Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: UN haalli naannoo Tigraay keessa jiru haalaan yaaddessaadha jedhe
Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Ol-aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR) fi barreessaan Manni Maree Dhimma Baqattootaa Warra Noorwey (NRC) haalli naannoo Tigraay jiru haalaan yaaddessaadha jedhan.
Dhaabbata Mootummoota Komishinarri Ol-aanaa Dhimma Baqattootaa Filiippoo Giraandii yeroo daawwannaa naannoo Tigiraayitti taasisan xumuranitti haalli naannicha jiru baayyee yaaddessadha jechuun ibsa kennaniiru.
Haaluma walfakkaatuun barreessaan ol-aanaa Manni Maree Dhimma Baqattootaa Warra Noorwey (NRC) Jaan Iglaand Tigiraayitti namoonni gargaarsi isaan barbaachisu haala ga'aa ta'een argachaa hin jiran jechuun BBCtti himaniiru.
Mootummaan gama isaatiin garuu gargaarsa namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'aniifi barbaachisu dhiyeessuudhaaf humna akka qabuufi qophaa'aa ta'uu isaa kanaan dura beeksisee ture.
Jaan Iglaand, "Ji'oota sadan darban keessa jaarmiyaaleen gargaarsaa idil-addunyaa gargaarsa walitti fufinsa qabu dhiyeessuu hin dandeenye. Namoonni miliyoona lamatti siqaniif gargaarsi atattamaatu barbaachisa.
Dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan hedduun galaniiru kan jedhame sobadha kan himan Igaand, keessattuu Tigraay Lixaafi Giddu-galeessatti namootaaf qaqqabuu hin dandeenye jedhan.
Gargaarsa kennuun kan danda'ame daandii guddaa magaalaa Maqaleerra warra jiraniifi naannoowwan to'annoo mootummaa Federaalaa jala jiran qofaadha," jechuun BBCtti himaniiru.
Lola jalqaba baatii Sadaasaatti humnootaTPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti uumameen lammileen miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'uu UN beeksisuun isaa ni yaadatama.
Komishinarri Ol-aanaa UNHCR Fiiliippoo Giraandii gama isaanitiin ibsa kaleessa kennaniin, namoonni gargaarsi isaan barbaachisu haalli jiru osoo to'annootiin ala hin ta'iin gargaarsi namoomaa isaan qaqqabuu barbaachisa jechuun hubachiisaniiru.
Komishinarichi daawwanna Itoophiyaatti taasisaniin MM Abiy Ahmed dabalatee aanga'oota ol-aanoo waliin wal arguu isaanii ibsaniiru.
Ministirri Nagaa Aadde Mufeeriyaat Kaamiil Komishinaricha waliin gara naannoo Tigiraay deemuu isaanii fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessanii ture.
Aadde Mufeeriyaat lammileen buqqa'an Fiiliip Giraandii waliin daawwachuu isaanii ibsuun, "Dhimmoota tajaajila bu'uuraafi hawaasummaa foyyaa'uu qaban irratti bakka bu'oota waliin mariyanneerra.
Tajaajila keenya caalaa foyyeessuudhaaf akka dandeenyutti abbootii dhimmaa kanarraa raawwiin gaariifi hanqina qaban hubachuudhaaf carraa isaa arganneerra," jedhan.
Fiiliippoo Giraandii gama isaatiin buufataaleen baqattootaa daawwatanitti baqattoonni arganii dubbisan miidhaan saala waliin walqabate isaanirra ga'uu akka gabaasaniif dubbachuun, miidhaan saala waliin walqabate lakkoofsaan kaa'uun akka hin danda'amnes ibsaniiru.
Giraandiin, mootummaan sarbama mirgoota namoomaa qaqqabeera jedhame qaama walabaatiin qulqulleeffatee warra yakka raawwatan akka itti gaafataman akka taasisuufi gargaarsi namoomaa qaqqabsiisuudhaaf dhorkaan tokkollee akka hin jiraanne gaaftaniiru.
