Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UNHCR mooraa baqattootaa Eertiraa naannoo Tigiraay jiru daawwate
Erga lolli Tigraay keessatti eegalee torbanoota jaha dabraniif kaampiiwwan baqattoota lammilee Eertiraa afur kan naannoo Tigraay keessa jiran maal keessa akka jiran hin beekamu ture.
Tibbana gareen UNHCR garas imalee kaampiiwwan afran keessaa lama daawwatu BBCtti himeera.
Itoophiyaatti dubbi himaa UNHCR kan ta'e Kiriis Melzer namoota garas imalanii baqattoota waliin dubbatan keessaa tokko.
''Ji'oota lamaaf nyaanni hin turre, bishaan qulqulluun hin turre. Kunis paampiiwwan bishaanii boba'aa waan barbaadaniifii baqattoonni bishaan lagaa waraabbataa turan. Garuu ammoo sun bishaan qulqulluu miti,'' jechuun Kiriis Melzer dubbate.
Baqattootni kunneen garuu nyaata bilcheessuufis ta'e dhugaatiif sanuma fayyadamaa akka turan himan.
Kiriis Melzer ''manneen barnootaa, buufataaleen yaalaa marti cufamanii turan. Guutummaatti akka waan gatamaniitti itti dhagahame,'' jedhe.
Kiriis akka jedhutti baqattoota Eertiraa kana guyyoota muraasa dura deeggarsi nyaataa karaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) isaan dhaqqabee jira.
'' Mootummaa irraa eeyyama hin arganne''
Erga lolli naannoo Tigiraayitti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti jalqabeen as namootni nagaan 66,000 ol tahan gara Sudaanitti baqataniiru.
Biyya keessattis jiraattotni kumaatamaan qe'ee isaanii irraa buqqa'uus himama.
Haa tahu malee meeqa tahu kan jedhu adda baasuuf Komishiniin Ittisa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Itoophiyaa fi dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil-adunyaa waliin tahuun qorachaa jiraachuu mootummaan himeera.
Garuu dhaabbileen kenna deeggarsa namoomaa adunyaa erga lolli eegaalen as baqattoota Eertiraa naannoo Tigiraay keessa jiranii fi kanneen qe'ee isaanii irraa buqqa'aniif deeggarsa dhaqqabsiisuuf rakkachaa turuu irra dedeebiin himaa turan.
Kiriis akka jedhetti gareen UNHRC gara kaampii baqattootaa Eertiraatti imale deeggarsa qabatee miti.
''Nuti kan dhaqne haala jiru hubachuuf malee deeggarsa qabannee hin dhaqne. Kana booda garuu UNHCR dhaabbiin akka achi jiraatu irratti dalagaa jirra. Baqattonni deeggarsa akka argatan qofa osoo hin taane eegumsa siyaasaallee akka argatan gochuufi.''
Gareen UNHCR kun moraawwan baqattootaa lammileen Eertiraa mootummaa isaanii baqatanii keessa jiraatan afur naannoo Tigraay jiru keessaa lama qofa daawwate.
Kan hafan lamaan haala akkamii keessa akka jiran hin beeknu jedha Kiriis.
''Kuni ammallee wanta hirriba nu dhorkaa jirudha. Kaampiiwwan lama gara daangaa Eertiraatti siqanii jiran jiru. Osoo lolli hin eegaliin baqattoota kuma 35 oltu keessa jiraata ture.''
Dabalataan Kiriis mootummaarraa hayyama waan hin arganneef garas deemuu hin dandeenye jedhe.
''Maal keessa akka jiran wanti beeknu hin jiru. Mooraan baqattootaa kunneen baatilee lamaaf deeggarsa kamirraayyuu adda citanii waan jiraniif haalli achi jiru hamaa akka ta'e tilmaamna.''
Lola naannoo Tigiraay keessatti gaggeeffamaa ture kana keessatti loltootni Eertiraa hirmaataa turan jechuun gama TPLF'n komiin dhagahamaa ture.
''Mooraawwan baqattootaa kunneen keessaa baqattoonni butamanii fudhatamuu oduu dhageenyee jirra, garuu karaan mirkaneeffannu waan hin jirreef dhugaadha ykn soba jechuu hin dandeenyu. Kuni dhugumatti ta'eera taanaan seera idil-addunyaa akka malee kan faallessudha'' jedhe Kiriis.
Dhuma irrattis Kiriis UNHCR qaama walaba taanedha jechuun uummata gargaarsa barbaadu gargaaruuf dirqama UN nutti kenne qabna jedhe.
Kiriis dirqama kana bahachuuf mooraawwan baqattootaa kunneen keessatti deebinee deeggarsa gochuu akka dandeenyu mootummaa irratti dhiibbaa gochaa jirra jedhe.
Mootummaan federaalaa erga naannicha to'achuu ibseen booda qondaalota TPLF gameeyyii kaan to'annoo jala oolchuufi kanneen hafan ammoo barbaadaa jiraachuu ibse.