Pirezidaantiin haaraa Somaaliyaa rakkoo siyaasa Gaanfa Afrikaa furuuf gahee akkamii qabaatu?

Bara 2012 hanga 2017tti pirezidaantii saddetteffaa Somaaliyaa kan turan Hasan Sheek Mohaammud ammas irra deebiin filatamuun gara aangootti deebiyan.

Filannoo pirezidaantummaa marsaa sadiitiin gaggeeffameen sagalee caalu 214 argachuun Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo mo'achuun aangoo fudhataniiru.

Bara aangoo isaaniitti, Somaaliyaa keessatti nagaafi tasgabbiin akka bu'u, darbees Somaaliyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa, akkasumas biyyoota warra Lixaa waliin nagaa akka qabaattu hojjechuuf waadaa galaniiru.

Hasan Sheek Mohaammud bara 2017 irra deebiin dorgomanii turanillee pirezidant Mohaammed Abdullaahii Farmaajootu isaan mo'atee ture. Amma ammmoo deebiyanii Farmaajoo irraa aangoo fudhataniiru.

Filannoon sababa Covid-19 waggaa tokkoo oliif dheeratee ture Somaaliya keessatti atakaaroo ji'ootaaf ture kaasaa tureera.

Paarlaamaan biyyattii murtee yeroo filannoo dheeressuudhaan turtiin bara aangoo pirezidantiin duraanii Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo waggoota lamaaf dheerachuu hordofees namoota siyaasaa Somaaliyaa gidduutti wal-dhabdeen uumame magaala guddoo biyyattii keessatti hokkara kaasisuun isaas ni yaadatama.

Walitti bu'insa deeggartoota mootummaa Federaalaafi mormitoota gidduutti dhalateenis yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuun isaanii gabaafamee ture.

Keessattuu waldhabdeen Farmaajoofi Ministira Muummee Mohaammed Huseen Roobilee gidduutti uumame hammaachuun, Farmaajoon hanga ministira muummichaa aangoo irraa ari'utti geessisee ture.

Siyaasni biyyattii akka hin taane ta'uun kan isaan yaaddesse Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afrikaa, Ameerikaafi Ingliz Farmaajoon bara aangoo isaanii dheereffachuu isaa mormaniiru. Addatti Ameerikaan ammoo warra "akka barri aangoo dheereffamu keessatti hirmaatan irra" qoqqobbii akka keessullee dhaadacha turte.

Gama biraan ammoo Wixata Caamsaa 16, 2022 Pirezidant Joo Baayidan loltoonni Ameerikaa dhibbaan lakkaa'aman deebiyanii akka Somaaliyaatti bobbaafaman hayyama akka kennan ibsameera.

Baayidan murtee pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp loltoonni 700 ta'an Somaaliyaa keessa turan hundi isaanii akka ba'an murteessanii turan diiguun, Ameerikaan miseensota ergama addaa irra deebiin akka garasitti bobbaastu dubbatan.

Wal waraansi waggoota 30f ture kan akkaan ishee miidheeru Somaaliyaan biyya fedhiiwwan siyaasaa biyya keessoofi alaa hedduutiin muddamtedha. Kana malees malaammaltummaan hundee gadi fageeffateeruufi gosaan wal qooduun biyyattii raasaa jira.

Gareen shororkeessaa al-Shabaab Somaaliyaa guutummaatti raasuu irra darbee yaaddoo Gaanfa Afrikaa erga ta'ee bubbuleera.

Biyoota Baha Giddu-galeessaas ta'an warri Lixaa fedhii siyaasaa addaa Somaaliyaa irraa qabaniin alatti, rakkoon hongee baayyee yaaddessaa ta'eefi raafamni dinagdee uummata biyyattiis qoraa jira.

Hasan Sheek Mohaammud pirezidantii ta'anii filatamuun Somaaliyaatiif, Gaanfa Afrikaatiif akkasumas Itoophiyaatiif hiika akkamii qaba?

Hariiroon Somaaliyaafi Itoophiyaa gidduu jiru jijjiiramuu danda'aa?

Mee Itoophiyaa irraa kaasnee garaa qaxanichaatti, achirraa ammoo gara Somaaliyaatti deebinee yaa ilaallu.

Pirezidantii Haaraa Somaaliyaa fi Itoophiyaa

Hariiroon pirezidantii haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud fi Itoophiyaa gidduu jiru maal fakkaachuuf deemaa? Gaaffii akkas jedhu kana ilaaluudhaaf dursa qabxiiwwan ijoo lama hariiroo Itoophiyaafi pirezidantii duraanii Somaaliyaa Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo waliin walqabatan kaasna.

Inni jalqabaa, ministirri muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu isaanii hordofee walooma sadanii pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Af-warqiifi Farmaajoo waliin uummatanidha.

