MM Abiy dabalatee gaggeessitoonni pirezidantii haaraa Somaaliyaaf ergaa baga gammaddee dhaaman

Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) dabalatee gaggeessitoonni addunyaafi namoonni bebbeekkamoo pirezidanti haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammudiif karaa tiwitaraan ergaa baga gammaddee dhaamaaf jiru.

Hasan Sheek Mahaammud filannoo pirezidaantummaa Dilbata kaleessaa gaggeeffameen ture kan injifatan.

Hasan Sheek Mahaammud kanaan dura bara 2012 hanga 2017tti pirezidantii Somaaliyaa ta'uun tajaajilaniiru. Filannoo miilanaa kanaanis sagalee miseensota paarlaamaa Somaaliyaa 328 keessaa 214 argachuun mo'atanii ammas waggoota itti aanan afuriif Somaaliyaa bulchuuf baallii harka galfataniiru.

Pirezidantiin haaraa kun bu'aan filannichaa baramee mo'achuu isaanii akkuma baraniin waadaa seenaniiru. Somaaliyaa dhinsuudhaaf ni hojjenna jedhan yeroo waadaa galananitti dubbii dubbataniin.

Pirezidantiin baallii kennan Mohaammad Abdullaahii Farmaajoon ammoo mo'amuu isaanii amananii fudhachuun, prezidantii haaraa filataman kana lammileen Somaaliyaa "akka deeggaraniifi akka milkaa'uufillee akka kadhataniif" gaafataniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) ergaa baga gammaddee toora Tiwiitara isaaniirratti dabarsaniifiin, dhimmoota waloofi naannawichaa irratti waliin hojjenna jechuun dubbatan.

Dubartiin miseensa Kongirasii US taateefi dhalattuu Somaaliyaa Ilhaan Omaar ammoo ergaa dabarsiteen filannoo kanaan uummanni Somaaliyaa hundinuu injifataniiru jette.

"Waggoota kurnan hedduu tasgabbii dhabuu keessa kan turte biyyattiin hundi keessan akka waliin taatanii hojjettan hunda keessan barbaaddi," jechuun Tiwiitaraan ergaa dhaamteetti.

Somaaliyaatti ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Tiinaa Intelmaanis ergaa karaa Tiwiitaraa dabarsiteen Hasan Sheek Mahaamudiin baga gammadde ittiin jetteetti.

Ministirri Dhimma Afrikaa UK Viikii Foord akkuma kana ergaa baga gammaddee Tiwitaraan erga dhaamteefiin booda mootummaan ishee hojii Somaaliyaan "nagaa buusuudhaaf carraaqaa jirtu, al-Shabaab qolachuuf taasisaa jirtuufi balaa hongee hamaa biyyattiin itti jirtu keessatti cinaa akka dhaabbatu" dhaamteettiif.