Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giddu-seentummaa US Afgaanistaanii hanga Iraaniitti maal buuse?
Pirezidanti Doonaald Tiraamp Caamsaa darbe waa'ee imaammata giddu-seentummaa bara bulchiinsa pirezidantota isaan dura turanii wayita qeeqan addunyaa ajaayibsiisanii turan.
''Dhumarratti, warri biyya ijaarra ofiin jedhan biyyoota hedduu diiganii argineerra,'' jedhan.
Tiraamp wayita kana jedhan weerara Iraaq bara 2003, kan akkaan falmisiisaa ture, eeruun dubbatan.
''Giddu-seentonni hawaasa salphaatti jiruu fi jireenya isaa hubachuu hin dandeenye keessa seenuun rakkoo uumaa turan,'' jedhan Tiraamp.
Dubbiin Tiraamp kun irra-jireessi wayita isaan magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa- Riyaad daawwatan dhagahame.
Kanarraa ka'uun xiinxaltoonni garii wayita yaada isaanii kennan, bara bulchiinsa Tiraamp marsaa lammataa kana yoo xiqqaate giddu-seentummaan Ameerikaa hir'achuu danda'a jechaa turan.
Garuu turtii ji'a tokkoo booda US buufataalee nukilaraa Iraan qabdu sadi irratti haleellaa raawwachuu dhageenye.
Kanaan Waashingitan waraana Iraan fi Israa'el walirratti bananitti makamuun barame.
US fi Israa'el kan Iraan haleeluu eegalaniif sagantaa nukilaraa Iraan dhabamsiisuuf akka ta'e ibsan.
Tiraamp haleellaan US erga raawwatamee yeroo xiqqoo booda as ba'uun ''kaayyoon keenya humna gabbisa nukilaraa Iraan balleessuudha. Kana gochuudhaan doorsisa nukilaraa Iraanitti xumura gochuudha,'' jedhan.
Garuu akka seenaarraa hubannutti warri lixaa wayita dhimma biyyoota alaa keessa seenan wanti hundi akkasaan karoorsanitt fiixaan hin baane.
Barreessaan lammummaa Libaanos fi Ameerikaa qabu Fawaz Gergez bara 1940oota gara xumuraa irraa eegalee US dhimma Baha Giddugaleessaa keessa seenuurraa duubatti jettee hin beektu jedhe.
''Haleellaan tibbana US qilleensarraan Iraan irratti raawwatte imaammati kun ammallee cimee itti fufuu kan agarsiisudha,'' jedha barreessaan kitaaba mata duree What Really Went Wrong: The West and the Failure of Democracy in the Middle East jedhuu Fawaz Gergez.
US hanga yoonaa dhimma biyyoota kamfaa keessa seenteetti, bu'aan giddu-seentummaa kanarraa argamehoo?
Fonqolcha mootummaa Iraan
Bara 1953 loltoonni Iraan deeggarsa US fi UK irraa argataniin Ministira Muummee Iraan karaa dimokiraatawaan filataman Mohammad Musaddiq irratti fonqolcha mootummaa raawwachuun aangoorraa buusan.
Taateen sun mudachuu waggaa lama dura aangoo kan qabatan Mohammad Musaddiq, biyyattiin qabeenya boba'aa isheerratti olaantummaa akka qabaattu waadaa seenuun hojii eegalanii turan.
Kun ammoo, doorsisa warra koministii dabalatee, UK fi Ameerikaa yaaddoo keessa galche.
Waraana booda diinagdeen biyyoota kunneenii, US fi UK, irra jireessaan qabeenya boba'aa Iraan irratti kan hundaa'e ture.
Mootii Iraan yeroo sana aangoo ''Shah'' jedhamu gonfachuun beekaman fi mootii biyyattii kan dhumaa ta'an, Mohammad Reza Pahlavi aangootti fiduuf tumsi tajaajila tikaa UK fi US salphaa hin turre.
Bara 2000 Ministira dhimma alaa US kan turan Madileeyin Albiraayit ga'ee fonqolcha mootummaa Iraan keessatti ba'atan ifatti dubbatan.
Bara 2009 Pirezidantii US kan turan Baraak Obaamaa Kaayirootti haasaa taasisaniin, taatee Iraanitti mudatte keessatti ga'een US olaanaa ta'uu ibsan.