Dubbiin ijoon lamaffaan ammoo, himannaa hin mirkanaa'iin loltoonni Somaaliyaa waraana Kaaba Itoophiyaa ture keessatti hirmaataniiru kan jedhudha.

Ministirri muummee Abiy, pirezidantii duraanii Farmaajoofi pirezidantI Isaayyaas bara 2018 dhumarra waliigaltee sadee tolfchuun isaanii ni yaadatama.

Waliigalteen kun maal qabatee ture? Gaaffii akkas jedhuuf odeeffannoo ifatti kenname jiraachuu baatulleen, wayita waliigaltichi mallatteefametti Faarmaajoon toora tiwitara isaanii irratti ''Magaalaa Asmaaraatti waliigaltee mallatteessuu keenyaatti gammachuutu natti dhagahama. Waliigaltichis walta'iinsa diinagdee, siyaasaa, nageenyaa, aadaafi hawaasaa kan cimsuudha,'' jedhanii ture.

Itti aansuunis MM Abiy Ahimad hoggantoota lamaan Magaalaa Gondariitti affeerruudhaan, waliigaltee Asmaraatti taasifameerratti marii taasisuun isaanii ni yaadatama.

Waliigaltee hoggantoota sadanii kanneen ija shakkiitiin ilaalanis sagalee mormii dhageessisuun isaanii ni yaadatama.

Waliigaltee duraan hoggantoota sadan jidduutti taasifamee ture kun hogganaa haaraa Somaaliiyaatiin itti fufaa? jechuun Qorataa African and Oriental Studies jedhutti qorataa kan tahaniifi dhimma siyaasaa Afriikaa Bahaa itti dhiheenyaan kan hordofan Obbo Na'aamiin Ashanaaffii dubbifneera.

Waliigalteen jarreen sadan jidduutti raawwatamees kan hidhata qaxanichaa ''laaffisee'' jedhamee akka komatamu kaasuun, ''pirezidaantii haaraan kun waliigalticha dhiisuu ni danda'u'' jedhan.

Waliigalteen hoggantoota sadan jidduutti raawwatmee ture sun hayyoota Somaaliyaatiin qeeqamaa akka ture kaasuun, tarii pirezidaantii haaraan waliigaltichia akka itti hin fufsiifne ibsu.

''Walitti dhufeenya biyyoota sadii hafee Itoophiyaafi Somaaliyaan walitti dhufeenya haaraa eegalu qabaatu. Walitti dhufeenyichis kan hongee mudateefi kan haala yaaddoo nageenyaa al-shabaabii jidduugala taasifate ta'u qabaata'' jechuun jijjirama imammata dhimma alaa gama Itoohiyaatiin taasifamu qabaatu kaasu.

Gama biraatiin ammoo dhimma himannaa loltoonni Somaaliyaa waraanaa Tigraay keessatti hirmaataniiru jedhu irratti kan gaafataman Obbo Na'iimaan, ''Himannichi dhugaa yoo ta'e kanaan booda bobbaatiin hin jiraatu. Hasan Sheek Mohaammad akka pirezidaantii duraanii Farmaajootti waraana keessa galu irra gahee mariisiisuu, jaarsummaa fa'i bahuu qabaatu'' jedhu.

Haala kanaafis dhimmoota lama akka ragaatti kaasu. Jalqabarratti MM Abiyyii fi dura taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon lamaanuu pirezidaantii Somaaliyaa haaraadhaaf ergaa baga gammaddee erganiif jiru.

''Jarri lamaanu pirezidaantii haaraadhaaf ergaa baga gammaddee baasuun isaanii naannicha keessatti gahee ta'e akka qabaatan kan mul'isuudha'' jedhu Obbo Na'aamiin.

Lammaffaa irratti kan eeran Somaaliyaan nageenya keessoo isheef nagaa kabachiiftota Itoophiyaa barbaaduu isheeti.

Itoophiyaa keessatti waraanni yoo hammaate nagaa kabachiiftotni Itoophiyaa Somaaliyaatti bobbaafamanis tahe biyya biraa jiran gara biyyaatti deebi'uuf dirqamu jedhanii ''pirezidaantii haaraan kun waraanni Itoophiyaa akkuma jirutti tahee Somaaliyaa tasgabbeessuf waan hojjetan natti fakkaata,'' jedhan Obbo Na'aamiin.

Waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa gadhiisee akka hin baaneef Obbo Hasan Sheek Mohaammad mootummaa federaalaa fi humnoota Tigiraay gidduutti nagaan akka bu'uuf deeggaruu akka danda'an Obbo Na'aamiin himu.

