Jan. Baacaa Dabaleefi Dr. Silashii Baqqalaa dabalatee ambaasaaddaroonni 27 muudaman

Madda suuraa, EBC
Pirezidant Saahila-warq Zawudee Janaraal Baacaa Dabalee dabalatee aanga'oota garagaraa ambaasaaddarummaan muuduu isaanii odeeffannoon Waajjira Pirezidantii Itoophiyaarraa argame mulliseera.
Pirezidant Saa'ila-warq bu'uura Heera Mootummaa Keewwata 71/3 tiin hoggantootaafi itti-gaafatamtoota garagaraa ambaasaaddara guutuufi ambaasaaddar akka ta'aniif muudama kennaniiru.
Namoonni Pirezidant Saahila-warqu ambaasaaddarummaan har'a muudan baayyinni isaanii waliigalatti 27 ta'uun beekameera.
Namoota ambaasaaddarummaadhaan muudaman kanneen keessa 16 kan ta'an aangoo ambaasaaddarummaa guutuun kan kennameef yoo ta'u, 11 kan ta'an ammoo aangoo ambaasaaddarumaatu kennemaaf.
Haaluma kanaan:
1/ Obbo Tafarraa Darribew
2/ Obbo Dassee Daalkee
3/ Dr. Silashii Baqqalaa
4/ Janaraal Baacaa Dabalee
5/Janaraal Hasan Ibirhaam
6/ Aadde Shittaayee Minaalee
7/ Piroofeesar Fiqaauu Bayyanaa
8/ Obbo Rashii Mohaammad
9/Ambaasaddar Jamaal Bakar
10/ Obbo Fayisal Aliyyii
11/ Obbo Isaayyaas Gootaa
12/ Obbo Tsagga-aab Kibebew
13/ Obbo Xaafaa Tulluu
14/ Dr. Gannat Tashoomee
15/ Obbo Dhaabaa Dabaleefi
16/ Obbo Fiqaaduu bayyanaan warra ambaasaaddarummaa guutuun muudamanidha. Kana malees,
1/ Obbo Isaayysa Alemaayyehu
2/ Obbo Haylaay Birhaanee
3/ Obbo Awwal Wagirsii
4/ Aadde Bizunash Masarat
5/ Obbo Anteeneh Taarikuu
6/ Obbo akliluu Kabbaaa
7/ Obbo Sa'id Mohaammad
8/ Obbo yoseef Kaasaayee
9/Obbo zalaalam Birhaan
1ዐ/ Aadde Firtuunaa Dibakoofi
11/Obbo Warqaalamaw Dasatta ammoo ambaasaaddarummaan muudamaniiru.
Kanneen muudamni kennameef keessaa Janaraal Baacaan MM Abiy gara aangootti dhufuu isaan dura soorama irra kan turan yoo ta'u, waraanaa Kaaba Itoophiyaatti jalqabamee walqabatee waamicha miseensota duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaatiif taasifameen gara Raayyaatti deebiyuun isaanii ni yaadatama.
Kanaanis Qindeessaan Ijaarsa Waraanaa Rayyaa Ittisa Biyyaa ta'uuhaan tajaajilaa turan.
Akkasumas, Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa wayita ka'u namni jalqaba maqaan dhahamu Ministira Bishaan Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa Dr Injinar Silashi Baqqalaa aanga'oota muudamni ambaasaaddarummaan kennameef keessatti argamu.















