Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Finciltoonni Tigraay daangaa Affaar seenanii haleellaa raawwachaa jiru' - Naannoo Affaar

Madda suuraa, AFP
Waraanni Kaaba Itoophiyaa qabbanaa'ee ture gama daangaa Tigraay fi Affaariin akka haarawatti itti fufee jiraachuu fi finciltoonni Tigraay daangaa Affaar seenanii haleellaa bal'aa raawwachaa akka jiran Mootummaan Naannoo Affaar hime.
Ibsi Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Affaar Wiixata galgala baase akka jedhutti humnooti Tigraay naannoo Affaar gama Godina Kilbatii Rasuu jedhamuun seenuun iddoowwan akka Abaalaa, Magalee fi Baraahilee jedhamanitti haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan deeggarame raawwateera.
Biirichi ibsa dabalataa Afaan Ingiliziin baaseen bakkeewwan akka Abaalaa fi Magalee finciltoota Tigraayiin qabamuu fi waraanni cimaan bakka Baraahilee jedhamutti adeemaa jiraachuu hime.
Guyyoota darban gama daangaa Tigraay fi Affaariin walitti bu'iinsi hammaatee, gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf rakkisaa akka ta'e dhaabbileen gargaarsa namoomaa gabaasaa turan.
Mootummaan Itoophiyaas sababa waraana kanaan gargaarsa qorichaa, nyaataa fi meeshaalee fayyaa kaan Tigraay dhaqqabsiisuun waan hin danda'amneef balaliisa xiyyaaraa guyyuun gara Tigraay imalu hayyamuu isaa beeksiseera.
Naannoo Affaar ulaan Abaalaa kan amma waraanni irratti godhamaa jiru ulaa mootummaan Itoophiyaa amma dura gargaarsa namoomaaf banaa godhee turedha.
Lola akka haarawatti eegalee adeemaa jiru kun meeshaalee waraanaa gurguddaan kan deeggarame ta'uurraan kan ka'ee lammilee nagaarra miidhaan gahaa jira jedhe Mootummaan Affaar.
Jalqabbii lola kanaa irratti qondaaloti gama lameenii quba walitti qabaa jiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti bakka bu'aa Itoophiyaa kan ta'an ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee, "sababa haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa TPLF naannoo Affaar irratti baneenm dhiyeessiin gargaarsa namoomaa gufateera" jechuun tiwiitarii irratti barreessan.
Dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa gama kaaniin haleellaa kana kan eegale humnoota Affaar fi Eertiraa ta'uu tiwiitarii irratti kataban.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Konkolaattonni WFP 27 gargaarsa namoomaa fe'an hayyama mootummaa federaalaan Samaraa irraa gara Maqalee erga qajeelanii booda sababa lola naannawa Abaalaatti adeemaa jiruun mootummaan Affaar akka dhorke barreessan Obbo Geetaachoon.
Mootummaan federaalaa waraana gama naannoo Affaariin adeemaa jiru ilaalchisee amma dura kallattiin wanti jedhe hin jiru.
Finciltoonni Tigraay naannolee Amaaraa fi Affaar qabatanii turan gadi dhiisanii daangaa Tigraayitti deebi'uu hordofee, lolli waan qabbanaa'us, iddoowwan gara garaatti walitti bu'iinsi xixiqqaan akka ture ajajoonni waraanaa Itoophiyaa himaa turan.
Haleellaa qilleensarraa mootummaan federaalaa Tigraay bakka adda addaatti raawwachaa tureen lubbuun namoota hedduu darbuu TPLF komataa ture.
Lolli gama daangaa Affaariin akka haaraatti itti fufuun dhagaahame kun wayita yaaliin waraana kana mariin akka xumuramu Ameerikaa dabalatee biyoonni gara garaa itti jiran itti fufee jirutti.
Waajirri Pireezidantii Keeniyaa ibsa Wiixata baaseen Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US haaraan Amaasaaddar Daviid Saaterfiild fi pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaattaa qaamaan wal arganii dhimma waraana Itoophiyaarratti mariyachuu beeksiseera.
Biyyooni lameen waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalatee, waggaa tokkoo oliif dubbii ijoo addunyaa ta'e saffisaan xumura akka argatu waamicha kan godhan yeroo ta'u, marii araaraafis tattaafachaa jiru.
Barreessan UN Antooniyoo Guterees waraanicha mariin xumura akka argatu gochuuf abdiin jira jechuun isaaniis ni yaadatama.















