Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hasan Sheek Mohaammud pireezidant 'Farmaajoo' mo'achuun pireezidantii Somaaliyaa tahan
Bulchaa duraanii Somaaliyaa kan turan Hasan Sheek Mohaammud pirezidantii haaraa Somaaliyaa ta'uun filataman.
Filannoo miseensonni paarlaamaa biyyattii qofti sagalee irratti kennan kanaan Hasan Sheek Mohaammud pirezidantii biyyattii yeroo ammaa Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo kan bara 2017 irraa kaasanii aangoorra jiran injifataniiru.
Sababa yaaddoo nageenyaatiif uummanni bal'aan sagalee akka kennu gochuun waan hin danda'amneef bakka buutonni ummataa 328 ta'an qofati sagalee akka kennan kan taasifame oo ta'u, isaan keessaayyu namni tokko sagalee isaa hin kenniin hafeera.
Hasan Sheek Mahaammud sagalee 214 argachuun Farmaajoo kan sagalee 110 argate mo'ataniiru.
Miseensonni paarlaamaa sadii ammoo sagalee isaanii of jalaa balleessaniiru jedhameera.
Bu'aan filannoo kun bara 2012 hanga 2017tti pirezidantii Somaaliyaa ta'uun kan tajaajilaa turan Hasan Sheek Mohaammud akka aangootti deebiyan taasiseera.
Hasan Sheek Mohaammud kanaan dura Mohaammad Abdullaahii Farmaajootiin mo'atamanii turan kan aangoo gadi dhiisan.
Filannoon morkiin cimaa irratti gaggeeffame kun si'a sadaffaatiif kan gaggeeffame yoo ta'u, sababa walitti bu'insa keessoofi yaaddoo nageenyaaf baatii 15 oliif akka yeroon isaa dheereffamu ta'eera.
Akkuma bu'aan filannoo barameen hedduu osoo hin turiin Hasan Sheek Mohaammud waadaa kan seenan yoo ta'u, deeggartoonni magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessa jiranis qawwee samiitti ol dhukaasuun gammachuu isaanii ibsataa turaniiru.
Hasan Sheek Mohaammud amma waggoota afran itti aananiif tajaajilu.
Filannoo Dilbata kaleessaa gaggeeffame kanaan, miseensonni paarlaamaa sagalee isaanii kan kennan buufata xiyyaaraa magaalaa Moqaadishoo eegumsi addaa taasifamuufiif keessattidha.
Yerooo filannoon kun gaggeeffamaa jirutti sagaleen dhohinsaa dhaga'amaa turullee namni du'e akka hin gabaafamiin poolisiin himeera.
Akka pirezidantii haaraatti Mr. Mahaammud dhiibbaa hamaa hongeen qaqqabsiise kan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoota miliyoona 3.5 beela hamaaf saaxileera jedheef fala barbaaduu ta'a.
Hojiin cimaan garuu Somaaliyaa harka caalu qabatee kan jiru al-Shabaab irraa deebisee to'achuudha. Gareen al-Qaeda waliin hidhata qaba jedhamu al-Shabaab biyyattii gara caalu qabatee kan jiru yoo ta'u, irra deddeebiinis magaalaa guddoo biyyattii kan taate Moqaadishoofi bakkawwan birootti haleellaa gaggeessa.
Kana malees, biyyattiin qaala'insa gatii nyaataafi boba'aa sababa waraana Yukireeniin hammaateen miidhama jirti.
Mootummaan biyyattii waraana al-Sabaab irratti gaggeessuuf Gamtaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa gargaarsa argachaa kan jiru yoo ta'u, loltoonni 18,000 biyya sanatti boba'aniiru.
Tasgabbii dhabuun sababoota Somaaliyaan filannoo osoo hin gaggeeffatiin akka turti taasise keessaa tokkodha.
Erga bara 1969 irraa kaasee Somaaliyaan filannoo dimokiraatawaa namni kallatiidhaan sagalee isaa irratti kennatu qabaattee hin beektu.
Filannoo bara 1969 hordofee fonqolcha mootummaa, bulchiinsa abbaa irreefi walitti bu'insa milishoota gosaa, akkasumas finxaaleyyii warra Islaamistootaa hirmaachisetu hordofe.
Kan ammaa kun filannoo pirezidaantummaa kallattiin alaa Somaaliyaa keessatti marsaa sadaffaatiif gaggeeffamedha. Filannoowwan biyyattii kanaan dura turan biyyoota ollaa Keeniyaa fi Jibutii keessatti ture kan gaggeeffaman.
Filannichi akkam ture?
Filannoon kun bara darbe yeroo barri turtii aangoo Farmaajoo waggaa afurii itti xumurametti gaggeeffamuun irra ture. Haata'u malee, garaagarummaan siyaasaafi tasgabbiin dhibuun filannoon kun akka duubatti harkifatu taasiseera. Kanaan walqabatees, Mr Farmaajoon akka aangoorra turu taasiseera.
Miseensonni mana-maree pirezidantii haaraa kana filatan ammoo ofii isaaniiyyu bakka buutota gosaa biyyattiitiin kanneen fialatamanidha.
Miseensonni paarlaamaa filatan kunneen buufata xiyyaaraa guddaa Halane Camp jedhamu eegumsi addaa taasifamu keessatti ture. Bakki kun buufata waraanaa ergama humna Gamtaa Afrikaa (Atmis), akkasumas bakka dippilomaatonniifi dhaabbileen gargaarsaa keessa jiraatanidha.
Filannoon Dilbata kaleessaa kun sababa sakatta'insa cimaa ture irraan kan ka'een saatiiwwan muraasaaf duubatti harkifateera.
Filannoowwan yeroo darban ammoo kaadhimamtoonni maallaqaan sagalee bitachaa turaniiru himannaan jedhu tureera.
Filannoo Pirezidaantummaa miilanaan dubartiin tokkittiin hirmaatte Ministira Dhimma Alaa duraanii Faawziyaa Yusuuf Adam marsaa duraatiin mo'atamtee baateetti.
Al-shabaab maal jedhe?
Filannoowwan darban keessatti al-Shabaab gaggeessitoota gosaa dorsisuurra darbee ukkaamsee dhabamsiisaayyu ture. Al-Shabaab filannoo kan Islaamaa hin taane keessatti maaliif hirmaattu jechuun ture kan isaan doorsisaafi ukkaamsaa ture.
Filannoo miilanaa kanarratti ammoo al-Shabaab deebii kenuurra callisuu waan filate fakkaata. Kanaaf ammoo sababiin miseensonniifi deeggartoonni isaa dhoksaadhaan teessuma paarlaamaa argachuudhaan sirnicha keessa seenaniin qabsoo keessaa taasisu sodaa jedhuun ture.