Lola Tigiraay: 'Bakka haaraa deggartoonni namoomaa reefuu gahaa jiran beelliifi dhibeen hammaataadha'- NRC

Dhaabbanni gargaarsaa 'Norwegian Refugee Council' jedhamu naannoo Tigraay keessatti bakka hojjettoonni deeggarsa namoomaa yeroo jalqabaaf gahanitti'' beelliifi dhibeen hammaataadha,'' jedhe.

"Daa'imman huuqqatan fi dubartoota garaatti baatan dabalatee buqqaatonni kuma 37 ta'an torbanoota darban Kaaba Tigraay Sheraaroo gahaniiru,'' jedha ibsi dhaabbatichi baase.

Hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbata kanaa Jaan Egilaand buqaattonni gara Sheraaroo dhufan ''deeggarsa namoomaa atattamaan hin argatan taanaan namni dhumuu mala,'' jedhan.

''Haalli Sheraaroo jiru hammaataan olidha. Maatiin haaraan guyyuu achi gahaa jiraatus, gargaarsi tokkollee torbanootaaf hin dhiyaanneef. Nyaatni, bishaaniifi qorichi atattamaan dhumaa jira. Deeggarsa namoomaa atattamaan hin argatan taanaan namni dhumuu mala,''

Kanneen gara Sheraarootti baqatan haleellaa saalaa, ajjeechaafi jeeqama jiru baqachuun ta'uu himanii, ''Haadholiin hoosisan daa'ima isaaniif aannan haadhaa qopheessuu akka dadhabanillee nutti himaniiru,'' jedhan.

Dhaabbatichi ibsa isaa keessatti baadiyyaa fagoo keessatti baqattoonni gargaarsa malee nageenya barbaacha baqatanii akka jiran ragaa qabaachuu ibseera.

Dabalataan Sheraaroo bakka buqqaatonni kumootaan jiran ''dubartoonni ulfaa kutaa namaan dhiphate keessa firaasha, uffata qorraafi ittisa bookee malee lafarra ciisaa jiru,'' jedheera.

Kaampii baqattootaa Hitsaatsiifi Shiimelbaa jedhaman dabalatee, kutaalee Tigraay gidduugaleessa, Lixaafi naannoo baadiyyaa hanga ammaatti hawaasni deeggarsa namoomaa dhiyeessuu hin qaqqabnee jedha NRC.

Gareen yeroo balaa dhaabbatichaa kaampiiwwan lamaan kana dura miidhaan irra gahee ture torban kan dhaqee daawachuun dhaabbata gargaarsaa kan duraa ta'uullee ibse.

Kaampiiwwan kun godaantota Eertiraa 33,000 ol qabatanii kan turan ta'us, godaantonni sun amma bakki dhaqan ifa akka hin taane eeree, bakka saanii kana buqqaatotuma naannoo Tigraay 3,000 ta'antu qubatee jira jedha.

''Kun kan agarsiisu lolli ammallee bakka hedduutti namoota buqqisuu itti fufuudha,'' jedha ibsichi.

Hoji gaggeessaan Norwegian Refugee Council Jaan Egilaand gargaarsi nama deeggarsi barbaachisuun hunda bakka isaan jiraniin osoo hin dhorkamiin akka qaqqabu aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa waan danda'an akka godhan gaafataniiru.

Ummanni jireenya idileetti akka deebi'u qaamonni lolatti jiran furmaata nageenya waaraa fiduu akka barbaadanis waamicha godhan.

Waayee deeggarsa namoomaa mootummaan Itoophiyaa maal jedha?

Mootummaan Itoophiyaa lola naannoo Tigraayitti ''olaantummaa seeraa kabachiisuuf'' jedhuun lolamaa jirun walqabatee gaaga'ama namooma mudate furuuf maallaqa birrii biiliyoona lama ta'u baasii gochuun deeggarsa namoomaa namoota miiliyoona 4.5 ta'aniif dhiyeessuu ibsa.

Rakkoo naannichatti dhalateen walqabatee kanneen deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 4.5 ta'an keessaa mootummaan namoota dhibbeentaa 70 ta'an deeggaraa, kan hafan dhibbeentaan 30 dhaabbilee gargaarsaa idila-addunyaan deeggaramaa akka jiran ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee idila-addunyaa deeggarsa namoomaa dhiyeessan kana dura naannoo Tigraay keessa galuuf adeemsi hayyama kennuu rakkisaa tureefi dhaabbileen komachaa turan hedduu fooyyesseera.

Ibsa dhaabbileen gargaarsaa idila-addunyaa yeroo adda addaatti baasaniin walqabatee garuu mootummaan Itoophiyaa dhaabbileen idila-addunyaa hanga dubbataniifi jedhan gargaaraa hin jiran jechuun komata.