Gama biraatiin ammoo Aadde Mufeeriyaat, "Warra dhimmi isaan ilaallatu waliin taanee muuxannoowwan gaggaarii keenyaafi duudhaawwan keenya caalaa cimsachuun rakkoowwan lammilleen keenya keessa jiran furuudhaaf akkuma yeroo kaanii halkaniifi guyyaa ni hojjenna," jedhan.
"Namoota qaqqabuu hin dandeenye"
Barreessaa Ol-aanaa Mana Maree Baqattootaa Warra Noorwey Jaan Iglaand turtii kaleessa BBC waliin taasisaniin, namoota gargaarsi namoomaa barbaachisu qaqqabuudhaaf irra deddeebiin gaaffi dhiyeessanillee namoota gargaarsi isaan barbaachisu bira ga'uu dadhabuu isaanii dubbataniru.
"Namoota qaqqabuu akka dandeenyu irra deddeebiin gaafanneerra. Yeroo tokko tokko sadarkaa mootummaa Federaalaatiin, yeroo tokko tokko ammoo sadarkaa mootummaa naannootiin tibba hayyama itti hin argatiin jiru.
Namoonni gargaarsi isaan barbaachisu miliyoona lamaa ol ta'uu danda'u. Hin beeknu. Naannoo hiyyummaan itti cimeefi gargaarsa barbaadudha," jechuun dubbatu.
Kanaan dura mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii miliyoona 2.5 akka ta'aniifi isaaniif ammoo gargaarsa qaqqabsiisuudhaaf qaphii taasisuu isaa beeksisaa tureera.
Komishinarri Komishinii Hojmaaata Yaaddoo Balaa Biyyaalessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa ibsa torban darbe kennaniin, "Tigiraay keessatti lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii miliyoona 4.5 osoo hin taane miliyoona 2.5dha," jedhan.
Ummata miliyoona 2.5 ammoo gargaaruudhaaf ammoo mootummaan qohii gahaa taasiseera jedhan Komishinarichi.
Jaan Iglaand garuu, "Konkolaattonni fe'isaafi warri gargaarsa kennan xiqqoon akka jiran hubanna. Sun ammoo namoota miliyoonaan lakkaa'aman gargaarsi isaan barbaachisuuf waayyu miti," jedhu.
"Warri gargaarsa namoomaa kennaniifi mootummaan gama gama waliin taasisaniin gara Tigiraay bahaafi Kibbaatti imalaniru. Gargaarsa kan barbaadan hedduun akka jiranidha.
NRC dabalatee dhaabbileen biroollee gargaarsa kennuu ni barbaadu. Lola sanaan dura namoota kumaatamaan lakkaa'amaniif gargarsa kennineera. Amma ammoo kanaa ol taasisuudhaaf nuti qophiidha."
Jaan Iglaand buufataaleen da'oo baqattootaa Ertiraanonni keessatti argaman afur naannoo Tigiraay keessa jiran keessaa lamaaf meeshaa gargaarsaa dhiyeessanis kanneen hafan buufataaleen da'oo baqattootaa qaqqabuu dhabuun isaanii akka isaan yaaddessa BBCtti himaniiru.
"Kaampiiwwan lama keessatti Ertiraanotaaf gargaarsa muraasa taasisuun danda'ameera. Ertiraanota biratti fedhiin gargaarsaaol-aanaadha.
Kaampiiwwan lama qaqqabuu dhabuun keenya garuu baayyee yaadessaadha. Mirgoota namoomaafi walitti bu'insa ilaalchisee seerawwan idil-addunyaa cabuun akka jiru gabaasaaleen nu qaqqabaniiru. Baqattoonni haleellaan akka irratti raawwatameru dhageenyeerra.
Gara daangaa Itoophiyaafi Sudaan deemee baqattoota hedduu argeera. Seenaawwan nama naasisanidha kan natti himan.