii yoo qabate jechuun gaafatus deebii hin arganne.












