Qaalayinsa jireenyaa Gaanaa hanga Taayilaand

Addunyaarratti namootni miiliyoonaan lakkaawwaman sababa wantoota nyaatamanifi boba'aa dabaleef jireenyi ulfaachuu BBC'tti himaniiru.

Ho'i qilleensaa dabaluun kan sababa jijjiirama qilleensaan dhufus omisha xiqqeesseera. Dhorkaan sababa weerara Covidiin mudates carraa hojii namoota hedduu cufeera.

Amma ammoo Bankiin addunyaa waraannii Yukireen, gatiin gaazii fi xaa'oo dabaluun kufaatii diinagdee addunyaa fiduu mala jechuun akeekkachiiseera.

Magaalota addunyaa shan aardii adda addaa keessa jiran haalli kun akkamiin jireenya akka qaalesse BBC'tti himaniiru.

Biraaziil: Bakkeen guutuudha, Firiijiin duwwaa

Dubartii lammii Biraaziil kanaaf wantoota murteessoo nyaataaf oolan bituun ulfaataadha. Haatii ijoollee afurii Saa'oo Poolii jiraattuu kun amma haalli waan itti cimeef arjoomaafi wantoota gatii rakasaarratti hirkattee jiraachaa jirti. Firiijiin ishees hambaa nyaataan alatti duwwaadha.

''Hoogganaan koo boloqqee fi foon booyyee gatuuf osoo jedhuun bira gahee oolfadhe'' jetti.

Bara darbe Biraaziil qaalayinsa gatii dijitii lamaa wantoota nyaatamaniifi tajaajiloota irratti keessummeessite. Biraaziil biyya qonnaan beekamtu taatus, namoota afur keessaa tokko nyaata gahaa hin argatu. Gatiin nyaataa biyyattii keessatti dabalus miindaan garuu haala madaaluun hin daballe.

Gatiin zayita nyaataa hammaachuunis rakkina isaanii hammeesseera.

Niiw Ziiliind: Jireenyi hammachuun gara Awustaariyaalaa godaansise

Magaalaa guddoo Niiw Ziilaand Weelingiton magaalota manaa fi qabeenya kaan bituun ulfaataa itti ta'e keessaati. Kiraan manaas bara darbe dhibbeentaa 12'n dabale. Gatiin nyaataa fi boba'aa dabaluunis gariin biyya ollaa jirtu kan jiraachuufi hojjechuuf hayyama isaan hin gaafanne Awustiraaliyaatti akka godaanan sababa ta'eera.

Kiriisiifi haati ijoollee isaa afurii Harmoniin magaalaa Weelingiton gadhiisanii jireenya haaraa eegaluuf Awustiraaliyaa Birisbanitti sokkan. Mana ofii qabaatanii miindaa gaha jedhamu argatanis, ammallee qoramaa jiru.

''Ijoollee afur qabna, kanaaf qaaliidha. Beeksisa Awustiraaliyaatti jireenyi qaala'uu dhageenyeerra, garuu sun gatii Niiw Zilaanditti waggaa shan dura galmaahedha'' jetti Harmoniin.

Maatii ishee dhiiftee gara Awustiraaliyaa imaluun ulfaatus ijoollee isheef gaarii ta'uu dubbatti.

''Neew Ziiland keessa jiraachuun ulfaataadha. Wanti ittiin jiraatan hin jiru. Boodatti deebita. Jiraachuu yoo barbaadde biyya geeddaruu qabda ykn Niiw Ziilaand jijjiiramuu qabdi'' jetti.

Mootummaan Niiw Ziilaand yeroo gabaabaaf jecha bittaa boba'aa deeggaruun baasii geejibaas xiqqeessuuf yaaluus nama baayyeef kun gahaa miti.

Xaaliyaan: gatiin boba'aa dachaa taanaan mudhii hidhatan

Magaalaan Xaaliyaan 'Brescia' jedhamtu hojii sibiilaan beekamti. Waggoota 15 darban keessa garuu diinagdeen ishee gadi bu'e. Koovid ammoo ittuu hammeesse. Waraana Yukireeniifi daldalli Chaayinaa waliin qaban danqamuun ammoo rakkoo hammeesse.

