Lola Tigiraay: Buufatni kenna deeggarsa namoomaa dhaabbata NRC naannoo Tigiraay 'barbadaa'eera'

Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti lola waraanaa adeemaa jiruun manneen kaampii baqattootaa keessa jiran manca'uu akka balaaleeffatu dhaabbanni qarqaarsaa idil-addunyaa beeksise.

Manneen baqattoota tajaajiluuf naannoo Tigiraay keessatti ijaarre suuraa satalaayitiin akka ilaalletti kanneen mancaafaman keessatti argamu jedhe dhaabbanni gargaarsa namoomaa warra Noorway - NRC.

Buufataalee dhaabbata NRC dabalataan manneen barnootaafi kilinikoonni yaalaa kaampii Hitsaats fi Shimelbaa keessaa kanneen gubatan keessatti argamu jedhe.

Yakka buufataaleefi manneen baqattoota deeggarsa barbaadan ittiin tajaajiluuf hojjennu barbadeessuu ni balaaleffanna,'' jedhe hojii gaggeessaa ol-aanaan NRC, Jaan Egilaangi.

Haatahu malee, dhaabbati qarqaarsaa kun manneen kun eenyuun akka mancaafaman wanti jedhe hinjiru.

Mootummaan Itoophiyaafi kaan dhimmicha akka qoratan NRCn kan dhaame wayita tahu, mootummaan Itoophiyaa garuu dhimma kan ilaalchisee haga ammaatti wanti jedhe hinjiru.

Ibsi NRC baase maali?

Kaawunsiliin Baqattootaa Tigraay - NRC ibsa guyyaa Wiixataa baaseen, suraalee saatalaayitarraa argamaniin adda baase jechuun, ijaarsi garagaraa kaampii baqattootaa keessa jiran barbadaa'an jedha.

''Yakki manneen gubuufi saamuu qaama hidhateen gaggeeffamu rakkoo deeggarsa namoomaa duraanuu miliyoonota mudatee ture ittuu kan hammeessudha.''

Gareen xiinxalaa UK maandheffate Dx Open Network jedhamu buufataaleen deeggarsaa NRC barbadaa'uu suuraa satalayaitii haaraa baaseen agarsiise.

Xiinxalli isaa kan gabaasota kaampii biroo waliin kan fakkaatu yoo tahu, Amajjii 5 hanga 8 2021, mooraan NRC kaampii Hitsaats keessa jiru gubachuun baaxiin isaa miidhamee mul'ate.

NRC'n mootummaa Itoophiyaafi biyyootni deeggarsa kennan bu'uuraalee misoomaafi dhiyeessii deeggarsa namoomaaf oolan kanneen barbadeessan qorachuun seeratti dhiyeessuun buufataaleen deeggarsa namoomaa eegamuu isaanii akka mirkaneessu waamicha godha.

''Qaamoleen wal lolanis deeggarsa namoomaaf kan oolaniifi qabeenya keenya akka seera idil adunyaatti akka kabajan jenna,'' jedhe Egilaandi.

''Dubbiin hin eegamneefi fudhatama hin qabne kun biyya kanaan dura deeggarsaaf haala mijeessuun beekamtuufi fakkeenya taatu keessatti dhagahamaa jira.''

Kaampii Hitsaats fi Shimelbaa keessa baqattoota Eertiraa 25,000 tahantu jira. Miidhaan sababa manca'uu bu'uuraalee misoomaa kanaan baqattoota irra gahe guutummaan isaa hin beekamu.

UN ammoo baqattootni 3,000 tahan bakka biraa qubsiifamaniiru, gara 20,000 kan tahan ammoo eessa akka jiran hin beekamu jedheera.

Carraan baqattotaa maal taha kan jedhuufi miidhaa buufataalee deeggarsaa irra gahe karaa walaba taheen adda baasuuf dhaabbileen deeggarsaa bakkicha gahuu hin dandeenye.

Lolli itti fufinsaan jiraachuufi adeemsa cimaan jiraachuun erga waraanni jalqabee ji'a sadii kanatti, gufuuwwan deeggarsi akka naannoo Tigiraayitti hin dhiyaanne gochaa turanidha.

Irra caalaan naannoo baadiyyaa fi kaampiiwwan kanneen lameenii fi naannooleen isaanii bakkeewwan akka hojjettootni kenna deeggarsaa akka hin galle tahanidha.

''Torban dheeraa 13 guutuu osoo achi hin galiin, haala deeggarsi namoomaa irra jiru hin bariin turuun keenya waan fudhatama hin qabnedha.''

Egilaandi dabaluun ''gahaadha jechuu hin dandeenyu. Hawaasni deeggarsa namoomaa naannoowan hundumaa Tigiraay seenuun fedhii, miidhaa dhaqqabe qorachuun dhiyeessii lubbuu oolchuu ariifachiisaa gochuu qaba.''

Mootummaan Itoophiyaa namoota deeggarsa barbaadaniif dhaabbilee deeggarsa kennan waliin tahee dhiyeessaan jira jedha.

Dhaabbileen kenna deeggarsa idil adunyaa ammoo deeggarsi dhiyaachaa jiru gahaa akka hin taanee fi gara kaampii baqattotaatti deemuus akka dhorkaman himu.

Erga lolli mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF waliin naannichatti jalqaba ji'a Sadaasaa eegaleen as miiliyonotaan uumatni naannichaa qe'ee isaa irraa buqqa'eera. 66,000 ol kan tahan ammoo gara Sudaanitti baqataniiru.

Lakkoofsi namoota lolichaan du'anii ammoo hanga ammaatti waanti barame hin jiru.