Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Murtii galmee Obbo Lidatuu Ayyaaloo cufe, garuu hidhaa hin baane
Dhimma Obbo Lidatu Ayyaalo ilaalaa kan ture Manni Murtii Magaalaa Bishooftuu wanti itti shakkaman isaan hin himachiisu jechuun galmee cufuus ammallee hidhaati akka hin gadhiifamne pirezidantiin paartii PDI BBC'tti himan.
Miseensi mana maree biyyaalessaa Paartii Dimookiraatawaa Itoophiyaa (PDI) Obbo Lidatuu Ayyaalo har'a ganama ture mana murtiitti kan dhihaatan.
Obbo Lidatuun hundeessaa paartii PDI'ti.
Gameessi nama siyaasaa kuni jireenyi isaanii magaalaa Bishooftuu yoo ta'u ajjeechaa weellisaa Hacaaluu booda hookkarri akka ka'u qindeessaniiru akkasumas deeggaraniiru jechuun poolisiin shakkee akka isaan to'ate ibseera.
Oolmaa har'aan poolisiin qorannoo akka xumure ibsuu isaa pirezidantiin paartichaafi dhimma Obbo Lidatuu itti dhiheenyaan kan hordofan Obbo Adaana Taaddasa dubbataniiru.
Manni murtiimmoo ragaan dhihaate Obbo Lidatu hin himachiisu jechuun galmee cufuu isaa himan.
Haa ta'u malee, Obbo Lidatuun hanga yoonaa (hanga yeroo laaqanaa) akka hin gadhiifamne himan. Kanaafis, miseensi isaanii akka hiikaman iyyata lama galchuu akka yaadan Obbo Adaanan ibsaniiru.
'Inni tokko mirgi wabii kan itti gaafatamudha. Dabaluunis, shakkamaa bilisa baasuu banna' jedhan.
Obbo Lidatuun sababa to'annoo polisii jalaa hin baane gaafatanii, poolisiinis ''ademsa keenyatu akkana. Iyyata wabii galfadhaa'' jedhamuu isaanii Obbo Adaanan BBC'tti himaniiru.
''Sirni haqaa [biyya kanaa] maal akka ta'e waan beeknuuf boru waan ta'u hin beeknu. Manni murtii murteessuus poolisiin hin gadhiifne,'' jechuun poolisii ajaja mana murtii hin kabajne jedhanii komataniiru.
Oolmaa guyyaa har'aan poolisiin qorannoo dabalataaf guyyoota dabalataa 14 gaafatus manni murtii gaafficha kuffiseera jedhan Obbo Adaanan.
Obbo Lidatuun kana dura rakkoo fayyaa akka qabaniifi manni murtii mirga wabii isaanii akka eeguuf irra deddeebiin gaafachaa turan.
Paartiin isaanii hidhaan isaanii yakkaan osoo hin taane 'ilaalcha siyaasaa' isaaniin walqabata jechuun akka hiikaman Waajjira Ministira Muummee Abiy Ahimaditti xalayaa barreessee ture.
Obbo Lidatuun magaalaa Finfinneetti poolisii federaalaa to'atamanii poolisii Oromiyaaf dabarfamanii kennamuun magaalaa Bishooftuutti hidhamani.
Ajjeechaa Hacaaluu ji'a lama dura raawwate hordofee namoonni siyaasaa beekamoon, gaazexeessitoonni, humnoonni nageenyaa, kanneen mormiif bahan dabalatee namoonni 7,000 ol to'annoo jala oolaniiru.
Hookkara ajjeechaa Hacaaluu booda magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaa keessatti dhalateen lubbuun 180'tti siqu yoo darbu, qabeenyi guddaas barbadaa'eera.