Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr. Huseen Kadir kan ji'oota sadii dura too'ataman maalirra jiruu?
Yunvarsiitii Finfinneetti Diinii Koolleejjii Barumsaafi Qorannaa Sirna Naamusaa kan tahan Dr. Huseen Kadir namoota ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaatiin booda too'annoo jala oolan keessaa tokko.
Dr. Huseen ji'a sadiin dura Magaala Finfinnee mana jireenyaa isaaniitii poolisii Humna Addaa Oromiyaatin akka too'atamanii turan haati warraa isaanii aadde Hindii Sa'id BBC'tti himaniiru.
"Manaa erga qabaniin booda waajjira Poolisii magaala Sabbataa guyyoota 14 erga tursiifamaniin booda gara Baaleetti geeffaman. Sana booda Gobbaa guyyaa tokko bulchanii ergasii Agaarfaa geessanii achitti hidhamanii jiru," jedhan.
Yeroo ammaa kanas Agaarfaatti mana barumsaa tokko keessatti hidhamanii jiraachuu eeru Aadde Hindiin
Sababa bakka jireenya isaanii magaala Finfinnee irraa gara Baaleetti geeffamanii hidhamaniif jechas maatii isaanii hunda garasitti geessanii ofii isaanitiifis achi jiraachuuf dirqamuus himan.
"Nuti Finfinnee jiraachaa turre. Dr Huseen Agaarfaa erga bahee wagga 30 ol ta'eera. Ammammoo deebisanii Agaarfatti hidhan. Gaafuma isa garana fidan wajjin dhufne ergasii ji'a sadiif ijoollee kiyya waliin asuma jirra," jedhan.
Dr. Huseen Kadiriif abukaatoo tahanii kan jiran Obbo Kaalid Bashir gamasaaniin maamilli isaanii kun erga gaafa ALH Qaammee 5, bara 2012 asitti mana murtiitti dhihaatanii hin beekan jedhu.
"Ji'a tokkoo ol erga hidhamanii booda qorataan poolisii waan ittiin shakkaman akka itti hime natti himaniiru. Jila Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Jawaar fa'a waliin garana dhufte, jeequmsa kakaasteefi kitaaba Ida'amuu qeeqxe jedhee shakkuun akka to'ate poolisiin itti himame," jedhan Obbo Kaalid.
Gaafa Qaammee 5, bara 2012 mana murtii aanaa Agaarfaatti kan dhihaatan Dr. Huseen Kadir, guyyaa sanas manni murtichaa poolisiin ragaalee isaanirratti qabu akka dhiheessuuf guyyoota dabalataa 15 kenneefii akka tures himan.
Poolisiin garuu guyyaa jedhame kanatti ragaalee himataa qoratee dhiheesse akka hin jirreefi manni murtiis mirga wabii gaafachuu akka danda'an himuus dubbatu.
"Gaaffii mirga wabii mana murtiitiif dhiheessuuf yaallee turre. Akka hojmaata asiitti baratameetti ammoo uunka gaaffii mirga wabii irratti poolisiitu chaappaa rukuta. Qorataan poolisii kana nu dide. Mallattoo shakkamaafi abukaatoo qofaan gaafannaan ammoo manni murtii fudhachuu dide," jedhan Obbo Kaalid.
Manni murtii yeroo beellamaa Dr. Huseen Kadir erga cufee ji'a tokko darbuufi eegasii hanga ammaattis sababa tokko maleefi himata tokko malees hidhaa keessa tursiifamaa jiraachuu himan.
"Qorataan Poolisii ragaa qabatamaa isaan himachiisu hin dhiheessine. Galmeen yeroo beellamaa erga cufameen booda yakka biraatiin shakkamuu isaaniis wanti ibsame hin jiru, jechas hin kennine. Akka seeraatti gadi lakkisuu qabu malee mirga wabiis wanti barbaachisu hin jiru," jedhan.
Dhimma namoota himataafi ragaa qabatamaa tokko malee mana hidhaa keessa tursiifamaa jiranii kana abukaatota biroo waliin ta'uun qaama dhimmi ilaaluuf iyyata dhiheessuuf akka jiranis himan Obbo Kaalid.