Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Amaaraatti namoonni 4,500 ol to'atamuu ibsame
Naannoo Amaaraatti shakkamtoonni 4500 ol to'annoo jala oolfamusaanii Biiroon Nageenyafi Tasgabbii Naannoo Amaaraa beeksiise.
Biiroon Nageenyaa ibsa har'a Caamsaa 23, 2022 baaseen, shakkamtoonni to'annoo jala kan oolfaman ''duula seera kabachiisuu'' tibbana motummaan gaggeesse hordofeeti.
Itti gaafatamaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa Obbo Dasaalanyi Xaasawu, ''nageenya walitti fufaa eegsiisuuf hojiiraa cimse itti fufe'' jechuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Shakkamtoonni to'annoo jala oolfaman waliigalatti 4,552 akka ta'aniifi isaan keessaa kaneenn 210 kan yakka lubbuu balleessuutiin shakkamanii himatamaniifi to'annoo jala olchuun osoo hin danda'amiin turame akka ta'e ibsame.
Kana malees 40 isaanii kanneen yakki itti murtaa'ee mana sirreessaa keessaa miliqan, kannnen 39 ol ta'an ammoo yakkamtoota ta'un kan bakka hinjirreetti itti murtaa'e jedhan.
Namoonni 917 ammoo diinota naannichaafi finxaalleeyyii eergamni itti kenname ta'u ibseera.
Kana malees ''namoota naannichatti haaraa ta'an dabalatee caasaa nageenyaafi motummaa keessa taa'uun yakkaaf wal ta'uun'' kan shakkaman namoonni 1,780 ol akka keessatti argaman dabaluun himan.
Obbo Dasaalanyi yeroo ammaatti motummaan hojii shakkamtoota to'achuuf taasisuun alatti, ''naannichii nageenya amansiisaa irratti argama'' jechuun isaanii gabaafameera.
Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti, ''kanneen dhugaa faannoo hintaane, garuu gareewwan maqaa faannootiin ijaaramuun ummata irratti gochaawwan seeraan alaa adda adaa raawwatan motummaa akka obsaan bira hintarre'' himaniiru.
Torban darbee keessa Naannoo Amaaraa meeshaalee waraanaa harka namoota dhuunfaatti argaman galmeessuuf akka ta'e Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa beeksisuu hordofee, naannichi ''duula seera kabachiisuu'' eegaluu beeksiseera.
Keessattuu naannoolee hedduu keessatti maqaa garee al-idilee Faannoo ofiin jechuun ijaalameen ''gareewwaniifi namoota dhuunfaa sochiilee seeraan alaa taasisan'' irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksisuun ni yaadatama.
Humnootiin nageenyaa tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachuu hordofees, walitti bu'iinsa dhuma torban darbe umameen namoota irra miidhaan qaqqabuu jiraattoonniifi maddeen hospitaalaa BBC'tti himaniiru.
Walitti bu'iinsa Godinaalee Lixaafi Baha Gojjaam akkasumas Walloo kaabaa eddoowwan garaa garaatti umameen namoonni lakkoofsi isaanii adda hin baane lubbuu dhabuufi kaan ammoo miidhaaf saaxilamu gabaasuun keen ni yaadatama.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa A.L.I Caamsaa 14, 2014 baaseen tarkaanfii humnoonni nageenyaa eegalaniin ''gaazexeessitoota dabalatee rogeeyyiin hedduu hidhamaniiru,'' jedheera.
Hidhaa ajaja mana murtii malee raawwatu kanas qeeqe.
Namoonni miidiyaafi gaazexeessitoonni lakkoofsaan torba ta'an guyyoota muraasa darban hidhamuu BBC'n maatii akkasumas miidiyaalee biyya keessaa irraa odeeffateera.
Kanneen hidhamuun isaanii ibsame keessaa miidiyaalee garagaraarratti mootummaa Itoophiyaa qeequun kan beekamu Salamoon Shumiyyeefi Maskaram Abarraa ni jiru.
Hidhaan kun tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf mootummaan naannolee garagaraatti sochii eegaluu isaa erga beeksise booda dhagahame.