Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaan barruu Fitiih Tamasgan Dassaalany to'atame
Maaneejing Editarri barruu Fitiih gaazexeessaa Tamasgan Dassaalany to'atamuu waahiloonni isaa BBC'f mirkaneessan.
Guyyoota muraasa darban magaalaa Finfinneefi Naannoo Amaaraatti yoo xiqqaate namootni miidiyaafi gaazexeessitoonni 11 hidhamuun ibsameera.
Hidhaan kuni oppireeshinii 'olaantummaa seeraa kabachiisuu' mootummaan naannolee adda addaatti fudhataa jiru hordofee dhagahame.
Dhimma hidhaa Tamasgeen irratti yaalii BBC'n Poolisii Finfinnees irraa odeeffachuuf taasise hin milkoofne.
Gaafa Kamisaa bakka buutonni Poolisii Federaalaafi Finfinnee namoonni 340 ol shororkeessummaa fi yakkaan shakkamanii torban muraasa darban to'atamuu miidiyaalee mootummaaf himanii turan.
Dhaabbati mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ, ibsa gaafa Roobii baaseen mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota hidhaa jiran akka hiiku gaafateera.
Barreeffama isaatiin mootummaa qeequun kan beekamu Tamasgan Dassaalany, waggaa lama durallee hidhamee osoo hin turin hiikamee ture.
Tamasgan guyyaa har'aa humnoota nageenyaa konkolaataa lamaan dhufaniin bakka hojiitii fudhatamuu waahilonni isaa maqaan isaanii akka dhahamu hin feene himaniiru.
Dabalataaniis, kanneen gaazexeessaa kana to'atan meeshaa waraanaa qabatanis uffata nama siviilii akka uffatan himan.
Guyyoota muraasa dura odeeffannoon gaazexeessaan kuni to'annoo jala ooleera jedhu dhagahamuu hordofee BBC'n gaazexeessaa kanaaf gaaffii dhiheessee ture.
Yeroos gaazexeessichi akka to'anno jala oolu 'odeeffannoo akka qabu' ibsee ture.
''Hanga yoonaa gabaasa koof madda odeeffannoo kan turan qondaaltonni tikaa to'annoo jala ooluu akkan danda'u natti himaniiru,'' jechuun ibsee ture.
Wanti hidhaaf isa saaxilu jiraachuu isaa gaafatamees, deebii kenneen mootummaa himate.
''Mootummaan abbaa irreetti geeddaramaa waan jiruuf miidiyaalee badii isaa saaxiluu danda'an ukkaamsutti deeme,'' jechuun hime.
Gidduu kana maaltu ta'e?
Gidduu kana gaazexeessitootni miidiyaa Ashaaraa shan, akkasumas gaazexeessitootni Nisir Intarnaashinaal Biroodikaasting Korporeet jedhamu afur hidhamuutu ibsame.
Akkasumas hundeessituu miidiyaa Itiyoo-Niqaat jedhamu Maskaram Abarraa akkasumas hundeessaa Miidiyaa Gabayaanuu Obbo Salamoon Shumiyyee kanneen hidhaman keessaati.
Akka hidhaadhaa gadhiifamaniis CPJ fi dhaabbati mirga gaazexeessitootaaf falmu RSF gaafataniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gaazexeessitoonniifi rogeeyyiin ajaja mana murtii malee hidhamaa jiraachuu eeruun qeeqeera.
Embasiin Ameerikaa Finfinnee argamu jalqaba torban kana hidhaa gaazexeessitootaafi rogeeyyiin ''yaadda'uu'' ibsees ture.
Embasiin Ameerikaa yaada komishinichaa deeggaruunis ibsa baasuun isaas ni yaadatama.