Barnoota: Daa'imni ganna 12 dhukaasa mana barnootaa keessatti bantee sadii madeessite

Barattuun ganna 11 ykn 12 taati jedhamte tokko US isteeta Idaahotti mana barnootaa keessatti dhukaasa banteen barattoota lamaafi hojettuu mana barnootichaa tokko rasaasaan dhooftee madeessuu Poolisiin beeksise.

Barattuun kutaa jahaffaa mana barnootaa 'Rigby Middle School' kan maqaan ishe hin ibsamne kun boorsaa dugdaa ishee keessaa shugguxii baasuun dhukaasa banuu eegalte.

Dhukaasa kanan namoonni miidhaman sadan lubbuun oolaniiru jedhu aanga'oonni.

Barsiistuun mana barnootichaa tokko barattuu ganna 12 hincaalle kanarraa meeshaa waraanaa gachisiisuun hiitee Poolisitti dabarsitee kenniteetti.

Barattuun umurii 12 hin caalle kun maaliif dhiikasa akka bante hin beekamne.

''Dubreen kun meeshaa waraanaa borsaa dugdarraa qabdu keessaa baaftee, si'a hedduu mooraa mana barnootaa keessaa fi alatti dhukaafteetti'' jedhan hoogganaan Poolisii Kaawuntii Jeefersen Istiv Andersaan.

Barattuun kun magaala ollaa Idahoo Falls irraa dhuftes jedhameera.

Taatee kana FBI fi qaamoleen nageenyaa naannichaa waliin ta'uun qorachaa jiru.

''Aniifi hirriyyoonni koo barsiisaa keenya waliin daree keessa turre- hojii daree hojjetaa- achiin tasa sagaleen guddaan dhagaahame, achiis irra deebiin sagaleewwan gurguddaa lama dhagaahaman. Achii booda sagalee aadutu ture'' jechuun barattuun ganna 12 Yaandeel Rodriigeez Asiisheetid Pireesitti himteetti.

''Barsiisaan keenya dhimmicha hubachuu dhaqee dhiiga aargeera.''

Pireezidant Joo Baayidan akkuma aangoo qabataniin tarkaanfii isa jalqabaa to'annoo meeshaa waraanaa jabeessuu ibsanii turan.

Ameerikaa keessa namoonni hedduun hidhannoo waan qabaniif dhukaasni namoota hedduurratti raawwatamu irra deddeebiin gabaafamaa jira.