Fonqolchi mootummaa Iraan sun erga gaggeeffamee waggaa 60 booda bara 2013 jaarmiyaan basaasaa US iccitiidhaan hojjetu- CIA, taatee sana keessaa harka qabaachuu yeroo jalqabaaf ibse.
''Fonqolchi mootummaa humna waraanaan raawwate ajaja CIA jalatti taliigamaa ture,'' jedha ragaan jaarmiyaa kanarraa argame.
Pirofeesar Gergez akka jedhutti walitti bu'iinsi yeroo ammaa US fi Iraan gidduutti hammaate kun hundeensaa bara foqnolcha mootummaa Iraan sana qaamoleen US garaagaraa dhoksaan dhimma biyyattii keessa seenuudha.
''US ministira muummee seera qabeessa karaa dimokiraatawaan filataman aangoorraa fonqolchuun abbaan irree bara baraan biyyattii akka bulchu gochuu ilaalchisee lammiileen Iraan yoomuu dhiifama godhaniifii hin beekan,'' jedhe pirofeesarri kun.
''Har'a jibbiinsi Ameerikaa kan Iraan keessatti hundee jabeeffateef, beektonni biyyattii US kallattii siyaasaa Iraan geeddaruu ishee yeroo hunda himachaa waan jiraataniif.''
Warri US imaammata Pirezidantiin Masrii Gamaal Abdal Naasir biyyasaanii keessatti qabaachaa turanis jijjiiruuf dhiibbaa uumanii turan jedha Pirofeesar Gergez, garuu hagas mara hin milkoofne malee.
US Afgaanistaan keessatti garee 'Islaamistoota' tumsuu
Bara 1979 loltoonni Sooviyeet Afgaanistaan keessatti mootummaa komnistii laafee diigamaa ture deeggaruuf biyyattii weeraran.
Bara sana Afgaanistaan keessatti mootummaan komistii waggaa tokko dura aangoo qabatee ture.
Garuu sochiin garee Islaamistoota ofiin jedhanii fi maqaa Mujaahidiin jedhamuun beekamanii humnoota Sooviyeet dura dhaabbachuun qore.
Gareen faallaa mootummaa koministii ta'ee fi leellistoota jihaadistoota Islaamaa irraa hundeeffame kun US, Paakistaan, Chaayinaa fi Sa'uudii Arabiyaa dabalatee biyyoota hedduurraa deeggarsa qaba ture.
Bara Waraana Hololaa (Cold War) US biyyoota meeshaalee waraanaa fi maallaqa Afgaanistaanitti ergaa turan keessaa adda dureedha.
Kunis kaayyoo Sooviyeet achitti doomsuuf akka ta'e beekamaadha.
Dokumantiiwwan iccitii hin taane, qorannoowwan gaazexeessummaa fi namoonni taatee ture ijaan argan waggoota booda waan ture ifa baasan.
Ragaan kun warri US yeroo sana Afgaanistaan keessatti Yuuniyenii Sooviyeet kiyyoo keessa galchuun bulchiinsa koministii biyyattii keessaa balleessuuf yaadanii dhokatanii socho'aa akka turan mul'ise.
Sababa kanatti garuu daran kan miidhamte Afgaanistaani. Lubbuu namaa fi qabeenya hedduu dhabde. Kisaaraa bara waraana Sooviyeet US irra ga'etu ishee mudate.
Oppireeshiniin USn durfamu sun maqaa ''Operation Cyclone'' jedhamuun beekama. Miidiyaaleen bara ammaa ''seenaa CIA keessatti oppireeshinii dhoksaan gaggeeffame isa guddaa,'' jechuun ibsan.
Yeroo sana Pirezidantii US kan turan Roonaald Reegaan, inumaa hooggantoota jihaadistootaa kutaa teessoo pirezidantota Ameerikaa- Oval Office jedhamutti affeeranii turan.
Bara 1988 Ebla bultii 14 akkaataa rakkoo Afgaanistaan keessa jiru furuu fi loltoota Sooviyeet biyyattii keessaa baasuun danda'amurratti Siwiizarlaand, Jeniivaatti waliigalteen mallattaa'e.
Waliigaltee Geneva Accord jedhamuun beekamu kanarra ga'uuf marii ture irratti Afgaanistaan, Paakistaan, US fi Yuuniyeniin Sooviyeet hirmaataniiru.
