Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: ‘Obbo Lidatuun sirna haqaarraa guutummaan guutuutti abdii kutateera’- EDP
Mirgi wabii Obbo LidatuuAyyaalew qarshii 100,000 akka ragga'uuf ajaja manni murtii waliigalaa Oromiyaa dabarse poolisii magaalaa Bishooftuu qaqqabus poolisiin Obbo Lidatuu hin gadhiisu jechuusaa pireezidantiin Paartiin Dimookiraataawaa Itoophiyaa Obbo Adaana Taaddasa BBCtti himan.
''Poolisiin waan kana hin beeku gatii jedheef gara Finfinneetti deebineerra. Obbo Lidatuun homaa akka hin godhamne jedhanii waan dhorkaniif nutis abukaatonni sirna haqaa kanarratti sochii hin taasifnu jedhaniiru.
Nutis homaa gochuu hin dandeenyu jedhan Obbo Adaanan.
Obbo Lidatuunis sirna haqaa kanatti abdii akka kutatan himanii, ''Kana booda waan tahu eeguu malee eessayyuu hin deemiinaa nuun jedheera,'' jedhan.
Ajajni mana murtii qaama raawwachiiftuun diigamaa waan jiruuf, ''manni murtii aangoo qaba jennee hin deemnu. Adeemsa mana murtii karaa barbaadaniin adeemsisu, kuni murtoo siyaasaatis,'' jedhan.
Kaleessa koomishinii mirga namoomaatti akka gabaasan illee himaniiru. Koomishinarichi poolisii waliin akka dubbatus itti himuu isaanii hubachiisaniiru.
Kana malees mana murtii waliigalaa federaalaafi Oromiyaa xalayaa galchuu ibsaniiru.
''Qaamni kamiyyuu ajaja mana murtiif bitamuu qaba. Olaantummaan seeraa cabaa deema taanaan seer-maleessummaan baay'ata. Qaamni raawwachiisu to'annoo eenyuuun ala taheera. Kana immoo kan godhu sirna siyaasaati,'' jedhan Obbo Adaanan
Murtiin mana murtii maal ture?
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee hidhaarra ka jiran Obboo Lidatuu Ayyaalew, wabiin amma dura eegameefi ture akka ragga'u Manni Murtii Waliigalaa murteesse.
Pireezidantiin Paartii Obbo Lidatuun keessa jiranii - Paartii Dimookiraatawaa Itoophiyaa (PDI) Obbo Adaana Taddasaa akka jedhanitti, manni murtichaa dhaddacha har'a Kibxata ooleen, gaaffiin wabii obbo Lidatuu uggurri irra kaa'amuun irra hinjiru, kabajamuufii qaba jechuun manni murtii olaanaa Godina Shawaa Bahaa murteesse akka raawwatamu murtee dabarseera.
Manni murtii kun Obbo Lidatuun wabii Birrii 100,000n akka gadhiifaman ajaja dabarsee ture.
Obbo Lidatuun dhimma isaanii ala tahanii akka falamanii manni murtii Olaanaa Godicnichaa murtee dabarsullee, Poolisiin Bishooftuu garuu Obbo Lidatuun ''adaraan nu bira jiru'' jechuun gadhiisuu dideera.
Waa'ee dhimma kanaas dhaddacha har'aarratti dubbachuusaanii Obbo Adaanan BBCtti himaniiru.
''Taatee amma dura raawwate eeruun 'poolisiin ammallee na gadhiisuu diduu danda'a, kanaaf manni murtichaa asumaa bilisaan na haa gadhiisu' jechuun mana murtichaa gaafataniiru.
Manni murtiis ajaja hatattamaa poolisiif kan kenne yogguu tahu, mana murtii murtee kana duraan dabarseefis murteen kun akka gahu ajajeera,'' jedhan Obbo Adaana.
Erga manni murtii Godinichaa murtee wabii dabarsee booda, otoo Obbo Lidatuun hin hiikamiin guyyaa lama booda, abbaan alangaa iyyata mirga wabii ugguruu, Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti dhiyeeseerra.
Sababa mirgi wabii obbo Lidatuu eegamuu hinqabu jechuun abbaan alangaa dhiyeesse keessaa: beellama yaalii fayyaa biyya alaa qabu waan taheef achumaan hafuu dandayu, akkasumas namoota ragaa bahan sodaachisuu danda'u, deeggartoota isaanii fayyadamuun dhiibbaa geessisuu danda'u, yakki itti himataman - meeshaan waraanaa, adabbii waggaa 18-20 adabsiisudha.
Obboo Lidatuun maal dubbatan?
Obbo Lidatuunis gama isaniitiin ''Jalqabumayyuu waa'ee beellama fayyaa biyya alaa anatu kaase, wantan ani kaase abbaan alangaa akka ofiisaatti fuudhee itti fayyadamuun sirrii miti. Ala bahee nama hafu miti, beellamaaf akka mijatuuf jedheen dhimma kana beeksise,'' jedhan.
Dhimma namoota ragaa baha ni sodaachisu jedhamerrattis: namoota kana sodaachisuuf sababa akka hinqabneefi meeshichi harkasaanirratti argamuu kan hin haalle tahuu ibsuun, sodaachisuuf sababa akka hinqabne dubbatan.
Waa'ee deeggartoota isaanii ilaalchisuunis, ''paartii siyaasaan gaggeessa, deeggartoota qabaachuun mala. Deeggartoonni dhiibbaa godhu jedhamee ilaalcha siyaasa kootii gaaffii keessa kan galchu dhimmi mirgaa kahuun irra hin jiraatu,'' jechuun mormuu isaanii Obbo Adaana dubbataniiru.
Dhimma adabbiin meeshaa waraanaa seeraan alaa wggaa 18-20 ti jechuun dhimma abbaan alangaa kaaseefis: meeshicha kan isaanii kenne mootummaa akka taheefi, kan isaan yakkaa jirus mootummaa akka tahe dubbatan.
Kanammoo durumayyuu akka hin haalle eeruun ''Seera Oromiyaa keessaatiin meeshichaaf heeyyama seeraa baasi kan jechuun na gaafachuu qabu malee, kun mirga wabii koo kan dhorkisiisu miti, jechuun falman.
Manni murtichaas falmii gama bitaafi mirgaa erga caqasee booda, Obbo Lidatuun ala tahanii dhimmasaanii yoo hordofan, mana murtiirraa ni hafu jedhee akka hin amanneefi muuxannoo siyaasaa amma dura qabaniifi ammallee seera kabajanii socho'aa akka jiran kaase.
Kanaafuu yoo wabiin bahanis achumaan hafuu hin danda'an jedhee waan amanuuf, iyyata abbaa alangaa kuffiseera.
Dhukkuba onnee kan qaban obbo Lidatuun, kanaafis yaaddoo qabu. Qabiinsi poolisii Bishooftuu haala gaariin akka tahe dubbatu waahilli isaanii kun.
Murteen poolisiin Bishooftuu fudhatus, adeemsa haqaa kan agarsiisu taha jedhaniiru.