Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Itoophiyaa 'Gabaasa paartileen siyaasaa Tigiraay sadii lola Tigraayiin namoonni nagaa ajjeefaman' jedhu soba jedhe
Paartileen mormituu sadii naannoo Tigiraay keessa socho'an lola ji'a lamaa oliif naannichatti humnoota TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti tureen namoonni nagaan 50,000 ol tahan ajjeefamaniiru jedhan.
Haata'u malee deebii motummaan federaalaa karaa fuula 'Ethiopian State of Emergency Fack Check' jedhamuun kenneen, gabaasni namoonni nagaa ajjeefamaniiru jedhuun midiyaalee idil-addunyaa irratti qoodamaa jiru soba jedheera.
Paartileen Paartii Walabummaa Tigiraay, Saalsaa Wayyaanee fi Kongireensii Biyyaalessaa Tigiraay Guddittii jedhaman sadan waliin kaleessa kenniin, miidhaa sababii lolichaatiin naannichatti dhaqabeera jedhan isaniiru.
Paartileen kunneen lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhanii tilmaaman kana haala akkamiin akka argatan waan ibsan hin jiru. Haa tahu malee namoota ajjeefaman keessatti dubartootni, ijoollee fi gaggeesitoonni amantaa akka argaman hima ibsichi.
Motummaan ammoo gabaasni paartileen siyaasaa kana kallaattiin eeruu baatulleen, odeeffannoo namoonni nagaa naanichatti ajjeefaman jedhu qabatamaa kan hintaaneefi dantaa siyaasaa ittiin argachuuf kan yaadameedha jedheera.
Itti adabaluunis, motummaan federaalaa miidhaa namoota nagaa irra gaheef ni gaddina jechuun, ogummaa humna waraanaa irraa kan ka'e lakkoofsi namoota miidhamanii hamma kana hin tahus jedhe.
Paartileen kunneen ibsa waloo kannan kanaan, ''magaalotaa fi gandoonni meeshaalee waraanaa gurguddaan manca'aniiru. Buufataaleen fayyaa fi manneen barnootaa saamamaniiru. Dhaabileen amantaa keenya haleelamuun meeshaaleen aarsaa achi keessa turan hatamaniiru,'' jedhan.
Lolli naannoo Tigraay xumuramuufi humnootii TPLf seeraan barbaadaman adamsanii to'achuu qofaa akka ta'ee tibba raayyaan ittisaa motummaa magaalaa maqalee to'ateetti ibsamuunsaa ni yaadatama.
Paartileen sadan waraanni akka itti fufee jirus ibsaniiru. ''Ajjeechaa akka malee, humnaan gareen gudeeduu gochaa guyyuu humnoota gara jabeeyyii taheera'' jedhan.
Dubbii Himaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii ibsa miidiyaaf gaafa Guraandhala 2, 2021 kennaniin, yakkoota sarba mirga namoomaa kan akka gudeeddiin humnaan miseensota raayyaa ittisa biyyaan raawwate jedhamuun odeeffamu irratti mootummaan qorannoo ni gaggeessa jedhan.
Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa bakka nagaa kabachiisuuf deeme hundatti naamusa gaariin beekama kan jedhan Ambasadar Diinaan sadarkaa nama dhuunfaatti miseensa raayyaa ittisa biyyaas tahe qaamni gochaa kana raawwate kamuu itti gaafatama jedhan.
Dabalataan qaamooleen mana sirreessaatii sababii lolaatiin miliquun magaalaa galan fa'iis gocha gudeeddii kana raawwachuu akka danda'anis eeraniiru.
Paartileen kunneenis naannichatti namootni miliyoona sadii tahan biyyuma keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru jedhan.
Isaan keessaa 150,000 kan tahan gara naannolee Itoophiyaa biraatti yoo baqatan, kanneen kumaatamni ammoo Sudaan galuu himan.
Kana malees ibsichi, naannichatti namoonni miliyoona 6.5 tahan deeggarsa yeroo ariifachiisaa barbaadu jedha.
''Kan beekamuu qabu beelli kun nam-tolcheedha. Odeeffannoo qabnuun horiin miliyoona 4.8 tahan qalamuun kaan saamamaniiru. Midhaan ooyiruu irra jirus gubateera. Waan hundumaa mana namaatii argatan humnoonni kunneen saamaniiru.''
Jiraattotni naannichaa beelaaf saaxilamanii waan jiruu jechuun, hawwaasni adunyaa kana caalaa deeggarsa akka taasisaniif waamichas dabarsaniiru. Mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti deeggarsi namoomaa namoota miliyoona 1.5 dhaqqabuu himee jira.
Wiixata darbe UNtti hogganaan dhimma baqattootaa haalli naannoo Tigiraay keessaa ''akka malee nama yaadessa'' jechuunsa ni yaadatama.
Dabalataan paartileen kunneen humni waraanaa Eertiraa naannicha keessa jiru, humna federaalaa, hidhattoota sabaan Amaaraa, fi poolisiin humni addaa naannoo hatatamaan akka bahan gaafataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa fi Eertiraa himannaa humni waraanni Eertiraa lola naannoo Tigiraay keessatti hirmaatera dubbii jedhu haalaniiru.
Dubbii himaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii dubbiin waraana naannoo Tigiraayitti deemsifame keessatti humni waraana Eertiraa fi Somaaliyaa hirmaataniiru kan jedhamu soba jedhan kaleessa.
Kamumsi maal ture?
Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 erga humnootiin TPLF waraanaa motummaa naannicha keessa buufate irratti haleellaa raawwachuun himameen booda ture.
Haaluma kanaanis Sadaasa 28, 2020 humni raayyaa Itoophiyaa magaala Maqalee to'ate.
Kanaan walqabatees lammiileen 50,000 ol ta'a daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti baqatan. Kaan ammoo qesaaniirraa buqa'an.
Sababii daandiiwwaniifi maloonni komunikeeshinii adda citaniif namoonni miliyoonaan lakkaa'aman naannichatti hir'ina nyaataatiif saaxilamuu jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa himaa turan.