Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
''Obbo Lidatuun hiikuuf poolisiin hayyamamaa miti''-Abukaatoo isaanii
Mirgii wabii birrii 100,000'n kan kabajameef namni siyaasaa obbo Lidatuu Ayyaaleew har'a ni bahu jedhamee eegamuus Poolisiin gadhiisuuf hayyamamaa hin taanee jedhan abukaatoon isaanii Obbo Abduljabbaar Huseen.
''Poolisiin nu dubbisuufillee hayyamamoo miti; waajjirasaanii dhiisanii deeman. Namni nu dubbise hin turre.''
Manni Murtii Shawaa Bahaa Obbo Lidatuun birrii kuma 100 kaffalanii wabiidhaan akka bahan murteessee kan qajeelche Poolisii magaalaa Bishooftuuf ture.
''Xalayaa san qabannee hogganaa poolisii yeroo dubbisnutti “nuti Obbo Lidatuu hin hiine, adaraadhaan kan nu bira turan kanaaf qaamni dhimmi kana hogganu Adaamaa jira waan ta’eef achi deemaa gaafadhaa” nuun jedhanii jedhan.
Eessa jennee yeroo gaafannuun waajjira abbaa alangaa Shawaa bahaa nuun jedhanii jedhu.
''Waajjira Shawaa bahaa deemnee yoo gaafannu wanni akkana jedhamu hin jiru mana murtichaa malee murteesaa kabajuu kan qabu nuti dhimmi kanarratti wanni jennu hin jiru jechuun nu deebisanii'' jedhu,
''Deebinee dhufnee ajajaa qajeelcha poolisii Bishooftuu kan ta’an Koomaandar Darajjee yeroo dubbifnu, isaanis haala walfakkaatuun Obbo Lidatuu nuti hin hiine asitti adaraadhaan kan jiran kanaaf qaama dhimmi ilaallatu waliin dubbannee sa’aatii 7:30 deebii isinii kenninaatii deebi’aa nuun jedhan.''
Sa’aatii 7:30-11’tti deddeebinus Koomaandar Darajjees ta’ee qondaaltonni biroo tasuma argamuu hin dandeenye jedhan.
Boodarra koomaandar Obbo Lidatuu qorataa turan argannee dubbisuuf yaallus “ani na hin ilaallatu” jedhanii nu dhiisanii deeman jedhu.
Abuukaatoowwan waliin dubbannee gara Finfinnee deebine. ''Boru Adaamaarratti murteen hojiirra oolfamuu dhabuusaa ibsinee waan manni murtii nuun jedhu dhagahuuf murteessineerra jedhan'' abukaatoowwan keessaa tokko kan ta’an Obbo Abduljabbaar Huseen.