Tigraayitti yeroon meeshaa waraanaa itti deebisan xumuramee, sakatta'iinsi eegale

Bulchiinsi yeroo Tigraay uummatni meeshaa waraanaa harkaa qabu mootummaatti akka kennu yeroon kennee ture xumurame.

Naannoo Tigraay keessa namootni seeraanis ta'e seeraan ala meeshaa waraanaa hidhatan hanga Kibxata Mudde 15, 2020'tti meeshaa isaanii qaama nageenyaa moorummaatti akka kennan torbe darbe akka ibsame Bulchaan yeroo naannoo Tigraay Muluu Naggaa (PhD) Wiixata darbe BBC'tti himaniiru.

Dr Muluun Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ibsa Kibxata kennaniin yeroon kenname xumuramuu hordofee sakatta'iinsi manaa manatti gaggeefamu qaamolee nageenyaa mootummaan kan eegalamuu ta'uufi kanneen meeshaan mana isaniitti argame seeraan akka gaafataman himan.

Bulchaan yeroo naannichaa, ibsa isaanii kanaan meeshaan waraanaa hedduun akka to'atamee fi lakkoofsi isaa bakka hundarraa walitti qabamee yeroo xumuramu kan ibsamu ta'uullee dubbatan.

Magaala Maqaleerraa fageenya dhiyoorratti kan argamtu bakka Argoor jedhamutti jiraattonni kilaashii 400 galii gochuu akka fakkeenyaatti himaniiru.

Meeshaalee waraanaa walitti qabuun qaama ''seeraa fi sirna heeraa kabaachiisuu'' akka ta'e himanii, haaluma walfakkaatuun naannicha keessa dhaabbilee jiran hojiitti deebisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Sadaasa 4 mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduu lolli dhalachuu hordofee Manni Maree Federeeshinii bulchiinsi naannichaa akka diigamu erga murteessee kan hundaa'e bulchiinsi yeroo naannichaa hojii eegaluu erga ibsee bubbuuleera.

Hoji gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dr Muluun, sababa lola naannicha keessatti gaggeefameen manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee daldalaa ji'a tokkoo oliif hojii dhaabanii turan tajaajila kennuu akka eegalan ta'uu ibsaniiru.

Hojjetootni mootummaa Wiixata darberraa eegalee hojii isaanii idileetti akka deebi'an waamicha godhameen hojii akka eegalan godhamuus aanga'aan kun ibsaniiru.

Tajaajilli elektirikaa fi telekoomii ji'aa oliif adda citee ture magaala Maqalee dabalatee iddoo kaanittis deebi'uun beekameera.

Baankiiwwan tajaajila kennuu kan hin eegalle waan ta'eef rakkachaa jiraachuu ammoo jiraattootni BBC'tti himaniiru.

Muluu Naggaa(PhD) tajaajila baankii hanga ammaa hojiitti hin deebine ilaalchisee miidiyaa biyyaalessaaf ibsa kennaniin dhiyootti hojii akka eegalan yaaliin godhamaa akka jiru dubbatan.

Humnoonni mootummaa federaalaa magaala Maqalee dabalatee naannoo Tigraay to'achuu hordofee MM Abiy Dilbata darbe Maqalee kan dhaqan yoo ta'u, bulchiinsa yeroo naannichaa fi aanga'oota waraanaa biyyattii waliin marii gaggeessaniiru.

Naannichi dafee jireenya idileetti akka deebi'uu fi aanga'oonni TPLF yakkaan barbaadaman akka qabamanii seeraaf dhiyaatan kan hojjetamu ta'uullee ibsan.

Mootummaan naannicha gara sochii idileetti deebisuuf hojjechaan jira wayita jedhutti dhaabbileen deeggarsaa idil-addunyaa rakkoon namoomaa naannicha keessa jiru hammaachaa deemuu ibsaa jiru.

UNICEF daa'imman miliyoona lamaa ol gargaarsa dhaqqabsiisuun rakkisaa waan ta'eef daa'imman kunneen rakkoof saaxilamaa jiru jedhe.

Mootummaan ammoo qindeessummaa mootummaan deeggarsi barbaachisaa naannicha dhaqqabaa jira jedha.