Waliigaltee kana hordofee, akkasumas weerara waggaa kurna tokkoo booda bulchaan Sooviyeet Mikaayil Gorbachev loltoota isaa Afgaanistaan keessaa baasuu eegale.
Loltoonni Sooviyeet bara 1989 gara jalqabaa guutummaatti Afgaanistaan gadhiisanii ba'an.
Garuu kun ta'ee osoo hin turin biyyattiin waraana waliinii qaamolee hidhattootaa adda addaa gidduutti gaggeeffamu keessatti kufte.
Mootummaan biyyattii, deeggarsi Yuuniyenii Sooviyeet irraa cite, yeroo xiqqoo booda kufe.
Kana gidduudhaa gareen Taalibaan kan seera Shari'aan taliigaman dhalatan.
Hooggantoonni Taalibaan hedduun sochii Mujaahidiin keessatti warra weerara Sooviyeet dura dhaabbachaa turanii fi deeggarsa meeshaa waraanaa US fi michootasheerraa argachaa warra turaniidha.
Haala walfakkaatuun waraannni Sooviyeet fi Afgaanistaan erga obba'ee booda, gameeyyiin waraanaa Afgaanistaan garee Al-Qaeda jedhamu hundeessan.
Kaayyoon gooroo isaanii qabsoo duudhaa Islaamummaan taliigamu Afgaanistaaniin alatti babal'isuudha.
Taalibaan oppireeshiniiwwan garee Al-Qaeda fi hoogganaa isaa Osama bin Laden gaggeessan, akkasumas karoora haleellaa US Fulbaana 11, 2001 irratti sochii gareen kun taasisuuf dahoo ta'uun akkasumas karoora tarsimoo baasuun bira dhaabbateera.
Yunivarsitii Alabama, damee Saayinsii Siyaasaatti dhimma Baha Giddugaleessaa kan qo'atu Pirofeesar Waliid Hazbun, giddu-seentummaan US bara Waraana Hololaa (Cold War) ture ''humnoota gita waraanaa irra aanuuf tarkaanfii fudhatame'' jedhamee ibsamuu danda'a jedha.
''Warri lixaa fi US humna siyaasaa faallaa dantaa US fi michootashee dhaabbatu kamiyyuu dura dhaabbachuu barbaadu turan,'' jechuun BBCtti himan Pirofeesar Hazbun.
Pirofeesarri kun giddu-seentummaa waraana Galoo Galaanaa (Gulf War) bara 1990-1991 ture, kan Ameerikaadhaan durfamu, akka fakkeenyaatti kaase.
''Giddu-seentummaan sun weerara Kuweet Iraaq irratti raawwatte dura dhaabbachuuf tattaaffii taasifamedha. Birmadummaan warra Kuweet akkanaan deebi'eef. Erga Waraanni Hololaa (Cold War) xumuramee qaamolee US'f imaammata bocanii fi hooggantoota naannawa sanaa waliin akkaataa nageenya waliinii naannochaa mirkaneessuun danda'amurratti mariin ture.''
Haata'u malee jedhe Pirofeesar Hazbun, bulchiinsa Pirezidant Kilintan jalatti adeemsi biraan eegalame.
''Galmi yeroo sana ture caasaa nageenyaa dantaa US eegsisuu fi naannawichatti nagaa buusuuf mul'ata US qabdu bakkaan ga'u ijaaruudha,'' jedhe.
''Kun, gama tokkoon, adeemsa nagaa buusuu cimsuu fi hariiroo Israa'el fi Arabootaa fooyyessuun biyyoonni Arabaa akka gama US fi Israa'el goran gochuudha. Kaan ammoo tarkaanfii humna waraanaa fi qoqqobbii cimsuun Iraan fi Israa'el to'achuudha.''
Yeroo sana tarsimoo giddu-seentummaa US keessatti dhimmi deeggarsa Israa'el yeroo mara xiyyeeffannaa duraa ture.
Aanga'oonni US deeggarsi Israa'eliif taasifamu ''haalduree malee'' ta'uu qaba jedhanii ibsu.
Erga Waraana Addunyaa Lammaffaatii Israa'el biyya gargaarsa guddaa US irraa argattudha.