Namootni siyaasaa biyyattii rakkoo siyaasaa Itoophiyaan keessa galteef Itoophiyaa himachuun jibba akka qaban yoo mul'atu, gama biraan ammoo pirezidaanti Hasan Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii akka qabaataa turan hubachiisu.

Fallaa kanaan Masirii fi biyyootni baha gidduugaleessaa kaan ''harka Somaaliyaa micciiruu'' akka danda'an ibsuun keessumaa gama Masiriin kun Itoophiyaaf balaa taha jedhu.

Gaanfa Afrikaa fi Pirezidaantii Somaaliyaa haaraa

Gaanfi Afrikaa jeequmsa siyaasaa keessoo isaa irra darbee wal dhabdee daangaa, faayidaa adda addaa fi kaaniin jeeqamaa jiru.

Keeniyaa fi Somaaliyaa, Sudaanii fi Itoophiyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa biyyoota naannichaa of eeggannoodhaan wal eeggataa jiranidha.

Hasan Sheek Mahaammad ''nageenya labsuun'' akka beekaman kan dubatu Obbo Na'aamiin ''Waliin dubbiif banaa fakkaatu. Akka Faarmaajoo dhimma keessoo biyyoota kaanii keessa galuun osoo hin taane biyyoota ollaa isaanii waliin nagaa buusuu barbaadu,'' jedhan.

Hoggantoota Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa gidduutti waliigaltee biyyoota sadeenii raawwatee ture ilaalchisee ammoo ''waliigaltee maalummaan isaa hin beekamne, IGAD irras waliigaltee darbedha. Waliigaltee siyaasaa, dinagdee ykn hawwaasaati jechuuf kan nama rakkisudha,'' jedhan.

Dabalataan pirezidaantii haaraan Somaaliyaa amma aangootti dhufan ''waliigaltee walii isaa hin beekne kanatti ni galu jedhee hin amanu'' jedhan.

Waliigalteen kun yoo hafe, fuulduratti Keeniyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa fi Eertiraan kan keessatti hammataman Gaanfa Afrikaatti walitti hidhaminsa uumuuf carraa kennuu danda'a jedhan Obbo Na'aamiin.

Hasan biyyoota ollaa waliin nagaa buusuuf fedha waan qabaniif fuulduratti Keeniyaa fi Itoophiyaa waliin wal dhabdee daangaa biyyi isaanii qabdu furuun nagaa fiduuf fedha ni qabaatu.

''Fedha naannicha irratti biyyootni Baha Gidduugaleessaa, Turkii fi biyyoota Lixaa qaban kan biyyoota ollaa waliin wal simsiisuun nagaa buusu jedhamee amanama,'' jedhan Na'aamiin.

Somaaliyaaf jalqabbii haaraa fidaa?

Xiinxaltootni siyaasaa pirezidaanti Hasan irra deebiin filatamuun isaanii Somaaliyaa irra deebiin ijaaruuf akka ka'umsaatti ilaalama.

Karaa biraa ammoo rakkoo siyaasaa wal xaxaa Somaaliyaa, fedhii cimaa biyya keessaa fi alaa jiru gidduugaleessa godhachuun yoo ilaalamu yeroon bulchiinsa pirezidaantichaa qormaatamaan guutama jedhamee tilmaamama.

Obbo Na'aamiin malaammaltummaa fi kufaatii siyaasaan an himatamu bulchiinsa Faarmaajoo kuffiisuun aangootti kan dhufe hoggansi haaraan ''Somaaliyaaf abdii haaraa'' kenna jedhan.

Wal dhabdeen Faarmaajoo fi ministera muummee gidduutti mudatee ture wal dhabdee gosaa irra darbee namoota siyaasaa biyyattii beekamoo gidduuttis qaawwaa uumuu isaa yaadachiisuun jalqabbii haaraan namoota siyaasaa Somaaliyaa walitti abuun mari'achuun nagaa buusuu taha jedhamee eegama.

Itti dabaluun Farmaajoon yeroo aangoo isaanii dheeressuuf yeroo yaalan, wal dhabdee mudataa ture Somaaliyaan jijjiirama agarsiifte irraa duubatti deebaa jirti jedhamee akka ture himuun amma wal dhabdicha tasgabbeessu jedhamee abdiin pirezidaantii haaraa filataman irratti gatameera jedhan.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii goginsa gara beelaatti cehuu danda'a jedhameef furmaata gochuu fi al-Shabaabiin waraanuuf pirezidaantii haaraan kun Ameerikaa fi biyyoota Lixaa kaan waliin wal tumsuun hojjechuuf gahee ol aanaa qaba jedhamee amanama.

Rakkoon siyaasaa wal xaxaan Somaaliyaa halkan tokkotti, pirezidaantii tokkoon furama jedhamuu baatus jalqabbii haaraadha jechuu dandeenya,'' jedhe Na'aamiin.