Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qawween attamiin 2020'tti sababii ijoo du'a daa'imman Ameerikaa 4,300 oli ta'e?
Ameerikaatti bara 2020 qofatti daa'immanii fi dargaggoonni 4,300 ol sababii qawweetiin lubbuusaanii dhabuu qorannoon haaraa tokko ifa taasise.
Akka qorannoo kanaatti du'aatiin daa'immanii sababii meeshaalee waraanaatiin qaqqabe kunis, du'a ijoollee kanaan dura sababii balaa konkolaataatiin qaqqabu caaleera.
Odeeffannoon Jidduugala To'annoofi Ittisa Dhukkubootaa (CDC) irraa argame akka mul'isetti, bara 2020 keessa qofa Ameerikaatti daa'immaniifi dargaggoonni 4,300 caalan miidhama balaa rasaasaatiin wal qabateen du'an.
Kanneen keessaayis baayyeen kanneen ofiin of ajjeessan kan irra caalan yoo ta'u, kaan walitti dhukaasuun wal ajjeessuu ta'uu odeeffannoon waajiira poolisii qorannoo yakkaa ni mul'isa.
Ameerikaa keessatti qawween miiliyoona 390 ol namoota nagaa harka jira.
Akka qorannoo torban kana keessa barruu fayyaa 'New England Journal Medicine' jedhurratti bahee kanaatti, du'aatiin qawween wal qabatee Ameerikaatti kanneen umurii waggaa 1-19 jidduutti argaman irra dabaluunsaa, akka biyyaatti walitti dhukaasuun wal ajjeessuun %33.4n guddachuu agarsiisa.
Akka qorannichi jedhutti, walitti dhukaasuun wal ajjeessuun dargaggoota Ameerikaa hedduu miidhaa jira.
Yeroodhuma walfakkaatu keessatti ammoo, ofiin lubbuu ofii dabarsuunis biyyattii keessatti %1.1 guddateera.
Walumaagalattis sababiiwwan du'aatiin qawween wal qabatee akka dabalu taasisan keessaa -ofiin lubbuu ofii dabarsuu, nama kaaniitti dhukaasuun ajjeessuu, akka tasaa yn osoo hin yaadiin dhoka'ee kaan miidhuudhaan.
Taateen akkasii kunis daa'immaniifi dargaggoota irratti %29.5n dabaluufi kun ummata kaan caalaa dachaa lamaan kan caalu ta'utu himame.
''Sababii du'aatii ittifamu danda'amurraa ijoollee keenya oolchuu dadhabuu itti fufneera,'' jedha xalayaan qorannichaa barruu irratti Roobii darbe maxxanfame.
Akkasuma bara 2019-2020 jidduutti duuti qawween mudatu dhiiraafi dubartoota fi sanyii hunda biratti dabaleera. Hunda caalaa garuu warra Ameerikaa gurraachoota biratti akka mudate hima qorannichi.
Waggoottan darban keessa, balaa konkolaataatti aanee sababii du'aatii lammaffaa ture dargaggoota Ameerikaatiif. Haata'u malee du'aatiin balaa konkolaataatiin qaqqabu hir'ataa dhufee bara 2020 dargaggoo umuriisaanii waggaa 19 gadi 3,900 balaa konkolaataan du'an.
Bara 2019 fi 2020 keessa taateewwan qoricha sammuu hadoochoo baayyee fudhachuufi summaa'uun %83.6n dabaluun, ammatti dargaggoota umurii kanaatiif madda du'aa sadaffaa ta'aa jira.
Kana malees qorannoon gara biraa Ebla keessa ifa taasifame tokkoos dargaggoonni 954 qoricha sammuu adoochu baayyinaan fudhachun du'an, kunis bara 2019tti 492 ture.
Haleellaan qawwee erga weerara Covid-19 eegale jalqaba 2020 kaasee US keessatti dabaleera.
''Sababii maaliif akka dabale ifa miti,'' jedha xalayaan qorannichaa kun. ''Du'aatiin sababii meeshaa waraanaatiin qaqqabu bakka weerara koronaavaayirasiin dura turetti ni deebi'a jennee hin yaadnu.''
Qorannoon gara biraa Guraandhala barruu wallaansa Keessoo Waggaa keessatti maxxane tokko, gaheessoonni lammiilee Ameerikaa miiliyoona 7.5 (%3 ummata biyyattii) tibba weeraraa Amajjii fi Ebla 2021 keessa yeroo jalqabaatiif qawwee bitatan.
Kunis ijoollee miliyoona shan dabalatee, namoonni miliyoona 11 ta'an meeshaa waraanaan akka walargan saaxileera - yookaan mana keessatti akka jiraatu taasise.