Waggaa waggaan doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu deeggarsaan argatti.
US Taalibaan adamsuuf Afgaanistaanitti deebi'uu
Haleellaa Fulbaanaa booda Onkoloolessa 2001 US maqaa Taalibaan fi Al-Qaeda balleessuu akkasumas dimokiraasii deeggaruu jedhuun Afgaanistaan weerarte.
Loltoonni US saffisaan magaalaa guddoo Afgaanistaan, Kaabul qabatan.
Loltoonni Nato illee ergama haleellaa raawwachuu fi humnoota Afgaanistaan leenjisuu jedhu qabatanii bara 2003 irraa kaasanii biyyattii keessa buufatan.
Waggaa sadi booda mootummaan Afgaanistaan aangoo qabate. Garuu haleellaa balaafamaan Taalibaan eegale ittuma fufe.
Bara 2009 Pirezidantii US kan turan Baraak Obaamaa lakkoofsi loltoota isaanii heddummaachuu ibsan.
Kun ammoo humnoota Taalibaan hanga tokko duubatti deebisuu ibsanis, garuu yeroo dheeraaf hin turre.
Waraanni kun erga bara 2001 haala kanaan eegalee lolli inni hamaa fi balaafamaan qaama waraana kanaa ta'e bara 2014 gaggeeffame.
Bara sana humnoonni Nato ergamasaanii xumuruun itti gaafatamummaa nageenya eegsisuu humna waraanaa Afgaanistaanitti dabarsanii kennan.
Taateen kun akka Taalibaan lafa hedduu dabalataan to'atu taasise.
Bara itti aanu gareen Taalibaan baayyee jabaate, tarkaanfiiwwan balleessanii baduu heddummeesse.
Haleellaa suukanneessaa gamoo paarlaamaa magaalaa Kaabul keessatti argamuu fi buufata xiyyaaraa handaara magaalattiitti argamu irratti raawwateef itti gaafatamummaa fudhate.
Weerara waggaa 20 booda dhumarratti bulchiinsi Baayidan Ebla 2021 loltoonni US Afgaanistaan keessaa akka ba'an murteessan.
Tarkaanfiin akkaan falmisiisaa fi rifaasisaa ture kun Kaabul saffisaan harka Taalibaan akka seentu taasise.
Qondaalonni duraanii Afgaanistaan eenyummaasaanii dhoksuun BBC'f yaada kennan, Taalibaan haala mijataa argatetti fayyadamuun meeshaalee waraanaa- hedduunsaanii deeggarsaan US irraa argaman- booji'ate.
Gabaasi UN bara 2023 baase Taalibaan ajajoonni waraanaa iddoo keessa socho'anitti meeshaalee waraanaa US booji'an keessaa dhibbeentaa 20 qabatanii akka turan eeyyame, kun ammoo gabaan seeraan alaa (black market) meeshaalee waraanaa akka babal'atu taasise.
Weeraramuu Iraaq
Hagayya 1990 humni waraanaa Iraaq Pirezidantii yeroo sanaa biyyattii Saadaam Huseeniin hoogganamu daangaa ce'uun Kuweet weerare.
Namoota weerara kana dura dhaabbatan dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun kaan gara Sa'uudii akka baqatan taasisan.
Namoonni hedduun hookkarri fi jeequmsi Baha Giddugaleessaa keessa yeroo dheeraaf ture asirraa jalqabe jedhu.
Akeekkachiisaa fi doorsisa hedduu akkasumas murtee xumuraa Mana maree Nageenyaa UN hordofee, Amajjii 17 bara 1991 humni qindaawaan, erga Waraana Addunyaa Lammaffaa as isa guddaadha jedhame, kan USn durfamuu fi adda-durummaan UK fi Sa'uudii Arabiyaan deeggaramu, humnoota Iraaq daangaa Kuweet keessaa baasuuf oppireeshinii waloo eegale.
Kanatti aansuun Manni maree Nageenyaa UN wixinee seeraa- Resolution 687 jedhamu ragaasise.
Kunis Iraaq meeshaalee dhala namaa jumlaan balleessan kanneen akka meeshaalee waraanaa nukilaraa, baayooloojikaalaa fi keemikaalaa, akkasumas misaa'eloota baalistikii fageenya dheeraa imaluun haleellaa raawwatan akka dhabamsiiftu gaafata.
