Somaaliyaa: Haleellaa boombii badee balleessaan raawwatameen namoonni 10 ajjeefaman

Somaaliyaatti haleellaa boombii badee balleessaan reesitoraantii Magaalaa Beeledweyne keessatti namoonni siyaasaa keessaa nyaatan irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni 10 ajjeefaman.

Haleellaan kunis osoo biyyattiin filannoo naannoo gaggeessuuf qophiirratti argamtuutti kan qaqabeedha.

Haleellaan kunis jidduugala magaalaa Beledweynyeetti mana nyaataa namoonni siyaasaafi qoondaaltoonni naannoo keessaa nyaatan irratti.

Maddi oduu Rooyitaris akka jedheetti namoota ajjeeffaman keessaa tokko kaadhimamaa miseensa paarlaamaa Soomaaliyaa filannoo amma gaggeeffamaa jiruutti. Filannoon kunis Muddee darbe gaggeeffamu qaba ture.

Milishoonni al-shaabaabis haleellicha raawwachu amananiiru.

Gareen islaamaa kunnneenis waggoota 10 oliif motummaa Somaaliyaa waliin wal waraanaa kan jiru yoo ta'u, eddoowwan biyyattii tokko tokkoo keessatti buufata cimaa umataniiru.

Akka gabaasa Eejjansii oduu AFPtti, magaalaa Beledweynee keessatti osoo filannoon paarlaamaa marsaa jalqabaa hin eegaliin dura haalli eegumsa nageenyaa baayyee cimeera.

Adeemsi filannoo biyyattiis erga ministira mummee fi pirezidaantii biyyattii jidduutti filannoon maalif harkifataarratti waldhabdeen umammeen booda baatiiwwaniif boodatti harkiifateera.

Silaa filannichii jalqaba baatii lamaan dura Guraandhala 25 akka xumuramuuf kan karoorfamee ture.

Adeemsi filannichaas hoggantoota goosaa fi bakka bu'oota hirmaachisuun kan miseensoota paarlaamaa biyyaaleessaa kanneen seera tuman kan filatamu.

Booda ammoo miseensoota paarlaamaa sanatu pirezidaantii biyya hogganu kan filatan.