Haleellaa Teksaas, Ameerikaa: Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti daa'imman 19 ajjeefaman

Ameerikaa Kibba Teksaasiitti dargaggeessi umurii waggaa 18 dhukaasa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti baneen ijoollee 19 fi ga'eessota lama ajjeesuun barame.

Mucaan umurii waggaa 18 kunis osoo poolisootaan tarkaanfiin irratti hin fudhatamaniin dura mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa Robb kan magaalaa Uvalde keessatti haleellaa banuu qondaaltoonni himan.

Qorattoonni akka jedhaniittis shakkamaan tarii meeshaa waraanaa atomaatikiifi shugguxii harkaa qabaachu mala.

Haleellaan kunis mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa daa'imman umuriinsaanii waggaa shanii hanga 11 jidduutti argamuutti jiranirra raawwatame.

Haleellaan Kibxata kaleessaa raawwatame kunis jeequmsa qawwee irratti ummata dheekkamsiise.

Mucaa haleellicha raawwachuun shakkame jalqabarratti akkoo isaa ajjeesuu qondaaltoonni seerra raawwachisan madda Oduu EBS'tti himaniiru.

Miidiyaaleen biyya keessa ammoo barataa sadarkaa lammaffaa naannichaa ta'u hin ollee jedhan.

''Baayyeen gadda, hunduu ijoolleedha'' jedha baratuun waggaa 14 tokko BBCtti wayita himteetti. ''Garuu maaliif isaan ajjeessuu?''

Barattuun kuni intala adaadaa mana barnoota Robb keessaa qabaachuufi manni barnootaa ishee dhiheenyatti argamus sababii haleellichaatiin cufamu dubbatti.

Mana barnootichaa keessatti barattoota daa'imman gara 500 ta'an argamu.

Haleellaan kuni akka lakkoofsa sa'aatii biyyattiitti guyyaa gara sa'aatii 11:32 [ganama sa'aatii 5:32] eegalamuu Hogganaan Poolisii bulchiinsa manni barnootaa keessatti argamu Piit Aradoondoo himan.

Eejjansiin oduu Asoosheetid Pirees, Qondaalli Paatiroolii Daangaa US wayita haleellichi Kibxata kaleessaa eegaluutti dhiyeenya ture atattamaan gara mana barnootichaatti fiiguun gurbaa hidhatee ture dhukaasuun ajjeesse jedhe.

Gurbichii dahannoo duuba tures jedhe.

Eegdonni Paatiroolii Daangaa US kunneenis seensa buufataa eegaa kan turanidha. Uvaldee kan daangaa Meeksiikoo irraa fageenya maayilsii 80 gadiitti argamtu, bakka buufata Paatiroolii Daangaati.

Ergamtoonni lamas wal jijjiirraa dhukaasaa hidhataa waliin ture keessatti rukutamuufi inni tokko mataarra kan dhahamee yoo ta'u, lamaan isaanitu hoosipitalaa keessa haala gaariirra kan argaman ta'u qondaaltonni himaniiru.

Akka Oduu CBS'tti, gurbaan haleellaa raawwatees haguuggii meeshaa dhukaasa dhorku uffatee ture.

Hospitaalli naannichaas barattoonni mana barnootichaa tajaajila atattamaatiin wal'aanamaa jiraachuu hime.

Dubartiin waggaa 66 fi intalli waggaa 10 haala cimaa keessatti argamu.

Hospitaalli Uvalde Memorial Facebook isaarratti akka maxanseetti, daa'iman 13 ''Ambulaansiidhaan gara hospitaalaa'' geeffamaniiru.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haasaa taatee kana ilaalchisuun Waayit Hawuusiitti taasisaniin, ''dhukkubsataafi dadhabaatu'' haleellaa jumlaa kana raawwate jechuun, to'annoo qawweetiif waamicha taasisan.

Akkasumas alaabaan biyyattii Waayit Hawuusiittii fi gamoowwan federaalaa biraa irratti kanneen ajjeeffaman kabajuuf gad-bu'e akka mirmirfamu ajajan.

Jimaata dhufu kanatti barattoonni sadarkaa lammaffaa magaalattii kan jiraattoota kuma 16 qabdu barnoota xumuruuf qophiitti jiru turan.

Haata'u malee amma dareewwaniifi sochiileen hundinu hanga bara dhufuutti haqameera.

Haleellaan manneen barnootaatti raawwatamus Ameerikaatti irra deddeebiin kan mudatu yoo ta'u, bara darbees 26 ajjeefamanii ture.

Haleellaan Mana Barnootaa Sadarkaa tokkoffaa Sandy Hook bara 2012tti raawwatame Ameerikaa naasisee ture.

Ajjeechaa lubbuu 26 kan nama waggaa 20tiin raawwatame keessaa 20 'n isaanii daa'imman umuriin wagga 5-6 jidduutti argamu turan.

Qawween lubbuu dhabuu daa'imman Ameerikaatiif sababa ijoo ta'y gabaasi CDC Ameerikaa kana dura ibseera.

Wiixata darbemmoo poolisiin US, FBI, ''haleellaan saffisaa'' eega koronaavaayirasiin bara 2020'tti eegalee dachaan dabaluu ibse.