Bara 1998 Iraaq to'attoota meeshaalee waraanaa UN faana hojjechuu dhaabde.
Haleellaa 2001 Giddugala Daldalaa Addunyaa magaalaa Niwu Yoorkitti argamuu fi gamoo Pentagon magaalaa Arlington keessatti argamu irratti raawwate booda, yeroo sana Pirezidantii US kan turan George W Bush Iraaq weeraruuf karoorsuu eegalan.
Bush Pirezidant Saadaam Huseen meeshaalee waraanaa dhala namaa jumlaan balleessan oomishuu fi kuusuu itti fufe jechuun kan himatan yoo ta'u, kanaanis Iraaqiin qaama ''caasaa hammeenyaa (axis of evil)'' jedhaniin, kanneen akka Iraan fi Kooriyaa Kaabaa, keessatti ramadan.
Sana booda Ministirri dhimma Alaa US yeroo sanaa Colin Powell bara 2003, Iraaq meeshaalee waraanaa baayooloojiikaalaa bal'inaan oomishuuf ''laaboraatoorii bakkaa bakkatti socho'u'' hojii eegalchiisuu UNtti himan.
Garuu bara 2004 ammoo dhimma kanarratti ragaan qaban ''hagas mara jabaa akka hin taane,'' ibsan.
UK, Awustiraaliyaa fi Pooland Ameerikaa deeggaruun Iraaq weeraruutti seenan.
Garuu Jarmanii, Kanaadaa, Faransaay fi Meeksikoo dabalatee biyyoonni hedduun tarkaanfii kana morman.
Ministira dhimma Alaa Faransaay kan turan Dominik de Villepin tarkaanfii waraanaatti seenuun ''furmaata osoo hin taane badii hamaadha,'' jedhan.
Miseensa Nato fi ollaa Iraaq kan taate, Turkiin ammoo US fi michootasheef buufata waraanaa eeyyamuu didde.
Pirofeesar Hazbun akka BBCtti himanitti US jijjiirama sirnaa barbaadaa turte, kanarraa ka'uun nageenya Baha Giddugaleessaa keessatti dhufuu qaba jettee ofii abjoottu humnaan hojiirra oolchuu feeti.
Gulaalaan Idiladdunyaa BBC Jeremii Boowin, keessa seentummaan sun Iraaq fi uummata biyyattii balaa hamaaf saaxile, biyyattiin waggoota kurnaan lakkaa'amaniif waraana keessa akka turtus taasise jedhe.
''Wanti mudate ayidiyooloojii Osaamaa bin Laaden fi jihaadistootaa balleessuurraa fagoo ture. Waggoonni hookkaraa fi suukanneessaan bara 2003 eegalan inumaa hookkarri akka babal'atu taasise,'' jedhe Boowin bara 2023, xiinxala waggaa 20ffaa weerara Iraaq irratti kennee fi maxxanfame keessatti.
Bu'aa weerara kanaa keessaa kan biraan ammoo gareen Al-Qaeda of cimsuun gara garee of danda'e- Islaamic State jedhee of waamutti geeddaramuusaati.
Sababa weerara bara 2003 Iraaq irratti eegaleen lammiileen Iraaq meeqa akka du'an sirriitti hin beekamu.
Jaarmiyaan waggoota Iraaq weeraramtee turte keessa, bara 20023 fi 2022 gidduutti, lakkoofsa namoota du'anii galmeessuuf hundaa'e Iraq Body Count (IBC) Project jedhamu yoo xiqqaate lammiileen Iraaq 209,982 ta'an du'uu gabaase.
Pirofeesar Hazbun, amma kan barbaadamu US tattaaffii naannawa Baha Giddugaleessaatti nageenya mirkaneessuuf taasifamu akka deeggartuudha jedha.
Akka US fi michoonnishee gochaa ba'an- humna waraanaan biyya namaa keessa seenuun nageenya buusna jechuun humnaan irratti fe'uun hin hojjetu jedha gameessi siyaasaa kun.
Dantaan US addunyaarraa qabdu kan bakka ga'u yoo biyyoota addunyaa waliin wal hubannoon, wal tumsuun hojjetaniidha malee waan fedhan humnaan irratti fe'uudhaan miti yaada jedhu kenne Pirofeesar Hazbun.