Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Mormitoonni hidhatan magaalota US keessatti walitti qabamuu eegalan
Gartuun mormitootaa – gariin kan meeshaa waraanaa hidhatan – manneen maree isteetiiwwan US sodaa nageenyaaf jecha dalleeffaman duratti walitti qabamuu eegalan.
Gamoowwan mana maree Teeksaas, Origoon, Mishigan, Ohaayoo fi muraasaa biroo fulduratti mormiin gaggeefamaa jira.
Manneen maree US biroo hedduu garuu Dilbata kana homaa mormii hin agarre.
Muudama pireezidantii Roobii gaggeeffamu dura FBI namootni meeshaa hidhatan mormii gaggeessuu akka malan akeekkachiiseera.
Injifatan filannoo pireezidantummaa Joo Baayiden deggaartoonni Tiraamp erga US Kappitool Waashiingitan Amajjii 6 irratti hokkora kaasanii lubbuun namoota shanii darbee torban lama booda sirna kakuu raawwatu.
Guutummaa Waashiingitanitti loltoonni 'national guard' 25,000 kan bobbaafaman yoo ta'u, US Kappotool sibiilaan dalleeffamee jira.
Magaaloti hedduun mormii uumamuu danda’u sodaa guyyootii darban keessa meeshaalee ittisaa fi loltoota bobbaasuun qophaa’aa jiru.
Miidiyalee hawaasummaa irratti deggartoonni Tiraamp meeshaa hidhachuun mormiiin keessuumaa Dilbata akka gaggeeffamuuf kan waamicha dhiyeessaaa turan.
Gareeleen hidhattootaa tokko tokko garuu miseensonni isaanii kiyyoo poolisii keessa seentu jechuun akka mormii kanaratti hin hirmanneef gorsaa jiru.
Akka gabaasaa Niiw Yoork Taayimsitti miseensoonni sochii Buugaloo Boyis 25 ta’an meeshaa waraanaa hiidhatanii mana maree Kolombus, Ohaayoo fulduratti walitti qabamanii turani.
Namootni – gartuu mootummaa US kuffisuu barbaadanii ta’an- kun garuu hiirira mormii wa’ee mirga meeshaa hidhachuuf akka walitti qabaman himu.
Mishigaan keessatti ammo, namootni gara 20 olii – gariin meeshaa hidhatanii- mana maree magalaa Laansiing duratti utuu poolisiin callisee ilaaluu mormii gaggeessaa turani.
“Ani hokkora kaasufan dhufe miti, eenyuyyu hokkora hin kaasu jedheen abdadha,” jechuun mormiitota keessa tokko Reuters’tti himeera.
Akkuma kana mana maree Teeksaas Ostin duratti mormitootni murasii, kaan meeshaa hidhatanii walitti qabamanii turani.
Roobii yeroo Baayiden Tiraampiin bakka bu’uun aangoo pireezidantummaatti muudamu moormiin jiraachuu mala jedhamee eegama.
Dubbii himaan waranaa Raayan Makaartii Dilbata miiseensoonni waraanaa soda isaan keessa kan hokkora kaasuu jirachuu mala jedhuun qoratamuu isaanii Asoosheetid Pireesitti himeera.
Akkasumas Dilbata Niiw Meeksikoo keessatti qondaalli mootummaa tokko hokkoraa Amajjii 6 Waashingitaniin wal qabate to’annoo jala ooleera.
Baayden aangoo fudhatee guyyaa jalqabaa irratti dhorkii imalaa Tiraamp ka’ee akka haqamuu fi US waligaltee jijjirama qilleensaa Paariis keessa deebitee akka seentuuf ajaja ni dabarsa.
Akkasumas maatilee daangaa US Meeksikoo irratti gargar ba’an deebisanii akka wal argan akka taasisuu fi COVid-19 walqabatee maaskii uffachuu fi qajeelfamoota biroo akka dabarsu ni eegama.
Gaartuun Baayden sababa weerara Covid-19tti jecha muudama pireezidaantiif gara magaalaa gudduttiitti akka hin imalleef lammilee Ameerikaa gaafataniiru.
Qoondaaltonnis sagantichaa lammileeen manuma isaaniitti akka daawwataniif gaafataniiru.