Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haqa: Manni murtii gaaffii mirga wabii galmee Obbo Jawaarfaa irratti dhiyaate kuffise
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti dhaddachi ramaddii Araadaa gaafii mirga wabii galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad fa'i irratti dhiyaate kuffise.
Abbaan alangaa ragaalee galmee qorannoo duraa dhaggeesifatee xummuruu isaatiin manni murtichaa yeroo abbaa alangaaf himata hundeessuf kennamuufi iyyatawwan shakkammtootni dhiyeessan irratti ajaja/murtee kennuf har'atti beellama qabatee ture.
Beellama Hagayya 29 bara 2012 ooleen abbaan alangaa himata hundeessuuf garagalchi galmee qorannoo duraa erga isa qaqqabee booda guyyoota 15 keessatti himata akka hundeessu iyyatee kan ture yemmuu ta'u, abukaatoowwan immoo guyyaa qorannoon duraa itti xummuramee guyyoota 15 keessatti himata yaa hundeessu jechuun mormanii turan.
Manni murtichaa dhaddacha har'a oolen abbaan alangaa shakkamtoota lakkoofsa tokkoffaa hanga 10ffaa jiran, Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Yaalamwarq Asaffaa, Geetuu Tarrafaa, Taamiraat Huseen, Bashir Huseen, Sabbooqaa Olqabaa, Kennee Duumechaa, Daawit Abdataafi Boggaalaa Dirribsaa irratti hanga Fuulbaana 08 bara 2013ti himata akka hundeessu murtee kenneera.
Garagalchi galmee qorannoo duraas abbaa alangaafi abukaatoowwaniif Qaammee 02 hanga 05 bara 2012ti akka kennamuuf manni murtichaa ajajeera.
Gama biraatiin galmee qorannoo duraa Obbo Jawaarfaa keessatti kan argaman shakkamtootni 11ffaa hanga 14ffaa, Hamzaa Adaana (Hamzaa Booranaa), Shamsaddin Xahaa, Boonaa Tibileefi Mallasaa Dirribsaa irratti abbaan alangaa ragaalee dhiyeessee waan hin dhaggeesifneef abbaan alangaa himata yoo qabaate guyyoota shan (5) keessatti akka dhiyeessu manni murtichaa ajajeera.
Dhimma mirga wabii
Dhaddacha Hagayya 29 bara 2012 oolen shakkamtootniifi abukaatoowwan isaanii mirgi wabii akka eeggamuf mana murtichaatti iyyatanii turan.
Keessattuu abukaatoowwan "wanti yakka raawwachuu isaanii agarsiisu iddoo hin jirretti shakkamtootni gara mana hidhaa deebi'uu hin qaban. Mirgi wabii eeggamuufii qaba," jechuun iyyatanii turan.
Gama biraatin abbaan alangaa yakki namoota kunneen ittin shake kan waggoota 15 ol nama adabsiisu waan ta'ef mirgi wabii isaanii eeggamuu hin qabu jechuun mormee ture.
Manni murtichaas dhaddacha har'a oolen iyyata mirga wabii shakkamtootniifi abukaatoowan dhiyeessan kuffisuun hanga Fulbaana 08 bara 2013ti hidhaa akka turan ajajeera.
"Ajajani mana murtii hin raawwatamne…"
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti dhaddachi ramaddii Araadaa dhaddacha yeroo darbeen oooleen kopha kophaatti hidhamuun Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa sirrii akka hin taane fi isaan lamaan akka wal argan akka taasifamu ajaja kennee ture.
Haata'u malee, ajajni mana murtii kun akka hin raawwatamne shakkamtootniifi abukaatoowwan isaanii himaniiru.
Obbo Jawaar Mahaammad, "poolisootni nu gargaaruu barbaadu garuu sababa dhiibbaa gara olii jiruun ajajicha raawwachuu hin dandeenye. Poolisiin ajajicha raawwachuuf deeggarsi mana murtii isaan barbaachisa," jechuun dubbatan.
Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Federaalaatti daayrektarri itti aantuun dhimma iddoo turtii shakkamtootaa Komaandar Yaneenash G/Igzaaber, "ajajicha daayrektara olaanaatu fudhate. Sababa itti hin raawwatamne hin beeku," jechuun dhaddacharratti dubbatan.
Manni murtichaas Bulchiinsi Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Federaalaafi qaamni dhimmichi ilaallatu haalduree tokko malee ajajicha akka raawwatan, akkasumas Komishiniin Poolisii Federaalaas raawwiisaa akka gabaasu ajajeera.
Dhaddacharratti maltu jedhame?
Dhaddacha har'aa irratti galata dhiheessuu akka barbaadan fi mootummaaf ergaa akka qaban kan himan Obbo Jawaar Mahaammad abbootii seeraafi poolisii akka galateeffatan himan.
Mirgi dubbachuu isaanii akka eeggameefi poolisootnis kunuunsa gaarii akka taasisaniif Obbo Jawaar himaniiru.
"Haa ta'u malee, kunuunsi kun namoota bebbeekamoof qofa osoo hin taanee namoota hundaaf ta'uu qaba. Iddoo biraatti poolisootni uuffata seeraa uuffatan namoota ajjeessaa jiru," jechuun dubbatan.
Kana malees "nuyi hidhamtoota siyaasaati. Hannee, ajjeesnee yookin saamnee miti kan asitti argamne. Kan hidhamne uummata Oromoof waan qabsoofneefi" kan jedhan Obbo Jawaar, ji'oota lamaan darbanitti namootni dhibbaan lakka'aman ajjeefamuufi kuma dhibbaa ol hidhamuu himan.
Qaamoleen haqaas, haqni angawaa siyaasaafi dhaaba siyaasaatii ol akka ta'uuf akka hojjetan waamicha dhiyeessan.
Gama biraatiin Obbo Baqqalaa Garbaan "turtii hanga ammaatiif mana murtii, abbootii alangaafi poolisiif kabaja qabna,' jedhan.
"Namootni siyaasaa filamanii keeyyatawwan mirga wabii hin kennisiisnen himatamaa jiru," kan jedhan Obbo Baqqalaan, mootummaan dhaabbilee siyaasaa walin mari'achuu akka qabu himaniiru.