Mireellaa fi Lukaas hojii sibilaa kana irratti wal baran. Miindaan isaanii gatii nyaataa, boba'aa fi gaazii waliin wal hin madaalu.

''Waa'ee elektiriikii yoo ilaalte, akkuma warra kaaanii raakkachaa jirraa nutis. Kaffaltiinsaa dachaa dabaleera. Nuti garuu mana keessalle yeroo dheeraa hin dabarsinu,'' jetti Mireellaan, Baasii keenya hir'isaa jirra,'' jedha Luqaas.

Hojii keenyarratti ajajni ammayyuu dhufaa jira. Garuu erga loltoonni Raashiyaa Yukreen qabataniin booda miyyi dheedhiin kibba-baha Yukreen irraa dhufu hanqina godhateera.

Gaanaa: Bishaan dhuguun baajata kee nyaata

Noomsaa Maaseekoo, rippoortara Afrikaa Bahaa

Maark Impiraayiim, daldala jila adda addaaf nyaata qopheessuu irratti hojjeta. Gaanaan biyyaa Afrikaa jireenyi qaalii itti tahe keessaa tokko dha. Nyaata namni baayyee jaalatuufi ruuzii jilaaf hojjechuuf gabaa baanaan gatiin miya nyaataa dachaan dabaleera.

Maark gatii timaatimii qembee tokko arge gadde. ''Timaatimiin qembee tokko doolaara maallaqa biyyattii sediis 20 ture, amma 40 taheera,'' jedha. ''Haala kanaan gatii nyaata gurguruu dachaadhaan dabaluun qaba jechuu dha, garuu akkas gochuun immoo maamila na jalaa arii'a. Kanaaf hamman nyaata dhiyeessu hir'isuun qaba jechuu dha,'' jedha.

Wantoota bajata torbee Maark nyaataa jira keessaa tokko bishaan dhugaatii dha. Bishaan pilaastikii xiqqoo tokkoon bittu ji'a afur keessatti dachaa afur dabaleera, kunis gatiin maallaqa isaanii seedii waan gadi bu'eefi. Dhiyeessitoonni daballi qarshii kana maamilootatti dabarsuun waan hin hafne dha jedhu.

Taayilaand: Gatiin xaa'oo al-ergii ruuzii yaaddoorra buuseera

Joonaataan Heed, Rippoortara Eshiyaa Kibba Bahaa

Rooba ji'a Caamsaa jalqaburraan bakkeen magariiseera, qonnaan bultuu Baanchaayii Soomsuukiifi ollaanshee xaa'oo ruuzii biqilchu faffageessanii facaasan. Ruuziin Taayi qulqullina gaarii qabaachuun beekama. Callaan Suphaanburii, kan Kaaba Baankoog gara Giddugala Bahaa fi Afrikaatti ergama.

Baanchaayii baruullee yaadannoo liqaa ishee irratti galmeessitu qabdi. Qarshii gara doolaara 400 tahu liqaan irra jira. Gatiin ruuzii akka addunyaatti xiqqoo tahuufi gatiin xaa'oo dabaluun, baasii isheen qonna kanaaf baastu akka hin deebifanne gochaanii jira.

Ebla darbe, xaa'oon maallaqa biyyattii 550'n gurguramee ture bara kana garuu dachaa sadiin dabalee jira. Taayilaand galtee xaa'oo oomishuuf tahu harka 90 biyya alaatii galchiti.

Mootummaan gatii kana kan addunyaarra jiruun gadi buusuuf jecha gatii to'achaa ture. Haa tahu malee oomishtoonni sababa kanaan maallaqa dhabaa itti fufuu akka hin dandeenye himu.

Qonnaan bultoonni Taayilaand callaa ruuzii gahaa biyya irra darbee kan al-ergiif tahu oomishuuf xaa'oo harka baayyeetu isaan barbaachisa. Kanaaf gatiin xaa'oo hir'isuun irra jiraat ykn gatiin ruuzii dabaluu qaba. Nyaatni kuni biyya.